DOYA MEDIA
10/02/2026
Paartiin Badhaadhinaa filannoo marsaa 7ffaatiif Qamadii maanifeestoofi mallattoo filannoo isaa gochuun ifoomse.
==
Paartiin Badhaadhinaa mata duree "Itoophiyaa gara biyya fakkeenya taateetti” jedhuun maanifeestoo filannoo marsaa 7ffaafi mallattoo filannoo isaa beeksise.
Waltajjicharrattis Pireezidaantii Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa fi Ministirri Muummee Itti aanaa Obbo Tamasgeen Xurunee, Pireezidaantii Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa fi Itti gaafatamaan Waajjira Muummee Paartichaa Obbo Adam Faaraah,Miseensotni Koree Hoji- Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi miseensota Mana Maree Paartii Badhaadhinaa dabalatee hoggantoota paartichaa biroofi keessummoonni affeeraman argamaniiru.
05/02/2026
Pirezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Godina Gujiitti ijaarsa Buufata Xiyyaara Shaakkisoo eegalchiisan.
= = =
Biyyi keenya Itoophiyaan balbala geejjiba qilleensa Afrikaa keessatti adda duree ta'uuf mul'ata ishee jalqabaa taasifattee taarsiimoo buufata xiyyaaraa hedduu qabaachuuf gargaaru baastee hojii hojjechaa jirtuun milkaa'inoonni gurguddaan rakkoo geejjibaa hawaasa keenyaa furuun jiruufi jireenya isaa jijjiiruu danda'an argamaa kan jiru yoo ta'u, guyyaa har'aa kanas Pirezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa Godina Gujiitti ijaarsa buufata xiyyaaraa shaakkisoo eegalchiisaniiru.
Sagantaa kana irratti hojii geggeessaa olaanaa humna qilleensa Itoophiyaa obbo Masfin Xaasoo, hooggantoota olaanoo Mootummaa Federaalaafi Naannoo, hawaasni Godinichaa, Abbootiin Gadaa, haadholiin siinqee, Abbootiin amantaafi keessummaanni garaa garaa argamaniiru.
04/02/2026
ODUU AMMAA
US diroonii Iraan gara dooniishee xiyyaara baatutti balali'aa ture rukkutuu himte
=====
Dubbi-himaan Waraanaa US dirooniin Iraan gara doonii Ameerikaa xiyyaara baatu Galaana Arabiyaan keessa jirutti “humnaan cabsee itti deemaa ture” rukkutamee kufuu hime.
Jeettiin waraanaa F-35C jedhamu humni raadaarii isa hin dhorkine doonii waraanaa Ameerikaa guddicha USS Abraham Lincoln irraa ka’e diroonii Iraan kana rukkutee kuffiiseera.
03/02/2026
Yeroo jalqabaaf qaala’iinsi jireenyaa dijitii qeenxee %9.7 galeera-Dooktar Abiy Ahimad
Itiyoophiyaatti yeroo jalqabaaf qaala’iinsi jireenyaa dijitii qeenxee %9.7 galeera jedhan Minstirri muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy Gaaffilee Miseensotaa mana maree bakka bu’ootaa Uummataarraa ka’aaniif deebii fi ibsaa bal’aa kennaniiru.
Qaala’iinsaa jireenyaa ilaalchisuun ibsa kennaniin boba’aan walqabatee gatii boba’aa biyyaa keessaa fi biyyootaa ollaa gidduu jiru kaasan.
Buufataaleen boba’aa naannawaalee qarqara biyyattiitti akka fashiniitti babal’ataa dhufuu ibsuun kunis deeggarsaa mootummaa fudhatanii gurguruuf akka ta’e tuqan.
Baasiin boba’aaf mootummaan baasu dabaluu ibsanii, ammallee namoonni ‘kalafatoon’ deeggarsa boba’aa taasifamuu saammachuuf taattafii taasisan haala ga’aan to’achuun akka hindanda’ame ibsan.
Kanaafis sababnii sirni to’annnoo isaa akka hindiriirifamne dubbatan.
