FILOO TV

FILOO TV

Share

09/04/2024

Hordoftoonni Amantii Islaamaa martinuu baga Ayyaana Iid Al Faxirii 1445ffaadhaan isin ga'e.
Ayyaana Gaarii🥰🙏

16/03/2024

Sagantaa kadhannaa Kaawunsiliin Waldaalee Amantootaa Wangeelaa Itoophiyaa boru Addabaabaayii Masqalaatti adeemsisuuf daandiiwwan magaalattii yeroof cufaa ta'an Poolisiin magaalaa Finfinnee ifoomse.

Poolisiin magaalattii ibsa baaseen sagantichi jalqabamee hanga xumuramutti daandiiwwan gara addabaabaayichaa geessan garaagaraa akka cufamuuf jedhan beeksiseera.

Sagantaan kadhannaa kun waaree booda sa'atii 7:30 hanga galgala sa'atii 12:00tti akka taasifamu kan ibse poolisiin magaalattii, kanaanis boru ganama sa'atii 4:00 irraa jalqabee daandiiwwan gara Addabaabaayii Masqalaa geessan yeroof cufaa akka ta'an himeeti jira.

Haaluma kanaan daandiiwwan Uraa'eelii gara Addabaabaayii Masqalaa, Boolee Geetuu Komeershiyaalii gara Addabaabaayii Masqalaa, Kutaa Waraanaa 4ffaa duraanii gara Addabaabaayii Masqalaa, Laga Haarii Addabaabaayii Masqalaa, Waajjira muummee Baankii Daldalaa Itoophiyaatii gara Addabaabaayii Masqalaa, Masaraa Biyyaalessaatii gara Addabaabaayii Masqalaa geessan yeroof cufaa ta'uu ibseeti jira.

Sa'atiiwwan kanatti naannawaa sagantichi adeemsifamutti konkolaataa yeroo gabaabaafis ta'ee yeroo dheeraaf dhaabuun dhorkaa akka ta'es Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

FILOO TV

16/03/2024

Baankiin Daldala Itoophiyaa dameewwanitti Tajaajilli sababa rakkoo siistamaan adda citee eegalchiise.

FILOO TV (Bitootessa 16, 2024) Finfinnee!
Baankiin Daldala Itoophiyaa tajaajilli sababa rakkoo siistamaan dameewwanitti guutummaatti adda citee ture eegaluu beeksise.

Har'a hanga galgala sa'aatii 2:00tti dameewwanitti tajaajilli kan kennamu ta'uu ibse.

Haaluma walfakkaatuun tajaajilla Baankii Diijitaalaa jechuun Intarneetii, moobaayilaafi CBE Birr adda citee jiru hojii eegalchiisuuf hojjetamaa jiraachuus baankichi eereera!

Filoo TV

Want your business to be the top-listed Media Company in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Address


Arat Kilo
Addis Ababa