Furtuu Onnee
GORSA JAALALAA
==============
1: Namni ati jaallattu yoo fuula sitti guure jarjartee hammeenyasaa hin dubbatin. Bor deebitanii gaafa walitti araaramtan gaabbii cimaa seentaatii
2: Nama tokkotti nama gaarii of gochuuf jecha hiriyyaa kee hin xureessiin. Haqni) dhugaan booda si gaafataatii
3: Yeroo mara dhugaa dubbadhu. Gammachuun sobarraa maddu yeroomaaf malee booda sin fayyaduutii, Dhugaan harra dubbatte bultee si boonsitiitii
4: Baaltii jette jettee hin amanin. Amantees kan biraaf hin dabarsiin. Gaaf tokko si qaaneessaatii
5: Yeroo namni si arrabsu atis hin arrabsiin. Jalaa callisnaan ofiifuu gaabbee dhiisaatii
6: Jaalalleen kee Waadaa waliif qabdan cabsee yoo haala mijeeffate aariif xiiqiin ati waadaa kee hin cabsin. Diinummaas hin yaadiniif. Bor cubbuu waadaa kee lakkuu kaffaluunsaa dirqamaatii
7: Kan si miidhe haaloo bahuu dhiisuun sodaa sitti fakkaatee xiiqiin haaloo bahuuf hin fiigiin. Haaloo (Ija'aa) dhugaan kee baatutu caalaatii
8: Waan bor darbuuf jaalalaan hin qoosiin. Bor dhala dhabuunis jiraatii
9; Jaalala fudhachuu qofa hin yaadiin. Oolmaa waan gaafatuuf kennii fudhu malee♤♤♤
👇👇👇
27/11/2021
Sin jaalladha jedhee
Sitti himuu hin dhiisne.
Dubbadhes baafadhe.
Qalbiin koo naan ciisne.
Isa gaafa sana.
Kan Ati naan jette.
Seenaa natti faarsa.
Isaan onnee naa seente.
Jecha hammaa hin beektu.
Natti hin baastu qeenxee.
Akkan siif warreerammu.
Atis utuu naaf beekte.
Waadaan kee na hiidhe.
Darbe deemu sodaadhe.
Ba'aa natti caalee.
Onnee na sakkaale.
Ijii koo hin argu.
Tasa nama bira.
Keessa onnee kootti.
Sittu guutee jira.
Hunda na tajjabee.
Ollaaf warri fira.
Anis harka hin laadhu.
Deemsa koo dhorkame
Waadaan kee na hiidha.
Dhugaaf jedheen deema
Siif hin qabu shira.
Mararte koo jedheen.
Jechan siif hirriira.
Ani sin of tulleen.
Jaalala keen of kullaa.
Lafa rakkoo keetti.
Si waliin nan dhaqa dullaa.
Gammachuu koo
Hirmaatte narra hin haftuum gadda.
Eenyummaa kee ilaalen
An siinaan gammada.
Sirraan jibbu homaa.
Hundanu kan toltee.
Caba koo hin tuffaatu.
Naa wajjin okkoltee.
Kanaafin si jaalladha.
Bagas natti tolte...
sher, godhaa😍
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Telephone
Website
Address
Cairo