Sheger Media Network

Sheger Media Network

Share

Photos from Sheger Media Network's post 11/07/2026

Raashiyaan haleellaa misaayilaa irratti raawwatteen galma waraanaa ishee milkeessuu beeksiste

Ministeerri Ittisa Raashiyaa haleellaa misaayilaa har'a ganama magaalaa guddoo Yuukireen Kiiv irratti raawwatame ilaalchisee ibsa guyyaa kenneen, haleellichi galmoota waraanaa yaadaman milkaa'inaan ga'uu isaa beeksiseera.

Akka ministeerichi jedhetti, haleellichi fi naannoo ishee keessatti wiirtuulee waraanaa barbaachisoo ta'an irratti kan raawwatame yoo ta'u, kanaanis meeshaalee waraanaa ammayyaa fageenya dheeraa deemanii fi bakka yaadame sirriitti haleelan fayyadamaniiru. Abbootiin taayitaa Raashiyaa akka mirkaneessanitti, haleellaa kanaan wiirtuuleen oomisha diroonii, kuusaa meeshaalee waraanaa biyyoota dhihaa irraa ergamanii fi giddu-galeessotni ajajaa waraanaa rukutamaniiru.

Gama biraatiin, abbootiin taayitaa Yuukireen haleellaa kanaan Kiiv keessatti manneen jireenyaa fi bu'uuraalee misoomaa siiviilii irratti miidhaan guddaan ga'uu gabaasaniiru. Ibsa wal-faallessaa gama lamaaniin kenname kana qaamni walaba ta'e addaan baasee mirkaneessuu akka hin dandeenye kan ibsan yoo ta'u hamma miidhaa magaalaa sana irra ga'ee qulqulleessuuf yaaliin taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

Photos from Sheger Media Network's post 10/07/2026

Saadiyoo Maanee Garee Biyyaalessaa keessaa of baasuu beeksise
********************************

Taphataan ganna soddomii afurii sarara fuulduraa Al-Naasir fi kilaaba Liivarpuul duraanii Saadiyoo Maanee garee biyyaalessaa Seeneegaal keessa of baasuu beeksise.

Maaneen garee Seeneegaal kan Waancaa Afrikaa (AFCON) bara 2021 injifate keessatti taphataa cimaa ta'uun isaa ni yaadatama.

Taphoota garee biyyaalessaa waliin taphateen goolii 54 kan galche yoo ta'u, goolii 29 immoo hiriyoota isaatiif mijeessee kenneera.

Waancaa Addunyaa bara 2026 irratti Seeneegaal hanga walakkaa dorgommii deemtee Beeljiyeemiin moo'amtee gadi ba'uun ishee ni yaadatama.

Maaneen yeroo lama Waancaa Afriikaa fi Taphataa Garii Waggaa (African Footballer of the Year) ta'uun filatameera.

Saadiyoo Maaneen marsariitii hawaasummaa isaa irratti, "Biyya kiyyaaf waan hundumaan kenneera; kanaanis gammadaadha," jechuun ergaa dabarseera.

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address

Addis Ababa