Waloomaa.

Waloomaa.

Share

20/03/2026

ULAAN GALAANAA: HAQA ITOOPHIYAATI!
==
Ulaan galaanaa Itoophiyaaf dhimma filannoo osoo hin taane, dhimma jireenyaaf bu’uura ta’eedha. Biyyi guddoon akka Itoophiyaa, lafa bal’aa, qabeenya uumamaa hedduu fi uummata miliyoona 130 ol qabdu, bu’uuraalee misoomaafi daldala babal’isuuf akkasumas nageenya ishee mirkaneessuuf ulaa galaanaa qabaachuun murteessaadha. Kana jechuun, ulaan galaanaa dhimma mootummaa qofaa osoo hin taane, dhimma uummata maraa fi dhaloota dhufuufis bu’uura jireenyaa ta'eedha.

Seenaa dheeraa Itoophiyaan qabdu yoo ilaalle, biyyoota Afrikaa keessatti qaroominaa fi daldalaan adda durummaan biyya beekkamtu turte. Daldala galaanaarraa, walitti hidhamiinsi daldalaa fi sochiin dinagdee biyyoota ollaa waliin taasifamu, guddina biyya keenyaa keessatti shoora olaanaa qabaachaa ture.

Haa ta’uu malee, jijjiirama siyaasaa fi wal-dhibdee qaxanichatti mudateen, bara 1993 yeroo Ertiraan biyya keenyarraa adda baateetti, sirna yeroo sanaatin mariifi beekkamtii uummataatiin ala fedhii humnoota muraasaafi faallaa biyya keenyaa ta'an keessaa fi alaa qindaa’anii biyyi keenya ulaa galaanaa malee akka haftu taasisanii jiru.

Kanarraa ka’uun biyyi keenya ulaa galaanaa dhabuun faayidaa gama diinagdee, siyaasaa, hawaasummaatin argachuu maltu dhabuu bira darbee, mirga seeraan qabdu akka mulqamtu ta’eera. Akkasumas, jiruuf fi jireenyi lammiilee dhiibbaa jala akka galu taasiseera

Ulaa galaanaa dhabuun biyya keenyaaf faayidaa diinagdee,siyaasaafi hawaasummaa qofa dhabuu osoo hin taane, yaaddoo nageenyaafi birmadummaa biyyattii sadarkaa olaanaan kan saaxiluudha. Kana waan ta’eef, dhugaa dhabne deeffachuufis ta’ee fedhii misoomaa qabnu milkeessuuf haqa waloon dhabne waloon deeffachuun dirqama dhaloota har’aa akka ta’e beekamuu qaba.

Kanaaf, gaaffiin ulaa galaanaa hooggansa keenya Muummicha Ministeerotaa Dr. Abiy Ahmediin eegalamee ajandaa biyyoolessaafi idil Addunyaa ta'e ,tumsa lammiilee hundaatiin milkeessuun hojii manaa dhaloota har’aa akka ta’e hunduu hubachuu qaba.

Yaadamni ' Ulaan Galaanaa Haqa Itoophiyaati 'jedhu dhugaa uummanni keenya barootaaf dhabee ture kan deebisuudha. Marii karaa nagaa,dippilomaasiifi tarsiimoo kennanii fudhachuu biyyi keenya eegalte humna akka horatuu fi haqa biyyi keenya dhabde Idil-Addunyaaf beeksisuuf hayyoonni, beektotni fi lammiileen hundi irree gamtoomee fi miira tokkoomeen waloon hojjechuun dhimma boruuf jedhamu akka hin taanes dhaloonni kun hubatee hojjachuun murteessaadha.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
kallacha Oromia: https://m.facebook.com
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
You tube: https://www.youtube.com/
-------
TikTok: tiktok.com/
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/

Photos from West Hararghe Zone Communication's post 03/02/2026
Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Hirna?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address

Harargee Lixaa
Hirna
123