Darunaim Multimedia

Darunaim Multimedia

Share

10/06/2026

Seenaa Gaala Allaaha fi Nabi Saalih Kutaa 3ffaa

08/06/2026

...Gaalattiin ilmoo ishee sana deessee, gidduu isaanii jiraachuu jalqabde. Garuu gaalli suni gaala baratamtuu akkuma gaalota biraa hin turre, kanaan kan ka'e Allah kitaaba Isaa keessatti 'Gaala Allahaa' jedhee waame; kabaja fi guddinnaaf, akkasumas ishee miidhuu irraa isaan akeekkachiisuuf gara Ofii isaatti irkise.

Saalihi akkas jedhee isaanitti hime: "Kun gaala Allahaati, isiniif mallattoodha, dachee Allahaa keessa deemtee akka nyaattu ishee dhiisaa, hammeenyaan ishee hin tuqinaa, ta’uu baannaan adabni dhiyoo isin qabata" jedheen.

Jiraachuun gaalattii gidduu isaanii keessatti qorumsa abboomamuu fi ajaja Allahaaf qaban ture. Isheen mallattoo dandeettii Allaaha dachee irra deemtudha. Wanti guddaan gaala kanaa, yeroo bishaan dhuguuf gara eelaa (well) dhuftu, bishaan eela sanaa hunda guyyaa tokko keessatti dhugdi. Eeyyee, bishaan gosa guutuu fi loon isaanii danda’u gaalli suni kophaa dhugdi. Kun ajaja Allahaa fi qooda Isaatiin ture: "Isheef dhugaatiin ni jira, isiniifis guyyaa beekamaatti dhugaatiin ni jira." (Al qur'an.)

Mee fakkii dinqisifamaa kana sammuu keessanitti yaadaa: guyyaa gaalattiin sun bishaan dhugdu, uummati bishaan irraa guutummaatti fagaatu, eela sanatti hin dhiyaatan. Isheen dhuftee bishaan sana hanga dhumaatti dhugdi. Gama biraatiin immoo, aannaan gosa isaanii hunda danda’u dhangalaasti; aannan gaala sana keessaa elmamuun mi’a isaanii fi qorqorroo isaanii aannaniin guutanii hamma quufanitti dhugu. Dhugaatiin ishee fi kenniinsi aanan ishees mu’ujizaa ture; guyyaa tokko bishaan dhugu, guyyaa tokko aannaan dhugu; kun haqaa fi rahmata Allahaati, akkasumas qorumsa onneeti.

Gaalattiin karaa isaanii keessa deemti, sulula isaanii keessas ni dheeddi. loon fi uummanni biroo yeroo ishee argan, guddinna isheetiif sodaatanii baqatu. Isheen yeroo hunda yaadannoo dha, Saalihi dhugaa dubbataa akka ta'e argisiifti.

Dabalataanis Gaalattiin sun dhugummaa Allahaa agarsiifti. Garuu yaadannoon guyyaa guyyaa kun boqonnaa warra kaafiraa dhorkaata ture. Jiraachuun ishee kun kokkee warra boontotaa keessatti qoree nama waraantu ta’e, akkasumas mormii irratti mo’amuu isaaniitiif ragaa guyyaa guyyaati. Boonni madaa’e yeroo baay’ee gara jibba gurraachaatti jijjiirama. Walgahiiwwan dukkanaan gaggeeffaman keessatti hasasni ni jalqabe: "Hamma yoomitti kana irratti obsina? Nuti abbootii gurguddoo Samuudi, sababa bineensa kanaatiif bishaan dhuguuf dabaree eeggannaa? Saalihi nu falfalee jira, qabeenya keenyas falfalee jira." Jedhanii hasaasuu jalqaban.

Shirrii hammeenyaa halkan keessa shiramuu jalqabe... Seenaalee hedduu isiniif dhiheessuuf fedhii guddaa qabna, garuu hamileen 000...sorry

Want your place of worship to be the top-listed Place Of Worship in Adama?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Address


Adama
1000