Baruke Lema Efa
15/09/2023
↪️Hin hawwiin, akka Addaam garbicha Diyaabiloos taata. S.Uma 3:1-8
↪️Hin goomatiin, akka Qaayel obboleessa kee ajjeesta. S.Uma 4:1-8
↪️Hin machaa'iin, sammuu kee wallaaltee waan hin taane hojjetta. S.Uma 19:30-38
↪️Addunyaa hin ilaalii, akka haadha manaa Loox ashaboo taatee hafta. S.Uma 19:26
↪️Abbaa keetti hin kolfiin, akka Kaam abaaramta. S.uma 9:25
↪️Morka hin qabiin, akka Fara'oon liqimfamta. S.Bah 14:28
↪️Sobaan ragaa hin bahiin, akka Haamaa boolla ofumaa qopheessite keessa buuta. K.Aster 7:1
↪️Of hin tuuliin, akka Senaakireem kufta.2Mot 19:35
↪️Hiriyyaa hamaa hin hordofiin, akka Soomsoon harka diinaatti kufta. K.Fakn 16:15
↪️Hin ejjiin, akka Solomoon waaqa kee irraanfattee waaqa tolfamaa akka waaqeffattu si taasisa. 1Mot 11:1-8
↪️Aangoo hin jaallatiin, akka Abishaloom abbaa kee irratti kaata. 2mot 15:13-17
↪️Qarshii hin jaallatiin, akka Yihuudaa gooftaa kee si haalsisa. Mat 26:14-16
Ulfinnis Galannis kan waaqayyooti !!!🙏💞💘
01/01/2023
Art
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Telephone
Website
Address
Center
Adama
4289