JOSSY MAN

JOSSY MAN

Share

09/04/2026
21/12/2025

18/12/2025

𝐄𝐫𝐠𝐚𝐚 𝐉𝐚𝐛𝐝𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚 𝐃𝐮𝐛𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚..✍️✍️
Namni kamiyyuu jireenyakeef
akka siif murteessu hin eegiin.

Jireenya sirriin ati jiraachuu dandeessu isa ofiikeef murteessitedha. Sirrii fi badaan isaa immoo harka kee keessa jira. Namaan hirkoo hin godhatiin. Namni akka shambaqqooti. Guyyaa tokko laafee si jalatti cabee si kuffisa. Namni jabaadhu, ishoo siin jechuuf si jajjabeessuu danda'a malee bakka kee bu'ee siif jabaachuu hin danda'u. Bakka kee bu'ee miira keessakee siif ta'uu hin danda'u. Dhukkubbiin kanuma keedha. Namni siif boo'uu danda'a malee bakka kee bu'ee siif hin du'u. Jireenyikee akka konkolaataati. Konkolaataa namni lama hin oofu.Jireenyikees akkasi.

Namni lama siif hin jiraatu. Sumaaf suma qofa. Namni hanga bool'aatti si waliin deema malee si waliin bool'a hin lixu. Maarree nama isa kamiif furtuu jireenyaa laattee ofii balbala taatee jiraattaree? Abbalusheekoo waan jettu dhiisi. Nama hundaa gammachiisuu hin dandeessu. Namni gammachuu waan hin quufneef. Dursa ofiikeef of gammachiisi. Jireenya barbaadduuf dursa kenni.

Want your business to be the top-listed Advertising & Marketing Company in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Address


Addis Ababa