Bulcha Media

Bulcha Media

Share

10/06/2026

07/06/2026

Osoo gootonni jirani karaa deemtuun biyya hin diigdu ‼

Itoophiyaan biyya gootota kumaafi kitilaan magarsiitudha; biyya gootnni akkasi biqilan keessatti karaa deemtuufi shiftan gandaa keessa kaayyoo badii biyya keenyarratti hin raawwattu !
Abjuun humnoota biyya diiguuf socho'ani tarkaanfii gooticha keenya raayyaa ittisa biyyaan fashala'eera.

Birmadummaa biyyaa kabachiisuuf hoggansi gochaan qorame goolee biyyatti hundatti dammaqinan nageenya biyyaa eegu. Raayyaan Ittisaa Biyyaa wareegama kaffaleen birmadummaa Itoophiyaa kan kabachiise fi nageenya akkasumas misooma mirkaneessuuf dirqama isaa haala boonsaadhaan bahacha jira.
Waggoota darban keessa, humnoonni alaa fi qaamoleen gargaarsa maallaqaa isaanii fudhatan biyyattii diiguuf shirri xaxan fashalaa’eera.

Gootonni keenya imaanaa uummannii fi mootummaan isaanitti kenne fudhachuun, dandeettii hogganaa ammayyaa qabaachuu, murtoo saffisaa kennuu, amanamummaa fi jaalala biyyaatiin bilisaan Itoophiyaa tajaajilu.






02/06/2026

mucaa kana kan beektan balaa konkolaataa Guyya Harra 25/9/2018Ganda Haroo Uumameen Midhamee Hospitala ODa Hulle Waan Jiruuf Namooni Beektan Firaaf Maatiin Akka Qaqaban Taasiisaa Sher Sher Godha

02/06/2026

''Guddina dinagdee 10.2 mirkaneessuuf yeroon qisasaa'u hin jiru!'' MM Dr. Abiyyi Ahimad.

Itoophiyaan guddina dinagdee 10.2 bara 2018 keessa mirkaneessuuf karoorfate fiixaan baasuuf yeroon qisasaa'u hin jiru. Filannoon biyyaalessaa marsa 7ffaan kutannoo uummanni Itoophiyaa ijaarsa sirna dimookiraasiif qabu qabatamaatti kan agarsiise guyyaa seenaa qabeessa ture. Uummanni sodaa tokko malee qorrafi roobaa danda'e hanga halkan walakkaatti sagalee isaa kennuun raajeefachiisafi ijaarsa sirna dimookiraasiif abdii kan qabudha.

Filannoo akkuma gaggeessine bulleen ganama isa gara hojiitti gallee jirra. Hooggantoonni waliigala sadarkaa Federalaafi naannoo jiran guutummaan guutuutti fuula isaanii gara misoomaatti deebisaniiru. Kunis sababni isa inni ijoon karoora guddina dinagdee 10.2 sadarkaa Afriikaatti guddaa ta'e Itooohiyaan bara kana keessa milkeessuuf qabatte galmaan gahuufi.

Baajanni bara kana xumuramuuf ji'a tokko fi guyyaa shan qofatu hafee;Waxabajjii 30 guyyaa baajjanni bara kana itti cufamu waan ta'eef kan karoorsine milkeessuuf yeroon qisasaa'u hin jiraatu. Kanaaf ariitiin gara hojiitti galuu qabna. Piroojektiin har'a ifaatti eebbifame tajaajila uummataaf bana kana taasifame kun gaara Inxooxxoo, Quusqam irra eegalee hanga Qacanee Madahanaalamatti Km 9.6 kan dheeraatu yemmuu ta'u, qaama piroojektii Shaggariidha.

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address


Addis Ababa