Dhimmituu
12/03/2026
Itoophiyaa kanatti waanuma olii gadi duuti itti murtaa'e fakkaata. Bakka nageenyi hinjirree, waluma waliin walfixaa jirti. Bakka nagaadha jedhamu balaa konkolaataa fi balaa uumamaan dhumaa jiru. Amma ammaatti goodina Gamoo keessatti namoonni 99 balaa sigiga lafaatiin lubbuun isaanii darbeera.
09/03/2026
Miseensonni WBO jedhaman barsiisaa Dassee bifa sukkunneessaadhaan ajjeesan!
18/02/2026
Mallas Zeenaawii waggoota Itoophiyaa bulche keessatti yeroo tokkoof illee lafa Wallaggaarra hin ejjetiin lubbuudhaan godaane. Dr. Abiyyis, "ani yoon Wallaggaan deeme na ajjeesuu, sababa kiyyaa fi Jimmaa fi Wallaggaan walfixu" jedhee uummata Wallaggaan dallansiise. Amma kana miti. Wallaggi osoo rasaasaa fi dirooniidhaan reebamuu, kabajaa fi jaalala qabu itti agarsiisuun, yaa'ee simatee jaalala itti agarsiiseera.
18/02/2026
Baay'ee nama hingaddisiisuu? Waan hiyyumni nama gootu! Daa'ima kana abbaatti gattee Araba deemaa jirti. Harmeen kun akkamiin jiraatti? Daa'imnihoo akkam taha?
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the public figure
Website
Address
Nekemte
251