Aspire Immigration Consulting services

Aspire Immigration Consulting services

Share

05/31/2024

Gammachuu kiyya hirmaadhaa:

Wagga 2 dura 'nami keessan wahii rakkina cimaa keessa jira' jettee miciyyoon ani hin beekne tokko community Itoophiyaarraa Calgary jirurraa bilbiltee na himte. Bilbila irraa fudheen bilbilee nami saniin wal-arge.

Nami sani gaafan argu ulee dhaddhabbaataa deema, fayyaa hin qabu. 'Amma wayyaheni malee wheelchair keessan ta'ee deema ture' naan jedhe. Haallisaa hedduu nama gaddisiisa.

Hojjachuu waan hin dandeenyeef warra company bilbilaatu maallaqa irraa qaban gara credit collection erganii isa cinqaa turani. Achuma bira gadi taa'een warra credit collection bilbileen maallaqa irraa kafale. Dhibee inni qabu hedduu waan ta'eef ittuma fufeen gargaare.

Baatii muraasa booda warri immigration 'ati galii waan hin qabneef haadha warraa kee fi ijoollee kee sponsor gochuu hin dandeesuu' jedhanii xalayaa itti ergani. Hayyama waanin qabuuf dubbicha keessa seenee nama kana gargaaruufin murteesse.

Ragaalee adda addaa qindeessee warri visa office dhimma nama kanaa haala addaatiin akka ilaalanii keessummeessan gaafadhe. Gaaffii kiyya fudhatanii dhiiga (DNA) qoratanii maatiin nama kana akka dhufaniif hayyamani.

Waanin falme keessaa tokko 'nami kuni maatii asii dhabuun miidhama kanaan gadii isarraan gahuuf jira, utuu maatiin dhufaniifii fayyee hojjatata' kan jedhu ture. Gaafa maatii nama kanaatiif visa kennan gammadeen booye.

Nama kana saantima tokko utuu irraa hin fudhatin inumaa ofii kiyyan itti baaseen gargaare. Dadhabbiin kiyya lafatti hin hafne. Rabbii maatii kana wal-agarsiisee haadhi warraa fi ilmaan isaa Canada dhufaniif.

Guyyaa kaleessaa na galateeffachuu bakka hojii kiyya dhufani na aja'ibsiisani. Kan na aja'ibe, akkuman warra immigration tti falmii dhiheesseef sanatti maatiin dhufanii waggaa tokko booda nami kuni fayyee, nama fakkaatee natti dhufe.

Galata Waaqi. Hedduun gammade. Tola oolummaan maallaqaan olitti yeroo nama gammachiisu qaba. Yaa warra keenya wal-gargaaraa. Keesaahuu warri biyya ormaa jirtan gatii baasaa wal-utubaa.

Mee nami na waliin gammaddan harka baasaa. Nagaan jiraadhaa.

06/10/2023

Credibility is key in refugee applications

Recently people brought to me many refugee cases that are either rejected or rescheduled for another round of interview by Canadian overseas visa offices after passing through interview process.
Canadian immigration officials have ultimate power in issuing visas or denying one. The burden is on you to convince them you are entitled to it. Be persuasive and credible. Credibility is key.

Refugee taatani gara biyya biraa deemuuf gaafa iyyattan hanga isiniif danda’ametti oduu namarraa dhageessan utuu hin ta’in waan jireenya keessaniin walqabatu himadhaa.
Visa officer si amanuu dhabnaan gadi si dhorkuuf aangoo cimaa qaba. Nan amanaiifne qofa jedhee cufuu danda’a.
Amanamummaan bu’uura dubbiiti. Dhugaa ta’uu fi dhiisuun waan biraati. Dubbiin kee nama amanaiisaa?

06/09/2023

Today we received one more good news from Immigration and Refugee Board of Canada. The first positive decision of the month.
Working with a consultant who knows and/or understands your back home context makes big difference in asylum application. Congrats dear client.

01/18/2023

Happy to announce that a temporary resident permit (super visa) is issued for one of my clients. Many factors including country conditions affect getting a positive assessment for visitor visa applications. This is the fastest we received for a client from Ethiopia. Congratulations client.

Want your business to be the top-listed Business in Calgary?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Address


300-4015 17 Avenue SE
Calgary, AB
T2A0S8