Oromia Community Development Organization
20/03/2026
Hordoftoota Amantaa Muslimaa maraan baga gammaddan!
Dhaabbanni Guddina Hawaasa Oromiyaa maqaa isaa tiin, hordoftoota amantaa Muslimaa hundaaf baga nagaan geessan jechuun ergaa gammachuu isaa dabarsa. Ayyaanni ID Al-Faxri (Iid Al-Fixri) waggaa 1447ffaa kun kan nagaa, gammachuu, jaalalaa fi obbolummaa akka isiniif ta’u hawwina.
Ayyaanni kun ji’a kabajamaa Ramadaanaa booda dhufuudhaan yeroo araaraa, dhiifamaa, walii tumsuu fi jaalala dhugaa calaqqisiisuudha. Akkasumas, hawaasni keenya keessatti tokkummaa, wal kabajuu fi walii gargaarsa cimsuuf carraa guddaa dha.
Dhaabbanni keenya ayyaanichi kan nagaa, tasgabbii fi badhaadhinaa akka isiniif ta’u hawwa; akkasumas akka biyya keenya keessatti jaalalli, walii kabajuun fi obbolummaan daran dagaagu abdii qaba.
Ayyaana gaarii isiniif haa ta’u!
Eid Mubarak!
Ergaa:
Dhaabbata Guddina Hawaasa Oromiyaa
22/01/2026
Dhaabbata Guddina Hawaasa Oromiyaa
Oromia Community Development Organization
18/01/2026
Ergaa Baga Geessanii
I/A/Hojii Geggeessa Ol’aanaa Dhaabbata Guddina Hawaasa Oromiyaa (DhGHO)
Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa maraan,
Baga Jala Bultii Ayyaana Kataraa fi Ayyaana Cuuphaa Hambaa Biyyaa fi Addunyaa ta’ee Bara 2018tti kabajamu nagaan isin gahe!
Ayyaanni Cuuphaa ayyaana guddaa guyyaa Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos Laga Yordaanositti cuuphame yaadachuuf waggaa waggaan kabajamudha. Ayyaanni kun mallattoo dhiifama cubbuu, araaraa fi haaromsa jireenyaati. Akkasumas, du’arraa gara jireenyaatti ce’uun ilmaan namootaa abdii haaraa akka argatan, nagaan, jaalalli fi tokkummaan hawaasa keessatti akka cimsaman kan nu yaadachiisudha.
Yeroo ayyaana qulqulluu kana kabajnu, jaalala, obbolummaa fi walii-galtee hawaasa keenya keessatti cimsuun misooma nagaa fi jireenya waliinii akka ijaarru hawwii koo guddaadha. Ayyaanni Kataraa fi Cuuphaa kun jireenya dhuunfaa, maatii fi biyyaa irratti nagaa, fayyaa fi badhaadhina haa fidu.
Ayyaana Kataraa fi Cuuphaa baga gammaddan!
Kabajaa Wajjin.
Obbo Kiflee Dastaa Bultoo
I/A/Hojii Geggeessa Ol’aanaa
Dhaabbata Guddina Hawaasa Oromiyaa (DhGHO)
Finfinnee, Oromiyaa
Amajjii 18 Bara 2026
31/12/2025
Happy New Year 2026
Message from the Oromia Community Development Organization (OCDO)
As we welcome the New Year 2026, the Oromia Community Development Organization extends its heartfelt greetings to the people of Oromia, our partners, supporters, volunteers, and friends across Ethiopia and around the world.
May this New Year bring peace, unity, good health, and renewed hope to our communities. We reflect with gratitude on the collective efforts and achievements of the past year, and we step into 2026 with strengthened commitment to social development, quality education, healthcare, peacebuilding, youth empowerment, and sustainable progress.
OCDO remains dedicated to working hand in hand with communities, government institutions, civil society, and the diaspora to build a just, inclusive, and prosperous future for all.
Together, let us make 2026 a year of compassion, resilience, and meaningful impact.
Happy New Year 2026!
With respect and solidarity,
Oromia Community Development Organization (OCDO)
We Are Voice To Voiceless.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Culinary Team
Attire
Contact the organization
Telephone
Address
OROMIA
Addis Ababa