Samuee Bekele Terefa Peom

Samuee Bekele Terefa Peom

Share

19/08/2023

:28_30
...!!
28| Waaqayyo warra isa jaallatan karaa hundumaa gargaaree gara gaariitti isaan in geessa; isaanoo warra akka akeeka isaatti waamamanidha.

29| Warra duraan dursee beekumsa isaatiin foo'ate, fakkaatti ilma isaa isa obboloota baay'eedhaaf angafa ta'uuf jiru, akka ta'aniif yaadaan isaan qabe.

30| Warra yaadaan isaan qabe immoo waameera; warra waame immoo qajeelota isaan godheera; warra qajeelota godhe immoo ulfinaan isaan ga'eera.
!
!

25/10/2022

~~~~~~~~~~~~~~~
Bara hamaa kana
Kan sooreessa deegsu
Bara wallaalaan hirkatee
Beekaa dhiibee jigsu
~~~~~~~~~~~~~
Damma dur mi'aa'u
Kan sitti hadheessu
Yoo nyaattus yoo dhugdus
Kan si jibbisiisu
~~~~~~~~~~~~~~
Alaa kan dhageessuu
Gurraafuu hin tolu
Manaatii maatiikee
Asiif achi kan goolu
~~~~~~~~~~~~
Yoo Laaltu gamana
Akka hongee guba
Millattus gama San
Kan argitu daba
~~~~~~~~~~~~~~~~~
Waa mara keessaayyuu
Waa tokko hin argannu
Mee kottaa sabakoo
Uumaatti haa amannuu
~~~~~~~~~~~~~
Adaraa deebinee
Haa eeggannu garasaa
Umaa waaqaaf lafaa
Amanuutu nu baasa



Like com share...

Want your school to be the top-listed School/college in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Website

Address


Addis Ababa