Adama Broadcasting Service
04/06/2026
Shira filannoo gufachiisuuf yaadame fashaleessuun hojiin nageenyaa birmadummaa biyyaa mirkaneesse hojjetame
ABS- Caamsaa 27, 2018
Shirri filannoo waliigalaa 7ffaa gufachiisuuf diinota keessaafi alaan qindaa’e fashaleessuun hojiin nageenyaa birmadummaa biyyaa mirkaneesse hojjetameera jedhe Humni Waloo Nageenyaafi Tasgabbii.
Humni Walichaa raawwii nageenya filannoo gamaaggamuun adeemsa itti aanan irratti kallattii kaa’eera.
Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’el wayita kana, Humni Walichaa akka biyyaatti hojiilee filannoon duraa, waqtii filannoofi filannoon boodaa irratti karoora baasuun qindoominaan hojjechaa jira jedhan.
Filannichi karaa nagaa qabeessa ta’een gaggeeffamuun isaa hojiileen riifoormii waggoottan jijjiiramaa darban dhaabbilee nageenyaa irratti hojjetaman dhaabbilee nageenyaa qabatamaan ergamawwan gurguddaa gahumsaan bahachuu danda’an uumamuu agarsiisa jedhan.
Hojiin nageenyaafi tasgabbii shira diinota keessaafi alaan qindaa’e fashaleesseefi birmadummaa biyyaa mirkaneesse akkasumas bu’aa riifoormichaa qabatamaan agarsiise hojjetamuu eeraniiru.
Uummanni hirmaannaa tokkummaafi birmadummaa cimsu taasisuu kaasaniiru.
Humni Waloo Nageenyaafi Tasgabbii oppireeshiniin shororkeessitootaafi finxaaleyyii irratti eegalame yeroo itti aanuttis cimee kan itti fufu ta’uu ibseera.
Yeroo itti aanutti taateewwan uummataafi mootummaa milkaa’inaan akka xumuramaniif hojiileen tasgabbii cimanii akka itti fufaniif kallattii kaa’eera.FMC
Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa
Facebook ABS+_ https://www.facebook.com/share/1CrZXuYubp/
Youtube_https://www.youtube.com/
Telegram_https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635
Yeroo mara nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
04/06/2026
Biiroon fayyaa Oromiyaa dhaabbata "Engender health"waliin ta'uun haala fayyaa haadholii fi daa'immanii eeguun danda'amurratti oggeeyyii fayyaaf Adaamatti leenjii kenne.
ABS-Caamsaa,27,2018
Saganticharratti Hoggantonni,oggeeyyiin fayyaa godinaalee fi magaaloota adda addarraa hirmaataniiru.
Biiroo fayyaa Oromiyaatti Daayreektarri Daayreektoreetii fayyaa haadholii, daa'immanii fi dargaggootaa obbo Ababaa Baqqalaa Kaayyoon sagantichaa haadholiif yeroo dahuumsaa fi dahuumsa booda tajaajila barbaachisaa ta'e haala kennuun danda'amurratti hubannoo oggeeyyii cimsuuf jedhan.
Akka naannichaatti buufataaleen fayyaa 1450 fi hoospitaaloonni 120 jiraachuu himanii karoora maatii mirkaneessuuf qindominaan hojjetemaa jiraachuu himan.
Qindeessaan sagantaa dirree dhaabbata "Engender health" obbo Daddafoo Tash*taa Dhaabbatichi rakkoo fayyaa fi du'aatii haadholii wayita da'uumsaa mudatu hir'isuuf meeshaalee yaalaa guutuu dabalatee hojii bal'aa hojjetaa jiraachuu himan.
Oggeeyyiin fayyaa gama isaaniitiin rakkoo fayyaa haadholii fi daa'immanii ittisuuf karoorri maatii murteessaa ta'uu himanii kana milkeessuuf kununsa fi eegumsa irratti xiyyeffannoon ni hojjennaa jedhan.
Makkiyaa Muussaatiin
Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa
Facebook ABS+_ https://www.facebook.com/share/1CrZXuYubp/
Youtube_https://www.youtube.com/
Telegram_https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635
Yeroo mara nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
04/06/2026
Miseensotni Gadaa Tuulama Saglii Torban Oboo Adeemsa baallii Kennuu Gadaa Meelbaa irraa gara Gadaa Michilleetti (Muudanaa) taasifamuu irrattii Marii gaggeessaan.
ABS-Caamsaa,27,2018
Gadaan sirna Oromoo isa bu’uurati.
Gadaan jaarmiyaa umuriifi dhalootan ijaarame yoo ta'u, sirna bulchiinsa wal-qixxummaa akkasumas, Gadaan Oromoo aangoo karaa nagayaatin walii dabarsuu qofa osoo hin ta'in aangoo walii shaakalsiisuudhaan hawaasni karaa guutuu ta'een akka bulu kan taasisuudha.
Tuulamni Sadeen Miseensi Gadaa Michillee Waxabajjii darbe 2017 godaansa isaa Odaa Nabee irraa calqabuun Caffee Tumaatti kan seera tumate,bultoo itti bulee hawaasa isaa biran gahe;barana immoo Waxabajjii 4,2018 tti seera tumate raggaasisuuf Dhaka_Koratti beellammate.
Bu'uuruma kanan Miseensotni Saglii Gadaa Tuulama torban Oboo keessaatti argamaan walitti dhufun Adeemsa baallii kennu Gadaa Meelbaa irraa gara Gadaa michilleetti taasifamuu irratti ciminoota fi hanqinoota waggootan saddeettan darbe keessaatti muldhaate maal akka ta'e addaa baasuufi miseensi Gadaa baallii fudhatee immoo waggootan aangoo isaa maal gochuu akka qabuuf marii gaggeeffameedha.
Marii gaggeeffamee kana irratti Abbaa Gadaa Rattaa Yaa'ii,Hayyuu Gadaa Maammoo Gadaa dabalatee miseensotni Saglii Gadaa Tuulama torban Oboo argamanii jiru.
Miseensotni Gadaa tuulama torban oboo marichaa irratti argaman gama isaaniittin Gadaan, sirna uulfoo oromoon durii ganamatti jedhan.
Iddoo Jila sirni gadaa ittii gaggeeffamuu eeguu fi kunuunsuun dirqaama miseensa gadaatti jedhan.
Wajjiira Aadaa fi Tuurizimii Magaalaa Adaamaatti Dursaa garee sona Aadaa fi hambaa Obbo Hirkisaa Morodaa kayyoon marii guyyaa kana Gadaa guduumaa oromoo Fakkeenyaa dimookirasii ta'e sadarkaa addunyaatti beeksisuu,hariiroo waliin jirenyaa hawaasaa gidduu jiru cimsuu fi maqaa gaarii biyyaatti olkaasuu jedhan.
wajjirri Aadaafi tuurizimii magaalichaas Aadaa fi safuu hawaasichaa kan ta'e sirna gadaa eeguu fi kunuunsuuf xiyyeeffannoon kan hojjettuu ta'us ibsaniuru.
Gabaasni kan Tashoomaa Urgiiti
Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa
Facebook ABS+_ https://www.facebook.com/share/1CrZXuYubp/
Youtube_https://www.youtube.com/
Telegram_https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635
Yeroo mara nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Telephone
Website
Address
Adama