Mahadii Mahammad

Mahadii Mahammad

Share

09/07/2023
21/01/2023

?

"Gaalli bakka oolee fakkaata" Raaddi harreen wajji ooltu ......... baratti" Nama wajji ooltu naaf himi nama ati taate anaatu siif himaa".

Hadiisa gorsa ajaa'ibaa tiifii dawaa ajaa'ibaa of keessaa qabu dubbisaa sheer waliif godhaa!!Ergaa tana walbiraan gayaa galata itti arkadhaa.

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللهُ قال رسول الله صلى الله عليه وسلم (المرء على دين خليله فلينظر أحدكم من يخالل) رواه أحمد والترمذي
Nabiyyiin Rabbii SAW akkana jadhan: "ilmi namaa amantuma waahila yokaa hiriyaa isaati qabaata, nama hiriyaa godhattan filadhaa"
hadiisa kana Imaamu Ahmadii fiii Trmiziitu gabaase.

Ulamaa'ii yokaa sheekkotaa wajji taa' uun yokaa saahibuun beekkomsaa fii sodaa rabbiiti namaaf dabala,
Hayyuu yokaa Aaqila saahibuun hayyummaadha siif dabala,
Dureessa saahibuun jaalal horiiti namaaf dabala,
Hiyyeessa yokaa miskiina saahibuun Galata rabbii beekuu fii waan rabbiin siif kanne jaalachuudha namaaf dabala,
ijoollee yokaa daa'ima saahibuun taphaafii qoosaa yokiin baacoo jaalatuudha namaaf dabala,
Nama jallaa (munaafiqa) yokaa nama badii hojjatu saahibuun jallina irratti gootomuudha namaaf dabala;

Makmaaksa kana irraahiis gorsa guddaatu fudhatama.
"ilmi Namaa saahiba tola saahiba bada"
(الصاحب ساحب)مثل عربي.
Saahibni saahiba isaatiif akka konkolaataa walharkisuuti(akka tasaabiiti)

saahibni miidaiyaa hawaasaa irratti wal saahibdan jijjiirama namatti fiduu keessatti akkuma saahiba qaamaan wajji jiraataniiti.

Jechi keetii fii gochi kee ati itti yaadduus itti yaaduu baattuus nama saahiba keetii irratti jijjiirama guddaa akka fidu hin dagatin.

Ijoollee teessaniifii Haadha mana keessnii
Eenyu akka saahiban hordofaa qaceelloofii jallinni isaanii saahiba isaanii rratti hidhamee jira waan taheef.

yaa Rabbi saahiba gaarii nugodhi, saahibban gaarii nuuf godhi,
yaa rabbi nuqaceelchi, nuuf qaceelchi, nuun qaceelchi.

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Harar?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Address

Harar