Waa'ee Fayyaa
๐ฅHojjetaan mootummaa iddoo Hojii isaa irraa jijjiirame lafa Mana jireenyaa iddoo dhaqe irraa argachuu dandahaa? Fageenya hangam takka irraa? Ragaa akkam dhiyeeffachuu Isa barbaachisa? Waliin haa Ilaalluu.๐
โ๏ธDambii Misoomaa, Bulchiinsa Fi Dabarsa Manneen Naannoo Oromiyaa Lakkoofsa 246/2016 Kewt 21
๐ฅHaala Hojjetaan Mootummaa Sababa Hojii Mootummaatiif Bakka Biraatti Jijjirame Lafa Mana Jireenyaa Itti Argatu
๐1. Hojjetaan mootummaa sababa hojii mootummaatif fagaatee bakka biraatti jijiiranne bakka itti jijiirametti gurmaa'ee lafa mana jireenyaa argachuu ni danda'a.
๐2. Hojjetaan mootummaa sababa hojii mootummaatiif bakka duraan ture irraa lafa mana jireenyaa yookiin mana kan qabu ta'us bakka duraan itti hojechaa ture irraa kiiloo meetira 100 (dhibba tokko) fi isaa ol fagaatee kan jijjirame yoo ta'e bakka itti jijjiirameti waldaan gurmaa'ee lafa mana jireenyaa argachuu ni danda'a.
๐3. Keewwata kana Keewwata Xiqgaa 2 jalatti kan tumanme jiraatus hojjetaan mootummaa sababa hojii mootummaatiif jijiirame gurmaa'ee lafa mana jireenyaa kan argatu yeroo 1 (tokko) qofaafiidha.
๐4. Hojjetaan mootummaa akkaataa Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 2 tiin gurmaa'ee lafa ijaarsa mana jireenyaa argachuuf:
โ๏ธa. Ragaa dhimma hojiitif jjiiramuufi iddoo itti jjiirametti hojechaa jiraachuu isaa ibsu dhiyeessuu;
โ๏ธb. Iddoo itti jijiirametti maqaa isaatin yookiin maqaa haadha warraa yookiin abbaa warraa isaatiin mana jireenyaa yookin lafa mana jireenyaa kan hin qabne ta'uu ragaa agarsiisu qaama dhimmi ilaalu irraa dhiyeeffachuu qaba.
Haqaan Haqaaf Haa Hoojjannuu โ
Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gurawaa
17/03/2026
Addis Ababa City Administration Health Bureau Vacancy
Urgent!
Dhimma hidhamuu ogeessota Hospitaala Tulluboollootiin walqabatee Ibsa Ejjannoo OHPV irraa kenname.
Egaa akkuma beekamu Ogeessi fayyaa Oromiyaa gaafii mirgaa karaa seera qabeessa ta'een fi obsa guddaadhan gaafataa turuun isaa ni yaadatama. Haa ta'u malee hanga ammaa deebin deebi'e tokkollee hin jiru. Kun ammoo ogeessa keenya rakkoo hamaa hedduuf saaxilee akka jiru Barruu keenya dheengadda baafnerratti ibsinee jirra. Egaa kuni kanaan otoo jiruu Ogeessonni keenya sababuma gaafii mirgaa gaafatan qofaaf hidhaa fi doorsisa adda addaatiin shororkeeffamaa jiru.Kanaaf ammoo Wanti Ogeessota keenya Hospitaala Tulluboolloo muudate isa ijoodha. Guyyaa kaleessaa halkan keessaa sa'aa 3:30 tti ogeessota 4 butanii deemaniin. Kan hundarra nama gaddisiisu ammoo Ogeessota butaman arfan keessaa inni tokko Gaaddisaa Raggaasaa dabareerra otoo jiruu Kutaa Emergency keessaa fuudhanii deeman.Namni kun garaa duwwaa isaa kanfaltii baatii shanii dhabee hojjataa otoo jiruuti kan balaa dabalataa kanaaf saaxilamaa jiru.kanumaan walqabatee Koreen OHPV walgahii Ariifachiisaa karaa Zoom meeting taasiseen murtee armaan gadii dabarsee jira.
1.Guyyaa boruu ganama sa'aa 2:30 -4:00 jidduutti Ogeessi fayyaa guutuu Oromiyaa jiru akkuma gaafa demonstration sana Ogeessota kanaaf bakka hojii isaanitti yeroo gabaabaaf sagalee ta'uu akka qaban waliif gallee jirra.sababni isaas gaafii hunda keenyaa gaafataniit hidhaman waan ta'eef.
2.Ogeessonni fayyaa Hospitaala Tulluboolloo tarkaanfii yeroo darbe Istaafin Hospitaala Baalee Gasgaar fudhatan fudhadhaa. Innis Ganama akkuma hojii seentaniin hundi keessan harcaatii tokko malee bakka Atteendaansiin mallattaa'utti wal eegdanii ijoollee hidhamte dhaqxanii akka gaafattan waamicha isiniif taasifna. Dabalataanis Achii baatanii Biiroo Walitti qabaa Boordii Hospitaala Tulluboolloo dhaqxu. Odeeffannoo nuti qabnuun hidhamuu ijoollee kanaa kaleessumtii isaa Boordin Hospitaalaa mariirra akka turan dhageenye. Kallattii hidhamuu Ogeessotaas kan kaa'e walitti qabaa boorditi jedhamaa jira...waan ta'eef.
3.Ogeessonni Fayyaa Guutuu Oromiyaatti argamtan ammas strike marsaa 2ffaa gaafa guyyaa Roobii Guraandhala 25,2018 taasifamuuf bifa kana caalaa qindaa'aa ta'ee fi Harcaatii hin qabaannen Ogeessi hundi akka hirmaatu waamicha taasifna.Laagannaan inni marsaa lammaffaa kun isa akka kan jalqabaa harcaatii horachuu hin qabu.
Hoogantoonni Hospitaala Tulluboolloo ammoo ijoollee kana mana hidhaarraa baasuf maal akka gootan qulqulleeffachaa jirra.Isintu hiisise ta'uu fi dhiisuu isaas adda baafachaa jirra.(CEO fi Medical Director)Yeroo darbe Medical Director Hospitaalichaa Namni baay'een nama Ogeessaf Naatoo gaarii qabu jedhee nuuf katabaa ture. Naatoo isaanis amma kan mirkaneessinu ta'a.
Unity is power
OHPV
Waa'ee Fayyaa
Oromia Health Professionals Voice-OHP
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Telephone
Website
Address
Addis Ababa