Che Kuevara

Che Kuevara

Share

08/31/2022

Dhimma Faqqadaafi Mugaabee Adda baasanii barreessun gowwaa koflisiisanii ilkaan lakka'uudha.

Warri dhugaa gadi baasna,Rakkoo Uummata Horroo Guduruufi Wallagga Baha akka ifa ta'u feetan, Hundeeffama EWO Mugaabeen karaa Yuusuf ilma Jaarsaa Eegalchiseefi Faqqadaa Abdiisaa akkamin Tika Buraayyuu dhiisee akka bosona Horroo Seenee barreessaa. Bira naanna'uun hin barbaachisu.
Mugaabee Oolchuf Faqqadaaf Shimallis qofa walitti hidhuunis waan hin fakkaanne. Dinagdee Faqqadaan ittin Shocho'aa Jiru murnuma Maqaa ABO himatutu diyaaspoora irraa joonjessee walitti qabaa jira.
Dhugaan ni hadhoofti.

Afaan Faqqadaa irraas kunoo akkasiin dhaggeeffadhaa. Gochoota Uummata keenya W.Bahaa fi Horroo Guduruu irratti raawwatamaa jiruuf itti gaafatamaan eenyu akka tahe quba qabaadhaa!!

08/22/2022

Rakkoo fi Shira Qabsoo Bilisummaa Oromoo Sudaan Keessa Jiru!

Oromoon Sudaan keessatti hojii qabsoof wal ijaaraa turun isaa waan beekamaa dha. Akkumaa namootni bay'ee hojii qabsoo keessatti qooda isaanii baha turan bay'een isaanii ammoo qabsoo Oromoo irratti hojii diinummaa dalagaa turanii jiru, ammas kan itti jiran hedduu dha. Maqaa konyaa dhaabaa biyya Sudaan jedhuun bifa ijaaramee ergama nam-tokkee (Daawod Ibsaa fi Gaashuu Lammeessaa) fudhachuun bifa addaan duula qindaa'aa ABO-WBO irratti geggeessaa jiru.

Gama konyaan yoo rakkoo jiru ilaalle yeroo ammaa kana namni konyaa dhaaba Sudaan anatu hooggana ofiin jedhu nama maqaan isaa Daniel Bezaabii jedhamuu dha. Daani'eel Bazzaabihi jechuu nama dhalootan Horroo guduruu ti. Daawod waliin firooma akka qabantu dubbatama.

Daani'eel Bazzaabihi Eenyuu?

Daani'eel Bazzaabihi bara 2018 xumura irra gara biyya galee waajjira gulallee irraa erga qajeelfama fudhatee booda nama eessa akka inni jiru namni hin beekne waan Daawod ergeef qofa hatattamaan bara 2019 baatii ammajjiti gara miseensummaatti akka dhufu godhame dha. Akkuma miseensa ta'een dhoksaan hojii tikaaf bobbafame osoo baatii 6 hin geenya gara hooggansaatti ol fiduuti kaa'ame. Bara 2020 jalqaba irra hooggansa konya dhaaba Sudaan jedhanii maqaa moggasaniif. Quba qabaadha namni kun namootni illee isa hin beekan innis nama hin beekuu ture. Waan Daawod itti amane garuu fudhachuun dirqamaa, heeraaf seeraa dhaaba malee tartiiba qoodama miseensoota osoo hin eeggatiin ani hooggansa jedhee burraaquu jalqaba. Hojiin isaa inni guddaan waan itti kennamee rawwachuu qofaadha. Yeroo dheeraaf biyya keessaa Obboo Daawod irra qajeelfama fudhatee abbaa barbaadee arrabsaa oola. Addumaan ammoo namoota ABO-WBO'n qaba jedhee yaadu hordofuun mataa keessa rukutuun gad teesisuu irratti hojii guddaa nama hojjechaa turee dha. Erga Daawod hidhameen jira ofiin jedhe ammo kallatti namni gabaasa kennafii turan Malkamuu nama jedhamu gazeexeessaa SBO duraanii ti. Caasaan isaanii hedduu wal xaxxaa dha. Jarmiyaa konyaa Sudaan isaan jedhan kana hoogganuuf koree namni torba immoo diyaaspora keessaa teessee qajeelfama kennaa oolti. Waan nama ajaa'ibu Kamaal Qalbeessaa fi Gashuu Lammeessaa koree isaanii keessa warra hooggansa olaanaa ta'u Sudaan keessatti hojii kanseerii caaluu hojjetanii dha. Akkuma namuu beekuu Kamal Qalbeessaa jechoota inni ittin hooggansa ABO-WBO xiqqeessaa ture waan namuu beekuu dha. Nama kanaatu hooggansa jeera kanaati. Yeroo hedduu karaa toora zoom qajeelfama kennaaf. Namootni Akka Odaa Xaasee, Abdataa Homaa, Gashuu Lammeessaa, Kamal Qalbeessaafatu gorsitoota jeera kanaati.