Garaagarummaan gatii boba’aa biyyoota ollaafi Itiyoophiyaa gidduu jiru, haalota biyya keessa walxaxaa taasisuuf haalaa mijataa ta’eeras jedhan.
Kana to’achuuf sirna to’annoo fi hordoffii diriirsuuf hojjetamaa akka jiru ibsuun, deeggarsa boba’aa, daballii galii, fuuncaa gabaa, gatii ibsaa, boba’aa, bishaanii, giddugaleeffachuun hojiilee hojjetamaniin Itiyoophiyaatti yeroo jalqabaaf qaala’iinsi jireeyaa dijiitii qeenxee %9.7 galuu himan.
Kun injifannoo olaanaa ta’uus kaasanii, gatii dhabsisuuf utuu hinataane caalaatti akka hir’atuuf hojjechuu qabna jedhan.
Ammallee qaala’iinsa hir’isuuf dameewwan ijoo ta’an, nyaata, mana jireenyaa, geejjiba, sagantaa nyaata manneen barnootaa, galii lammiilee fooyyessuurratti xiyyeeffanaan kan hojjetamu ta’uu kaasan.
Kanneen irratti waarinaan hojjechuun, hojiilee amma hojjetamaa jiran waliin yoo walsimsiisne, qormaanni qaala’iinsa jireenyaa Itiyoophiyaarratti mul’atu hafaa akka adeemu ibsan.
03/02/2026
Itiyoophiyaan 🇪🇹🇪🇹 Ulaa galaanaa argachuun karaa Baalees ta'u karaa Boolee waan hin oolledha!" jechuun dubbii dachaa dubbatan MM Abiy.
Galaana Diimatti bahuuf danda'amnaan karaa dippilomaasiin, dadhabamnaan humnaan jechuusaaniti.
03/02/2026
Pilaastika(Feestaala) bosbosee biyyeen hin nyaanne, labsiin hojiirra ooluun qile'ee dabarse.
Dooyaa Miidiyaa, Amajjii 26,2018-Faalamni pilaastikaan dhufu hanga bishaan lafa jalaa summeessuutti miidhaa kan qaqqabsiisu ta’uu, Sagantaa Kunuunsa Naannoo Addunyaa ibse.
Addunyaarraa waggaa 1 keessatti pilaastikni toonii miliyoona 400fi miiliyoona 60 akka oomishamus Sagantaan Kunuunsa Naannoo Addunyaa ibseera.
Kana keessaas tooniin miiliyoona dhibba 2fi miiliyoona 90’tti siqu kanneen si’a tokko qofa tajaajiluun gatamanidha.
Toonii miiliyoona 19 hanga 23 ta’u immoo kallattiin qabeenya bishaaniifi lubbu qabeeyyii bishaan keessaa kan hubunidha.
Omisha walii galaa pilaastikaa keessaas harki 75 warreen tajaajila gabaabaa kennanidha.
Gataan balfa pilaastikaa kunis harki 46 dirra lafaarratti raawwata.
Omisha kana balaafamaa kan godhe immoo biyyee keessatti bososuu(nyaatamuu) dhabuusaati.
Akkaatuma oomisha isaatti burkutaa’uuf/bososuuf waggaa 20 hanga jaarraa 6 itti fudhatas jedhama.
Akka ragaan Sagantaa Eegumsa Naannoo Addunyaa ibsutti faalamni balfa pilaastikaan lafa, qaama bishaaniifi bishaan lafa jalaa irraan gahaa jiru yaaddoo hamaadha.
Rakkoo faalama qilleensaa gama pilaastikaan gahu qolachuufis biyyoonni Miseensa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ALA bara 2022 qajeelfama dhabamsiisa balfa pilaastikaa mallatteessaniiru.
Itiyoophiyaanis biyya walii galteen kun ishee ilaallatudha.
Biyyoonni kunneenis haammattoo seeraa dhimma kanaaf akka baasaniif kallattiin taa’ee ture.
Hojichas ALA hanga bara 2024’tti xumuruuf walii galame.
