Fuade

Fuade

Share

31/01/2026

🌸 Infeekshinii Qaama Saalaa Dubartootaa: Maali? Maaltu Fidda? Akkamitti Ofirraa Ittisna? 🌸

👉 Infeekshiniin qaama saalaa dubartootaa (Vaginal Infections) dhibee dubartoonni baay'een jireenya isaanii keessatti yoo xiqqaate si'a tokko mudataniidha.

​🚩 Mallattoolee Beekuu Qabdan
​Yoo mallattoolee armaan gadii ofirratti argitan Infeekshiniin jiraachuu danda'a:
🔸️Hooqsisuu fi gubaa naannoo qaama saalaa.

🔸️Jijjiirama dhangala’aa (bifa, foolii, fi baay’ina isaa).

🔸️Dhukkubbii yeroo fincaanii ykn wal-qunnamtii saalaa.

🔸️Naannoon qaama saalaa diimachuu fi dhiita’uu.

🪝 Sababoota fi Rakkoo Fidan
1️⃣Qulqullina dhabuu: Naannoo qaama saalaa sirnaan qulqulleessuu dhiisuu.

2️⃣Saamunaa fi keemikaalota: Saamunaa foolii qaban ykn sh*ttoo naannoo qaama saalaatti fayyadamuu.

3️⃣Qorichoota: antibaayootikii ykn qorichoota hormoonii.

4️⃣Uffata: Uffata jalaa baay'ee isin qabu ykn kan qilleensa hin galchine uffachuu.

5️⃣Dhibeewwan biroo: Dhukkuba sukkaaraa ykn dandeettiin dhukkuba ofirraa ittisuu hir’achuu.

​🧬 Gosa Infeekshinii fi Sababoota Isaanii

💠Bacterial Vaginosis (BV): Baakteeriyaan qaama saalaa keessatti wal-madaaluu dhabuun kan uumamu yoo ta'u, foolii akka qurxummii fiduun beekama.

💠Infeekshinii Fangasii (Yeast Infection): Fangasii "Candida" jedhamuun kan dhufu yoo ta'u, hooqsisuu cimaa fi dhangala’aa adii akka ittoo (cheese) fakaatu uuma.

💠Trichomoniasis: Dhibee wal-qunnamtii saalaan daddarbu yoo ta'u, dhangala’aa keelloo-magariisa foolii badaa qabu fida.

​🛡️ Of-eeggannoo fi Ittisa

​Hawaasni keenya barmaatilee dogoggoraa irraa akka of qusatu gorsuun barbaachisaadha:

✅️Qulqullina eeggachuu: Naannoo qaama saalaa bishaan qulqulluun qofa dhiqachuu; saamunaa keemikaala qabu irraa of qusachuu.

✅️Uffata: Uffata jalaa kan jibrii (cotton) irraa hojjetame fi qilleensa galchu uffachuu.

✅️Harkaan tuquu dhiisuu: Hooqsisuu irraa of qusachuu fi harka qulqulluun qofa tuquu.

✅️Hordoffii: Mallattoon kun yoo mul’ate dhuunfaan qoricha bitatanii fayyadamuu dhiisanii mana yaalaa deemuun barbaachisaadha.

​🩺 ​Infeekshiniin qaama saalaa dubartootaa yoo yeroon yaalame salphaatti kan fayyuudha. Qaanii tokko malee ogeessa fayyaa mariisisaa! Fayyaan keessan harka keessan jira.

👨‍⚕️ Yaada ykn gaaffii yoo qabaattan 'Comment' jalatti nuuf dhiyeessaa!

31/01/2026

🖐️ SOLLAQUU GOGAA QUBAA: Maaliif? Furmaanni Isaa Maali? 🖐️
​Yeroo baay'ee gogaan quba keenya irraa yoo sollaqu ykn quncau (Skin Peeling) ni argina.

​🔍 Sababoota Ijjoo:

• ​Gogiinsa Gogaa: Sababa qilleensa gogaa, bishaan ho'aa ykn sababa uumamaan gogaan keenya yoo goge ni qunca'a.

• ​Harka Baay'isanii Dhiqachuu: Saabuunaan harka yeroo baay'ee dhiqachuun zayita uumamaa gogaa keenya irra jiru waan balleessuuf gogaan akka sollaqu taasisa.

• ​Keemikaalota: Keemikaalota tokko tokko harkaan tuquun gogaa qubaa keenyaa miidhuu danda'a.

• ​Aduu Nama Gubuu: Aduu cimaa keessa yeroo dheeraa turuun gogaan keenya akka sollaqu godha.

• ​Hir’ina Bitamiinii: Keessumaa hir’inni Bitamiini B3 (Niacin) ykn B7 (Biotin) gogaa keenya irratti dhiibbaa qaba.

• ​Infeekshinii fi Alarjii

​✅ Maal Gochuu Qabna?

• ​Jiidha ykn Kireemii (Moisturizer): Harka keessan dhiqattanii akkuma xumurtaniin jiidha (Vaseline, Olive oil, Lotion) fayyadamaa.

• ​Bishaan Dhuguu: Gogaan keenya akka hin gogneef bishaan gahaa dhuguun barbaachisaadha.

• ​Saabuunaa Lallaafaa: Saabuunaa gogaa hin miinee fayyadamuu.

• ​Shurraaba Harkaa (Gloves): Yeroo keemikaalota tuqan "glove" uffachuun gogaa qubaa eeggata.

• ​Harkaan Ofirraa Hin Quncisinaa: Gogaa sollaqe sana harkaan quncisuun madaa fi infeekshiniif nu saaxila.

Want your business to be the top-listed Media Company in Harar?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Address

Harar
0000

Opening Hours

Monday 03:15 - 17:00
Tuesday 04:00 - 17:00
Friday 03:00 - 17:00
Saturday 03:00 - 17:00
Sunday 03:00 - 17:00