Namni biroon konyaa Sudaan isaan jedhan keessatti hojii diinummaatti turaniif ammas itti jirun Dhiibbaa Hangaasuu ti. Inni kunis guyyaama tokkicha Daani'eel Bazzaabihi waliin gara miseensummaatti dhufan. Yerooma tokko karaa namoota obbo Daawod waliin dhihoo jiraniin gara hooggodhameti akka dhufu godhame.

Dhibbaa (Siifaan) Hangasuu utuu gara miseensummaati hin dhufiin nama ilaalcha ABO qabu jedhaman hadheeffatee balaaleeffatu dha. Addumaan walabummaa Oromiyaa akka biyya biyya diiguutti nama amanuu dha. Miseeensa KFO ture. Akka heeraa Dhaabatti namni jarmiyaa biraa keessaa garaa jarmiyaa ABO dhufu barbaadee dhaaba duraan keessaa ture irra waraqaa qulqullinaa dhiyeessuun murtii koree hojii rawwachiftu ABO'n gara miseensummaatti dhufuu qaba ture. Kun hunduu bishaan dhugee sardaadhuman koree hojii rawwachiftu konya Sudaan godhanii miseensa KFO hooggansa godhan. Waan kun rakkoo guddaa gidduu isaaniiti uume. Namootni bay'ee waan borcaa kana baqachuun keessa baqachuu jalqaban. Namoota sirreessuuf yaalan immoo mataa rukutuun maqaa barbaadanii barjaa itti maxxansuun taphaan ala gochaa turan. Keessuma erga WBO'n hooggansa olaanaa filachuun qunnamtii warra Gulallee jiran waliin addan kutuu beeksisee, namoota qunnamtii waraanaa qabu jedhanii shakkan irratti hojii diinummaa isa dhugaa rawwachaa turanii jiru. Afaaniin WBO gargaarra, ni jaallanna, ni tumsina jedhu garuu qajeelfamoota karaa hooggansa ABO-WBO dhufan tasumaa amananii hin liqimsan. Maqaa waraanaan yeroo adda addati waan argatan corachaa turanii jiru. Garuu hooggansa ABO-WBO irratti akka isaan duulaniif qajeelfama biyya keessaa karaa obbo Daawod fi karaa obboo Malkamu dhufu hojii irra oolchu. Akkasumas namoota ala kana keessatti jarmiyaa biyyaa alaa kan ofiin jedhan obbo Gashuu Lammeessaa, Kamal Qalbeessaa fi Abdallaa suleeman irras qajeelfama ni fudhatu. Kanaaf ragaan walgeetii isaan karaa tooraa zoom qopheessummaa Odaa xaasee, Shugux Galataa fi Gashuu Lammeessaa irratti isaan argamanii dubbachaa turan raga guddaa dha. Waan guddoo nama ajaa'ibu obbo Daawod yeroo hidhamee jira jedhu sana toora zoom irratti isaan mariisisaa tureera.

