Seenaa lamii

Seenaa lamii

Share

17/01/2026



‎ 1
‎...gooddoo!

‎waan hamma mixii tu, waan hamma goondaa tu, si'i waan hamma jirmaa fuudhee oliif gad deddeemaam?! hoodaam! boolla kanas boolla sanas lixee bahaam. oliif gad harkisaa, rakkisaa!

‎jaarsa tu tamboo bixxillee jaartii baachifatee gabaa dafinoo bahan. jaartiin dhoksitee tamboo irraa qunxurattee gurgurti, ashaboo fi kuyyisee (qimamii) ittiin bitattee galuuf. jaarsi immoo san waan beekuuf irraa hin deemuu, ishee qorqora. isa isheen seertee / murtee gurgurtu kiisha kaahata. ittiin dhuga, sanyoo isaa waliin.

‎yo gabaan dhuftu, quba lama, ykn sadii, ykn afur, ykn shan, akka humna gabaatti, bixxillee tamboo dikee sa'aa fakkaatu, quba irra kaahanii muru, ykn seeru, gurguru. gatiin hammuma qubaa dabala.

‎kichuu tamboo tu ciramee tumamee bixxillee taha. inni bitu, follossee xiqqeessee hidhii jala kaawata, daaraa ho'aatiin makee, akka abbaa margaa, ligdii warqeetti.

‎"seeruu" jechi jedhu, sibu, maccatti, tokko sararanii "muruu" dha, tokko immoo qaama saalaa dhiiraa ti.

‎...jaartiin jaarsatti aartee tu,

‎ -asitii seeruu abbaa bantii?

‎ -seeri haadha bantii

‎...jaartiin qorqoraa jaarsaa aartee tu, isa inni olii-gad deddeemus inaaftee tu, asitti seeruu?! ittiin jetti. seeri! ittiin jedha, seeruu isaatti waa haa dhufuu!

‎waan hamma mixii tu, waan hamma goondaa tu nama hamma jirmaa gahu fuudhee oliif gad deddeemaa?! hoodaam!

‎ boondaan rirma qotata
‎ ya warra badii
‎ goondaan jirma gotata
‎ olii-gadii!

‎ boondaan beeluu dha
‎ beeluu rimixii
‎ goondaan seeruu dha
‎ seeruu hamma mixii!

‎jechaa baala tamboo cirti, ijoolleen, golollisa, barii yaasaa-saree.

‎ 2

‎...gooddoo!

‎fuudhi, siin jennaan, maalin fuudha? jette.

‎dubartii fuudhi, siin jennaan, animmoo maali?! jette.

‎...kan afaan kee beettu sitti haa qabu!

‎yo siin jedhan, si eebbisan, ishee Afaan Oromoo dubbattu qofa jechuu

05/12/2025

Qunnaa ittin namaaf safarteen siif safarama, keessattu gadi dhiittameet jedha pasteriin tokko yeroo lallabu.manni hidhaa siif haaraa ta'uudha baatus uumaankee si waliin haa ta'u galii cuukkokee nyaadhu malee yaa Taayyiishaa.

07/11/2025
21/10/2025

Walumaan......

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Bole?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address

Finfinnee
Bole