Oromo Unity

Oromo Unity

Share

30/07/2022

Hoggantoota paartilee ABO fi KFO Ergamaa Addaa Gaanfa Afrikaa Maayik Hamar waliin mari’atan.
Hayyuu Dureen Adda Bilisummaa Oromoo fi Dura taa’aan Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) Pirofeesar Mararaa Guddinaa kaleessa Adoolessa 29, 2022 jila dippilomaatota Ameerikaa Ergamaa Addaa Gaanfa Afrikaa Maayik Hamariin durfamu waliin walarguun haala yeroo ilaalchisee marii bal’aa taasisaniiru. Jilichi qaama daawwannaa Itoophiyaa keessatti nageenya waarawaa buusuuf hojjatamu deeggaruuf gara Itoophiyaa taasisuun paartilee lamaan waliin mari’ateera.
Marii bal’aa waamicha Imbaasii Ameerikaa Finfinneetti argamuun godhame kanaan hoggantoonni paartiilee lamaanii dhimmoota ijoo haala nageenyaa, diinagdee fi siyaasa biyyattii akkasumas haala paartilee lamaan ilaallatan irratti yaada isaanii jila Dippilomaatotaaf ibsaniiru. Keessattuu waraana fi hongee Oromiyaan keessatti mudatee jiru, dhimma marii biyyoolessaa gaggeessuuf karoorfame fi hidhamtoota siyaasaa ilaallatan kan of keessatti hammate akka ta’e ibsameera. Paartileen lamaan kun marii biyyooleessaa hunda hammatee fi qaamolee walabaa hirmaachise gaggeeffamu akka qabu cimsanii hubachiisaniiru. Haal duree tokko malee hidhamtootni siyaasaa akka hiikaman, waraanni akka dhaabbatu, waajjiraalee jalaa cufaman akka banamanii fi paartileen siyaasaa kun sochii bilisaan akka taasisan haalli akka mijeeffamu qabus gaafataniiru.
Paartileen kun “dhiibbaan garaagaraa irra gahee sochiin isaanii ugguramaa jiraatuus” qabsoo karaa nagaan gaggeessuu kan itti cimanii fufan ta’uu ibsanii jiru. Jilli Dippilomaatota Ameerikaa Maayik Hamariin durfamu gama isaaniin nagaa Oromiyaa fi Itoophiyaa, darbees ammoo Gaanfa Afrikaa keessatti mirkaneessuuf gaheen paartileen lamaan kun qaban guddaa ta’uu himuun, nagaan mirkanaa’ee nageenya lammiilee akka eegamuuf Ameerikaa waan irraa eegamu kan baatu ta'uu himan.

Maddi Addis Standard

Want your university to be the top-listed University in Harar?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Address

Oromoo People
Harar
0921655740