Gareen tokko haala kanaan yoo qumaaraa taphatu gareen biroon immoo akka waan isaan irra foxoqaanii maqaa tumsa Egeree Oromiyaa jedhun maqaa WBO tumsina jedhuun garee uumatanii sochohaa turanii jiru. Akkuma namuu beekuu tumsuu Egeree Oromiyaa morkaataa Taskforces akka tahuuf waan obbo Daawod mataan isaa Faqqadaa itti gargaaruuf tolfatee tahuu namni qabsoo kanatti dhihoo jiru ni beeka. Gareen Egeree Oromiyaa jalatti wal sassabee kun immoo waan ajaa'ibaati. Afaan qabsoo dubbatu, waraana leellisu, garuu haga Gashuu Lammeessaa fi Abbaa Daalee waliin jiraniiiti waraana obbo Daawod fa'aa ta'u isaanii ti. Waanti hedduu nama gaddisisuu immoo ijoolleen Sudaan keessatti utuu hin beekin Waraana obbo Daawod (Faqqadaa) gargaaran hedduun isaan keessa jiru. Gowwaan waan boodaan jiru hin beekuu jaalala WBO qofaaf tumsa gochuuf ijaarame garuu karaa namoota Diyaaspooraa keessa jiranii harka obbo Daawod jalaa bahu hin dandeenye. Iddoo lamatti namni qumaara taphachuu keessatti qooda guddaa qabu Sudaan keessatti Jibril Tasamaa ti. Jibri biyya keessatti obbo Daawod ni qunnama biyya alatti ammoo Gashuu Lammeessaa fi Abdetaa Hoomaa ni qunnamuun. Hojii isaan itti kennan hojjeta. Karaa hedduun dhimma itti bahu inni jalqabaa karaa golgaa advocacy group jedhamuu hojii hojjechuuf yalanii jiru. Garuu guddaa itti hin milkoofne. Hojii sana keessattis qoodni Daani'eel Bazzaabihi guddaa ture. Inni 2ffaan ammoo Dhabbata gargarsaa ORA fakkeessuun waanti yaalame ni jira. karaa sana keessattis fadaalaan waan sanii Jibriil Tasamaa ti. Jibriil Tasamaa harkaa tokkoon warra konyaa keessatti harkaa tokkon immoo tumsa Egeree Oromiyaa keessatti fadaalaa tahuun hojjechaa ture. Akkuma dheengada karaa toora zoom dubbachaa turan maqaa Jarmiyaa biyya alaa jedhun gaanfa afrikaa keessatti hojii addaaf koree ijaarrachaa akka jiran ragaan toora zoom irraa waraabamee ni jira. Achi irratti Jibriil yeroo dubbatu jarmiyaa biyyaa kanaa kan ijaaree Obbo Daawod tahuu dhugaa baheera. Egaa obbo Daawod maliif harka lamaan nyaachuu barbaadee? Daani'eel Bazzaabihi ajeja isaa jala jiraachuun gaaffii tokko hin qabu. Jibriil illee garuma sana akeekaa jira. Dubbii jirtu qaama waraana fi maqaa jarmiyaa jedhanii ala kanatti Orobertoo mugabee jalatti bakka lama jiru. Lamaan isaanii murna seeseeti. hooggansa ABO-WBO xiqqeessaa, beekamtii dhorkachaa, waraanni isaan gargaaran yoo jiraate Faqqadaa Abdiisaa fi Orobertoo Mugaabee (Daawod Ibsaa) gulallee jiruu dha. Akka toora zoom irratti Jibriil dubbateetti koreen jarmiyaa biyyaa alaa Sudaan haaraan isaan filatan Biraatuu fi Mohammad Leencaa ti. Qaamni maqaa tumsaa Egeree Oromiyaa deemuu kan adda durummaan Biratuu fi Jibriil Tasamaan keessatti qooda fudhatan kan hundeen isaa Daawod Ibsaa (Orobertoo Mugaabee) fi Gaashuu Lammeessaa tahe Uummata burjaajeessuu irra ifa baasanii ABO-WBO jalatti hojjechuu fudhachuu fi mormuu isaanii ifa gochuu qabu. Qaamni maqaa konyaa biyya Sudaniin deemuu jarmiyaan waraana qabu kan akeeka ABO ganamaa of harkaa qabu kan walummaa oromiyaa falmachaa jiru tokkicha ABO-WBO mirkaneessaanii haa fudhatan. Kanaan achi ifa baasanii diinummaa isaanii itti haa fufan. Garuu maqaa WBO'n saamuun yakka ta'uu haa beekan. Dubbiin Sudaan keessaa wal xaxxaa dha.

Kutaa 2ffaa keessatti dubbii jajjabduu hin tuqamiin qabannee dhufna.
Ilma Kaayyoo dhaan.

itti fufa......

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Philadelphia?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Address

Philadelphia, PA