Alhayat

Alhayat

Share

23/02/2026

Mootummaan Itiyoophiyaa fi jaarmiyaaleen fayyaa qaamni dhimmi ilaallatu abbaan taayitaa nyaataa fi Qorichoota Itoophiyaa keemikaalota fayyaa miidhan kan akka DDT, Aldrin, Heptachlor fi kkf akka hin gurguramne ykn oomisha jimaa irratti hawaasni hin fayyadamne seeraan dhoorkuu qabu.

Jimaa irratti keemikaala summii qabu (toxic pesticides) akka hin biifamne gochuu fi bakka sanatti mala aadaa kan biraa kan miidhaa hin qabne ayyadamuun jimaa magarsuun ni danda’ama.

Namoota jimaa oomishan gargaarsa Ogummaa laachuu fi dhaabbileen namoota jimaa karaa qulqulluudhaan oomishan jajjabeessuu, kunis fayyaa fi dinagdee waliin toluu danda’a.

Jimaa qulqullina qabu oomishuun — yoo beekumsa saayinsii irratti hundaa’e — faayidaa qabeessa fi dinagdee hawaasa tiif deeggarsa ta'aa.

Rakkoo kana dubbachuun jimaa balleessaa jechuumiti, fayyaa jiraattootaa fi qabeenya isaanii eeguuf tarkaanfii gara fuulduraatti fudhachuun barbaachisudha.

Jimaa keemikaala biifamee irraa of qusadha! Yeroo yeroon talaallii HBV fudhadhaa! fayyaa ummata ofii eeguuf mootummaan seera cimaa keemikaala dhoorku diriirsuun furmaata waaraa fi tasgabbaa’aa ta’e fiduun dirqama!.

👨‍⚕️ Author:
Dr. Huzayifa Mohammedawol Shifa
Specialist in Herbal Medicine & Evidence-Based Integrative Therapy Director & Doctor – Giddu Gala Yaala Qoricha Aadaa Oromiyaa (Oromia Traditional Medicine Center)
📍 Shashemene Oromia, Ethiopia — 2025

Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa Follow godha.

📚 Madda Wabii Saayinsaawaa (Scientific References)

1. Ethiopian Public Health Institute (EPHI), National Hepatitis B & C Sero-prevalence Report, 2022.

2. World Health Organization (WHO), Global Hepatitis Report, Geneva, 2023.

3. Ministry of Health, Yemen, National Viral Hepatitis Survey, 2020.

4. Kenyan Medical Journal, Correlation between Khat Chewing and Hepatitis B Prevalence in Eastern Kenya, 2021.

5. "Pesticide Residue Analysis of Khat Leaves and Health Risks among Khat Chewers in the Amhara Region, Northwestern Ethiopia"

6. Exposure to DDT and its metabolites from khat (Catha edulis) chewing: Consumers risk assessment from southwestern Ethiopia

7. A review of the health implications of heavy metals and pesticide residues on khat users | Bulletin of the National Research Centre

21/04/2025

Abbaan manaa Gartuun dhiigaa isaa RH +ve ta'ee fi Haati manaa RH -ve taate yoo walfuudhan, Ulfa irratti miidhaalee akkamii geessisaa?
*************************************************
Gartuu dhiigaa nagativaa jechuun seeliin dhiigaa diimaa (Red Blood Cells) ummamaan yoo qaama isa irraa pirootinii Rh jedhamuu hin qabuu ta’ee dha (Gartuu dhiigaa A-, B-, AB- fi O-). Kan RH poozatii jennu ammoo faallaa isaati (Gartuu dhiigaa A+, B+, AB+ fi O+).
*************************************************
ULFA IRRATTI AKKAMIIN DHIIBBAA GEESSISAA?
Dubartiin gartuu dhiigaa nagativaa (Rh-ve) qabduu tokkoo dhiira gartuu dhiigaa pozativaa (Rh +ve) qabuu waliin ga’eela yoo godhatee ulfooftu, gartuun dhiigaa kan miciree/mucaa isaan pozaativii carraa ta’uu ol'aanaa qaba. Yoo dhiigni mucaa gadameessa keessa jiruu Rh+ ta'u, sirni madiinummaa haadhaa (maternal immune system) seelii dhiigaa diimaa kan miciree gadameessa keessaa kana akka aalagati illaaluudhaan loluu ykn miidhuu eegala. Wanti kunis miciree gadameessa keessa jiru fi ulfa itti aanee dhufu irattis rakkoo armaan gadii fiduu danda,a
-Ulfa ba'uu (abortion)
-Hir’ina dhiigaa mucaa irratti (fetal anemia)
-Du’aatii mucaa gadameessa keessatti (stillbirth)
-Qaama mucaa keessatti bishaan kufamuu (fetal ascites)
*************************************************
RAKKOO KANA AKKAMIIN ITTISUU DANDEENYAA?
-Yeroo ulfaa qoricha iminooglobuuliin (anti-D ) jedhamu, kan haadhaaf kennamuu fi dhukkuba kana hambisuuf oolu fudhachuu. Iminooglobuuliin (anti-D ) kunis yeroo lama kennama.
1. Yoo ulfi ji’a 7 ykn torbee 28 irra ga'u.
2. Erga deessee booda yoo gartuun dhiigaa mucaa ilaalamee RH +ve ta'e, haati deesse sa’aa 72 keessatti haadhaf kenama.
***************
Hubachiisa:
-Dubartiin gartuu dhiigaa nagativaa (Rh-ve) qabduu tokkoo dhiira gartuu dhiigaa nagativaa (Rh -ve) qabu waliin ga’eela yoo godhatee mucaan isaanis gartuu dhiigaa nagativaa(Rh-ve) waan qabatuuf rakkoon umamuu hin jiru. Kanaaf haadhaf

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Nekemte?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Address

Nekemte

Opening Hours

Friday 09:00 - 17:00
Saturday 09:00 - 17:00
Sunday 09:00 - 17:00