Gibe Unity Voice

Gibe Unity Voice

Share

Photos from Gibe Unity Voice's post 21/11/2022

Guyyaa borii sagantaan walharkaa fuuchaa hojii pirojektoota jalqabsiisuu Bulchiinsa maagaalaa Jimmaafi kontiraaktaroota gidduutti ni gaggeeffama

Jimmaa, Sadaasa 12/2015 (WKMJ)
Bulchiinsa Magaalaa Jimmaatti bara 2015 kana keessa pirojektoota haaraa 22 hojjechuuf karoorfaman keessaa pirojektoonni 10 guyyaa borii kontiraakterootaaf dabarfamanii kennamuun ni jalqabsiifamu.

Pirojektoonni bor walharkaa fuuchaan taasifamus gaaffii bu'uuraalee misoomaa ummanni keenya gaafataa ture kan deebisuufi guddina magaalaa keenyaafis barbaachisoo kan ta'aniidha.

Daandiin miillaa, Manni Barumsaa Bu'uura Boruu, ijaarsa manneen qusannaa, iddoo gabaa beelladaafi iddoowwan gurgurtaa jimaa dabalatee pirojektoonni biroos guyyaa borii ifatti kontiraaktarootaaf dabarfamanii kennamuun ni jalqabsiifamu.

Pirojektoonni kanneen gandoota magaalichaa garaagaraa keessatti kan hojjetaman yoo ta'u, guyyaa borii bakka hoggantoonni magaalichaa, kontiraaktaroonniifi qaamooleen hawaasaa adda addaa argamanitti walharkaa fuuchaan raawwachuun ni jalqabsiifamu jedhamee eegama.

Want your organization to be the top-listed Government Service in Jimma?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Address

South Oromiyaa
Jimma