Dadar High School Alumni
Dadar Memory part 3. To All DHSA members welcome to our Dadar memory part 3.
~~A Poem of Childhood Memories | Performed at DHSA Founding Day
~~~~
A reflective poem inspired by childhood experiences, performed on stage by Mohammed during the DHSA Founding Day ceremony.
DHSA Establishment Days
A New Legacy Begins — Trailer Coming Soon
The foundation has been laid, the leaders have been elected, and history has been written.
Now, we prepare to share the story with the world.
The official DHSA founding trailer is coming soon — a first look into the unity, commitment, and vision that brought alumni together from near and far.
General Assembly For Establishment of Dadar High School Alumni Charity Organizations
11/01/2026
Oduu Gamachiisaa: Hundeeffama Waldaa Alumni Mana Barumsa Sadarkaa Ol-aanaa Dadar
_Kabajamtoota Maatii Alumni Mana Barumsa Sadarkaa Ol-aanaa Dadar:_
Guyyaan har’aa, Amajjii 10, 2026,
seenaa mana barumsa keenyaa keessatti guyyaa iddoo guddaa qabudha. Galma Hoteela B-Capital, Magaalaa Dirree Dhawaatti argamutti, sagantaa hundeeffama Waldaa Alumni (DHSA) haala miira ho’aa fi namatti toluun milkeessineerra.
Sagantaa kana irratti miseensonni kutaalee biyyaa adda addaa kanneen akka Dadar, Finfinnee, Harar, Godina Harargee Lixaa fi Dirree Dhawaa irraa dhufan, akkasumas hojjettoonni mootummaa fi dhuunfaa garaa garaa walitti dhufeenyaan hirmaataniiru. Turtiin keenya kan yaadannoo mana barumsa keenyaa nu yaadachiisu, jaalalaa fi tokkummaan kan guutame ture.
Milkaa’ina Galmaa’an:
●Hundeeffamni kun haala seera qabeessa ta’een hojii isaa eegaleera.
Miseensonni Koree Hojii Raawwachiiftuu 3 fi miseensonni Boordii 9 haala dimookiraatawaa ta’een filatamaniiru.
●Dhaabbanni kun kaayyoo Dhadaannoo Tokkummaa, Guddinaa fi Ashaaraa milkaa'inaa jedhu irratti hundaa'uun guddina mana barumsa keenyaa fi hawaasa keenyaatiif ni hojjata.
●Obboloota keenya hundeeffama kanaaf wareegama kaffaltanii fi miseensota garee hundaaf galata guddaa qabna. Hundeeffamni kun dhaloota darbee fi isa dhufu walitti hidhuun platformii wal-deeggarsaa fi tumsaa guddaa akka ta’u abdii qabna.
Baga Gammanne , Baga Gammaddan!
Boordii Waldaa Alumni Mana Barumsa Sadarkaa Ol-aanaa Dadar.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Address
Deder