Yabello Polytechnic College
16/07/2026
09/07/2026
Ogummaa Leenji'aa 👍👍
28/05/2026
Galmeen Sirna Odeeffannoo Gabaa Hojii (E-LMIS) waltajjii bal’aa hojii barbaaddota galmeessuuf tajaajilu qofa osoo hintaanee, galmeen alatti carraawwan qabatamaa hedduu irraa fayyadamoo ta’uuf kan isin dandeessisu ta'uu quba qabduu?
Galmeen Sirna Odeeffannoo Gabaa Hojii (E-LMIS) odeeffannoo hojiibarbaaddotaa galmeessuun cinatti carraawwan bal'aa isiniif qabatee misomee guutuu biyyaatti hojiirra oolaa jira.
Carraawwan galmee kanaan argattan keessaa muraasni kan armaan gadiiti.
🎯Carraa hojii biyya keessaaf: Biyyattii keessatti beeksisa gita hojii banaa jiran salphaatti argachuuf,
🎯Carraa hojii biyya alaaf: carraa hojii biyya alaa seera qabeessaafi nageenyummaan isaa mirkanaa'e irraa fayyadamoo ta'uuf,
🎯Carraa hojii fagoof (Remote Jons): Carraa hojii fagoo mana keessan teessanii ykn bakka jirtan hundatti hojjechuu kan dandeessan argachuuf,
🎯Lakkoofsa Eenyummeessaa hojjettootaa (Labor ID) argachuuf: Lakkoofsa eenyummeessaa hojjetaa dijitaalaa kan dhuunfaa keessanii qabaachuuf,
🎯Hojjechiistota amanamoo argachuuf: Dhaabbilee hojjechiistotaa mootummaan mirkanaa’an waliin kallattiin walqunnamuuf,
🎯Eeruu beeksisa hojii: Akkuma maxxansi hojii haaraan maxxanfameen bilbila keessan irratti ergaa gabaabaan akka isin qaqqabuuf isin gargaara.
Carraawwan kanneeniifi kanneen biroo hedduutti fayyadamuuf har'uma Galmee Sirna Odeeffannoo Gabaa Hojii (E-LMIS) galmaa'aa!
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the university
Telephone
Website
Address
Yabelo