Amanu Asabe
18/08/2022
Maqoota gatii hin qabne irratti wal hin qabiinaa, dorgommee “dirijjitii” dhiisaa. Akka qabuun ta’utti wal’aansoo amantii cimsaa qabaa. Maqaa maqoota caalu Maqaa Yesuus tu ga’aa dha.
………Waaqayyo isaan kana irraa dhimma hin qabu. Kan inni beeku
ykn
ykn
👇
Maat. 28:19 “……saba hundumaa koo godhaa!”
👇
HoE. 13:48 “……..warri mootummaa Waaqayyootti galuudhaaf yaadataman hundinuu ta'an” Hub. Kiritiyaanota ykn Pheenxota ta’an hin jedhu.
👇
1Phex.2:9 “Isin garuu qomoo fo'amaa dha, mana mootummaa ti, saba 'aa dha, warra dhuunfaa Waaqayyoo ta'anii dha.” Hub. Amantoonni Hundumtuu Luboota. (Qeesota hin jenne)
👇
Yoh.20:17 Yesus immoo, “Ana hin qabin! Ani amma iyyuu gara abbaatti ol hin baane; gara dhaqii, ‘Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessaniitti ol nan ba'a’ jedhii isaanitti anaaf himi!” jedhee ishee abboome
👇
Hub. HoE. 11:26 irratti “……Bartoonni jalqaba duraa “ ” jedhamanii waamaman” kan jedhu jira. Sana Waaqayyotu ittiin jedhe miti ykn isaantu nuyi jedhamna jedhan miti. Namoota warra kaantu ittiin arii’achuuf akka isaaniif mijatutti maqaa itti moggaasan. Fkn. Biyyi ykn Mootummaan tokko garee tokko yoo jibbe maqaa itti moggaasee shororkeessaa godhee akkuma mancaasu jechuu dha.
👇
Kanaafuu maqaa ittiin of jajnu ykn dhaadannu ykn Waaqayyo biratti beekamtii ittiin argannu miti.
👇
Maqaan ittiin of jajnus maqaan ittiin Waaqayyo Abbaa biratti beekamtii argannus maqaa Yesuusiin malee maqaa sirna amantaa miti.
👇
IN Short, Christianity is a religion Christ is the Saviour, the life , the way, the truth.
👇
Namootaaf yeroo wangeela dhugaa baanu “Yesuusiin simadhaa ykn fudhadhaa jenna malee Kiristiyaanummaa fudhadhaa jennaa ree?
11/07/2022
MAAL SIIF HAA TA'UU?
Akka kamaal Eebboo
Qabsoof ja,ee waregamuu
Kan lammiin jaalala saa
Gamaaf gamanan gungumuu
Akka Artist Haacaaluu
Dhiiga kichuutti jigsuu
Qotee diina awwaaluu
Lafeen daangaa tiksuu
Akka sheek-bakri sapaloo
Bara dhufuuf lammi gorsuu
Yoon du'ee boolla cisees
Siif imimmaan cororsuu
Akka Taaddasaa Birruu
Sammuu dhaloota qaruu
Labata kootiif dungoo ta'ee
Rakkoo lammii koo baruu
'uu
Akkuma Adaam Saaddoo
Gola icciitii kee siif eeguu
Sirraa fageessuu yaaddoo
Ofii kooti daaree deeguu
Akka abbaa jifaar
Waan bara baree kaawuu
Diina oromoo kootii
Qawweedhaan akaawuu
Akka waaqoo guutuu
Oromoof yoo duullee
Sodaa tokkoon alattii
Diina kee yoon qalee
Akka Abishee Garbaa
Fayyaatti bool'a lixuu
Waraanuu lukaaf sarbaa
Ajjeesee immoo fixuu
Akka Roobaa buttaa
Qabsoof oflaadhuu
Sodaa takkaan alaa
Halkaan guyyaa dhaphuu
Akkuma Bakar Waaree
Luka koof siif laadhuu
Rakkadhee siif daaree
Gadda kee hirmaadhuu
Jaarraa Abbaa Gadaa ta'ee
Dhugaadhaaf cichee du'uu
Bakka ati hin geenye ga'ee
Boolla ati buune siif bu'uu
Akka Elemoo Qilxuutti
Hidhadhee dhukaasuu
Maltuu ciruu lubbuutti
Haleeleetoo fageessuu
Akka kafaallo darrasaa
Miila koo sabaaf laadhuu
Sodaa tokkoon alaatti
Diina firfisee itti tophadhuu.
Akka Usmaayyoo Muussaa
Sirbee immoo siif shubbisuu
Bahaaf lixaan iyyee caraanuu
Seenaa Oromootaa dubbisuu
Akka Eebbisaa Addunyaa
Lubbuun haa ajjeefamuu
Reeffii koo konkolaataan
Lafarraa haa harkifamuu
Akka Jeneraal Waaqoo Guutuu
Garbummaa hundeen buqqisuu
Dhugaa sabaaf kootiif falmee
Dadhabuu ilma koo itti guddisuu
Akka Abuubakar muusaa
bineensaan nyaatamuu
Bara hanga barootaatti
Dhalootaan dhaadamuu
Qubaan qubee sararuu
Akkuma Hayilee fidaa
Onneerraa sin mararuu
Naaf keessuuree siidaa
Akka Leenjisoo Dhiigaa
Morma Oromoof dhabuu
Hundumtuu anatti fiigaa
Dacheerraa darbee cabuu
Akka Nadhii gammadaa
Jiraatti siif dhabamuu
Akka hoggantoota oromoo
Bakka saani bu'e hidhamuu
Mee maaluma sif haa ta'uu
Yaa Oromoo koo??????
11/07/2022
Click here to claim your Sponsored Listing.