Mohaammad Jifaar

Mohaammad Jifaar

Share

23/02/2026

Mohammed Bouazizi jedhama. Waggaa 15n dura ofii isaatiin abidd-a ofitti qabsis-uun of gub-ee Tunisiyaa keessatti warraaqsa uummataa eegalchiise. Gocha Bouazizi kana hordofee fincilli uummataa Tunisiyaa irra darbee gara biyyoota hedduutti babal'atee ture(Arab spring). Mohammed Bouazizi Tunisiyaa magaalaa Sidi Bouzid keessatti gaaz-ii ofitti firfirsee of gub-uun dura namoota hedduu biratti qoosaadhan kan beekamu yemmuu ta'u, umurii isaa waggaa sadii hin caalletti abbaa isaa du'aan addunyaa kana irraa of biraati dhabe!. Du'''aan boqochuu abbaa isaa hordofee Bouaziz umurii isaa ijoollummaa kanatti maatii abbaan isaa irraa boqote kana nyaatanii akka bulaniif hojiiwwan daandii irraa hojjechuu itti fufe. Bouazizi ganamaan ka'uudhan warra kuduraaf muduraa rabsan irraa duubee fudhachuudhaan daandii qarqara irratti gurguree liqii deebisaa ishee achirraa akka bu'aatti argatuun ammaa obboloota isaaf haadha isaa dadhabduu gargaaraa jiraata ture. Mohammed Boazizi utuma haala kanaan jireenya maatii isaa geggeessuu rakkoon isarra gahaa dhufe daran itti hammaachuu eegale. Rakkoo kana kan isatti hammeessaa dhufe immoo "damb Askabbaarii" mootummaan Tunisiyaa magaalicha keessatti bobbaasuu fi poolisoota idilee ture. Bouaziz utuma dambootaan reeb!amu fi saamam!uu waan argatuun maatii jiraachisaa jireenya hadhooftuu sana geggeessuu itti fufe. Kana qofaa miti. Waan argatu irraa matta'aa dambootaaf utuma kennuu daba isan isarraan gahan baay'ee kan hamilee isa buusuu fi abdii isa kutachiisu ture. Utuma haala kanaan jiruu gaafa tokko poolisoonni fi damboonni magaalichaa ati daldalaa seera alaati jechuudhaan waan inni daandii cinatti daldalatee jiraatu jalaa saam!uun fudhatan. Bouaziz biiroo kantibaa magaalichaa deemuudhaan mi'a poolisoonnii fi damboonni jalaa fudhatan dubbisifachuudhaaf yeroo yaalutti namni tokkoyyu isa dubbisuu yookan isa jalaa qabu dhibe. Sana booda waardiyyoonni gamoo bulchinsichaa Bouaziziin humnaan akka mooraa sana keessaa bahu taasisan. Bouaziz dhiibbaan maatii utuu isarra jiruu, hojii dhabummaan utuu isa aarsuu, gochoonni sirna dhabiinsaa biyya sanaa akka gubboo nyaachuu, fi hammeenyi aanga'oota Tunisiyaa humnaa ol waan isa aarseef December 17, 2010 biiroo bulchiinsa magaalattii fuulduratti gaaz-ii ofitti firfirsuudhaan of gub-e. Yeroo sanatti namoonni gocha sana argan waan danda'aniin abidd!a isarraa dhaamsuudhaan gara hospitaalaatti isa geessan. Bouaziz namoota magaalichaa biratti baay'ee waan jaallatamuuf namoonni gocha kana argan battalamutti taatee kana miidiyaadhaalee akka Facebook, X, fi Instagram irratti facaasuudhaan uummati taatee kana arge aariidhaan waliin ta'ee mormii guddaa magaalicha keessatti qabsiise. Kana hordofee hojjettoonni mootummaa hundi naasuu keessa seenuudhan prezedantii Tunisiyaa Zine Al Abdine dabalatee aanga'oonni gurguddoon hospitaala Mohammad Bouaziz ciisee jiru deemanii gaafachuun uummata fincila eegale tasgabbessuuf yaalanis itti milkaa'uu hin dandeenye. Uummati Tunisiyaa rakkoowwan akka qaala'insa jireenyaa, hoji dhabdummaa fi malaammaltummaadhaan garmalee waadam!ee keessa isaatti guungumaa waan tureef miidhamuu Bouaziz sababa godhachuudhan aarii keessa isaa futtaafachiisee mormiin sun guutummaa Tunsiyaa walgahe. Mohammed Bouaziz torban lama hospitaalaa osoo hin bahiin yaalamaa turuudhaan utuu hin fayyiin lubbuun isaa dabarte. Lubbuun darbuun Bouaziz toora miidiyaa hawwaasaa irratti qoodamuudhaan biyya hundumaa waliin gahe. Sana booda mormiin uummataa akka malee hammaachuu irraan kan ka'e mootummaan biyatti fincila uummata to'achuudhaaf humna qabu hunda fayyadamuu eegale. Hiriirtota irratti dhuk-aasa banameen lubbuun darbuu gaafa eegaltu mormiin akka malee jabaate. Mootummaan mormicha to'achuuf yaalu illee, garuu mormii uummataa dhaabuu gonkumaa hin dandeenye. Kana hordofee mootummaan Tunisiyaa waggoota digdamii afuriif(24) bulchaa ture Zine El Abidine biyyattii dhiisee baqate. Erga inni baqate booda filannoo bilisaa geggeefamee tureen The Arab The Arab Spring Era
Tunisiyaan gara tasgabbii isa caaluutti ceete. Biyyoonni taatee kana hordofaa turan muraasni muuxannoo kana horachudhaan jijjiirama barbaadan fidataniiru. Kanneen itti hin milkoofnes turaniiru.
Kan dubbise irraa.

Want your establishment to be the top-listed Bar/pub in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Website

Address


Addis Ababa