Hegeree
Qormaata Akkadaamii Barnootaa fi Qormaata Jiruu fi Jireenyaa
Qormaanni mana barnootaa keeysatti siif kennamu waan hamma ammaa baratte irraa gahumsa hammam akka horatte si madaaluuf siif kennama. Qormaanni sadarkaa biyyaatti siif kennamuus sadarkaa barnootaa waggootaaf barachaa turte irraa gahumsa horatte ittiin madaaluuf siif kennama. Gahumsa barbaadamu arkatte taanaan gara sadarkaa itti aanutti si ceesisu. Gahumsa barbaadamu hin horanne taanaan sadarkaa barnootaa itti aanutti osoo hin ceene achumatti hafta.
Akkuma kana qormaanni imala jiruu fi jireenyaa irratti si mudatuus kan roga barnootaa kanaan addaa miti. Adeemsi itti siif kennamu adda tahuus, kaayyoon isaa tokkuma. Garaagarummaa hin qabu. Lamaanuu gahumsa kee madaaluufi. Jireenyiis kan si qortu, sadarkaa amma irra jirtu irraa gara isa itti aanutti si ceesisuuf dura gahumsaa fi dadhabina kee adda baafachuufi. Imala itti aanuuf si qopheeysuufi.
Qormaanni jireenyaa laabraatoorii hammaa fi hanqinni gahumsa kheetii ittiin baramuudha
Imala jiruu fi jireenyaa keeysatti qormaata hedduutu si mudata. Qormaanni si mudatan kunneen si kuffisuuf yookaan akka ait kuftuuf murtaa'ee waan sitti ergamee miti. Si jabeeysee fuulduratti si tarkaanfachiisuuf. Imala kee irratti, hamma gahumsi kee gahu si barsiisuufi. Akkasumaas, hanqina kee si barsiisuufi. Hanqinni, hanqina if dagannaa keetiin uumame yookaan hanqina oggummaas ta'uu danda'a. Lamaan isaaniituu laabraatooriin ittiin adda baafattee bartuun qormaata imala khee irratti si mudateeni.
Qormaata si mudateen kufuuniis ni jira. Hubadhu; qormaanni kan si khuffisu, yoo ati qormaaticha keeysatti kubbaa qormaatichaan gara kheetitti dhiitamte harkaan itti buutee maanoo tuuyxe qofa.
Qormaata si mudate keeysa dhaabbachuun gaafa injifannoo fi furmaata rakkinichaa fiduuf tattaaffattu maanoo hedduu tuquuf carraa ballaan waan jiruuf if eeggannoo tasgabbii fi oggummaan guutame taasisi!!!
✍️👇
Yaada
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Oromia
Adama
0000