Milkii Multimedia
06/04/2026
đź’§Imala Kaayyoo part 4
Abbaa seeraa mana murtii ol aanaa Magaalaa Makkaa Tahuu Irraa Hanga Imaama Masjiidal Haraamittii tahuuttii
Maqaan Isaa Sheikh Sa'ud bin Ibrahim bin Muhammad al-Shuraim jedhama
• Bara 1964 (H.1386) Magaalaa Riyaadhitti dhalate
Sheikh Shuraim nama barnoota amantii fi ammayyaatiin hedduu fagaatee fi nama kennaa hedduu qabuudha
• Barnoota Sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa isaa Magaalaa Riyaadh keessatti xumure
• Digrii Jalqabaa Bara 1988 tti Yuunivarsiitii Islaamaa Imam Muhammad bin Saud irraa barnoota Usul-ad-Deen (Bu'uura Amantii) eebbifaman
• Digrii Lammaffaa (Master's): Bara 1992 keessa Inistiitiyuutii Murtii Olaanoo (Higher Judicial Institute) irraa fudhatan.
• Digrii Sadaffaa (PhD): Bara 1995 keessa Yuunivarsiitii Umm al-Qura keessatti barnoota Shari'aatiin fudhatan
Abbaa seeraa mana murtii ol aanaa Magaalaa Makkaa tahee waggootaaf Nama tajaajileedha
Bara 1991tti Ajaja Mootichaa Fahad bin Abdulaziz yeroo saniitiin Masjiida Al-Haraamitti Imaama fi Khaxiiba ta'anii muudaman
•
Waggaa 32 oliif Masjiida Al-Haraam keessatti Imaama ta'e eega tajaajile booda, Jalqaba bara 2023 keessa fedhii isaatiin hojii Imaamummaa irraa soorama bahe
đź’§ Leenci kun hojiin inni hojjate addunyaa Islaamaatiif ashaaraa tahee akka siidaattii onnee muslimoota kessattii bu'uureeffame kaayame jira
Sheikh Shureym nama dandeeytii walaloo barreessuu haalaan dandahuu fi kitaabota baay'ee barreessaniidha
Nuus warra diin qabatee Rabbiin sadarkaa isaani Adduniyaa fi aakhirattii ol fuudhamte
nu haa taasisu
Share waliif godhaa Yaada kennadhaa yaanni keessan nu cimsa part......5 itti fufa
✍️Daily Islamic remindersrs
Click here to claim your Sponsored Listing.