Shagerjob.com
23/03/2022
ODUU CABSSAA
••••••••••••••••••••••
Hoogganaa Ol'aanaan Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa Tawalda G/Maariyaam aangoosaanii gadhiisan!
Hoogganaa Ol'aanaan Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa waggoota dheeraaf gaggeessaa ture, Tawalda Gabra Maariyaam aangoosaanii gadhiisan.
Maddeen Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa keessatti itti gaafatamummaa ol'aanaarraa jiran akka himanitti, gaaffiin itti gaafatamummaa gadhiisuu Obbo Tawaldan dhiyeessan fudhatama argachuu himan.
Hoogganaa Ol'aanaan kun itti gaafatamummaa isaanii gadhiisuuf akka sababaatti kan eerame haala fayyaasaaniiti jedhameera.
Obboo Tawaldan ji'oota dheeraaf Ameerikaatti wallaansa fayyaa irraa akka turanii fi hojiisaaniis achumaa hojjetaa akka turan himameera.
Obboo Tawaldan waggoota 35'f Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa keessa kan tajaajilan wayita tahu, waggoota 10 oliif ammoo Gaggeessaa Ol'aanaa (CEO) tahuun dhaabbaticha milkaa'inaan hooggananiiru.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Address
Addis Ababa
1000