Itiyoophiyaanis gidduu kana balfa Pilaastikaa dhabamsiisuuf tarkaanfiitti galteetti.
Itiyoophiyaatti waggaa tokkotti balfi pilaastikaa toonii kuma 300fi kuma 80 ol akka uumamu ragaan Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa ni mul’isa.
Guyyaa jedhameerraa eegalee namni korojoo Pilaastikaa baatee argame birrii kuma 2 hanga kuma 5 adabama.
02/02/2026
Dooya Media
Amajjii 25,2018
Manchester united daqiiqaa dhuma irratti galchii Benjamin Sesko galcheen Fulham mo'ate!
Piriimiyeer liigii Ingilaandii tapha guyyaa kaleessa taphatameen Manchester united 3:2 Fulham mo'e.
Manchester united erga leenjisaa haaraa Mikel Carrick fidee as wolti Aanse tapha sadii mo'u danda'eera.
31/01/2026
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Pirezidaantii Jibuutii Ismaa’eel Oomaar Giilee fi Pirezidaantii Soomaaliyaa Hasan Sheek Mahaammadiin “Anaa dhufu, baga nagaan gara Itiyoophiyaa dhuftan” jedhaniiru.
“Obboleewwan koo Gaanfa Afriikaa baga nagaan gara Itiyoophiyaa dhuftan” jechuun Dooktar Abiyyi Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniiru.
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) har’a ganama buufata Xiyyaaraa Jijjigaatti Pirezidaantoota biyyoota ollaa lamaanii simataniiru.
Haaraaf Dooyaa Miidiyaa Follow Like Share Gochuu Hin dagatinaa
31/01/2026
Doktar Abiyyi Ahmad Kibxata dhufu paarlaamaaf gabaasa nidhiyeessu
*************
Dooyaa Miidiyaa
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad Kibxata dhufu Amajjii 26, 2018 Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti argamuun gabaasa raawwii hojii ji'oota ja'aa nidhiyeessu.
Gaaffiilee miseensota mana marichaarraa ka’aniif deebiifi ibsa
akka kennan odeeffannoon mana marichaarraa argame ni agarsiisa.
30/10/2025
Perezidaantiin 🇪🇷 Ertiraa isayas daawwannaa hojiitii fi Meeshaa waraanaa Ethiopia 🇪🇹 Haleelu Galchuu fi Akkaata itti Haleelaa kana rawatu Alsiisi Waliin Kallattiidhan Marii'achuuf guyyaa shaniif gara Egypt imalaniiru.
Kuniis muddama Itiyoophiyaa waliin jiru jiddutti affeerraa Abdulfatah Alsisi hordofeeti!
Pirezidaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqii daawwannaa hojii guyyoota 5f Masrii dhaqan.
Ministirri muummee Abiy Ahimad dheengadda paarlaamaa irratti yeroo cehumsa bara 1983 murtiin Itoophiyaa ulaa galaanaa dhabsiise uummata Itoophiyaa mariisisuun hin murtoofne, Itoophiyaa ukkaamfamtee ulaa galaanaa dhabdee hin teessu jedhanii dhaadachuun ni yaadatama.
Har'a immoo pirezidaantii Eertiraa Isaayyas Afawarqii waamicha gita isaanii Masrii Abdilfattaah Alsiisiitiin Masrii daawwachuuf Kaayiroo dhaquu dhageenye.
Daawwannaan kun yeroo muddamni ulaa galaanaa Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti hammaatetti taasifamaa jira.
Masriin dhimma laga Abbayyaa waliin walqabatee Itoophiyaa waliin erga waldhabdee bubbulee jira.
Hidha haaromsa dhaabsisuuf Masriin tattaaffii cimaa taasiftus itti hin milkoofne.
Hidhi Haromsaa Guddichi dhiheenya xumuramee eebbifame.
Itoophiyaa amma ulaan galaanaa na barbaachisa, duraanuu ulaan galaanaa seeraan ala natti cufame jechaa jirti Waan ta'uf deemu jala buunee hordofa jirra.
WOYU MEDIA
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Bole