Afran Qalloo
24/09/2025
"Baabbile, Erer, Cinaaksan, Dirree Dhawaa, Hardiim, Bikkee, Mulluu, Karaa Gooroo Guutuutiin, karaa Doobbaatiin, karaa Anniyya Tirtiraan, Mayyuufii Mino dabalatee lafa Daangaa Oromiyaa karaa bahaatiin Soomaleen Saamameefii weerara waraana naannoo Soomaleetiin weeraramaa jiruudha. Dhimma kanaaniis Hawaasni keenya yaaddoo guddoo Akka qaban dubbachaa jiran.
"Dhimma kana ilaalchisee gama qaama mootummaatti hin iyyannee" jechuun gaafannee, qaamni mootummaa hojii idilee hawaasaatiifuu yaaddoo qabaachuu dubbatanii waajjirri Nageenya Aanaalee fii godinaalee hanga ammatti waan dubbatan akka hin qabne himan Hawaasni naannoo.
Weerara daangaatiif mijjaa tolfachuuf torbaan dabre dura waraanni naannoo Soomalee Ajjeechaa suukanneeasaa Wal fakkaata Bordoddee hanga Moyyaalee tarkaanfii kan fudhatan Waraanni kun sochiin kun eega manni maree Soomalee labsii Daangaa baaseen booda hammaachaa deemu ibsan qaamni itti dhiheenyaan keessa beekan.
Mootummaa naannoo Oromiyaa fii mootummaan federalaa dhimma kana hanga ammatti waan dubbatan qabaachuu baataniis, Sabni Soomalee labsii mootummaan isaanii labsetti gamaduu karaa medialee hawaasaatiin ibsachuufii labsii kana lafa qabsiifachuuf deegarsa hundaan utubuuf qophii godhaa jiraachuu Qulqulleeffannee jirra.
Gama Oromoo fii hawaasa Oromiyaatiin saamichi Daangaa Oromiyaa kan bara tplf haalli mijjaawe sirna kana keessa raawwachuun dallansiisuun sabaa-himaaléen hawaasummaa ragaa baya. Moyyaalee irratti ejjannoon Soomalee hawaasa Oromoo Booranaa Dirree Falmii karaa nagayaatti eega gad baase guyyaa 3ysoodha. Haala Wal fakkaatuun kan saamamaa jiru Daangaan Oromiyaa karaa bahaa, yeroo Soomaleen Bordoddee, Doobbaafii Dirree Dhawaatti ajjeechaa suukanneeasaa raawwatanitti Hawaasni cal'isuun murtee naannoo Oromiyaa eeguuf tahuu mala jennee yaanna.
Maaltu itti Amana?
Bullee laalla
Afran Qalloo and Afran Qallooti
Sep. 24/2025
Oromia
26/07/2025
HUBACHIISA: Gaafa qabsoon itti jabaatee muddaman mara qalbii hawaasaa facaasuuf jecha ummata ollaa nagayaan waliin jiraatu walitti buusuun tooftaa beekkama mootummaa biyya saniiti. Ammas kunoo ummata Soomaleefi Oromoo haaratti buusuuf shirri xaxamaa akka jiru mallattoolee argaa jirra.
Ummanni lamaan kun kan gaafa Qabsoon Qeerroo cimee ture wali ficcisiisamaa ture araaramee waggoota torban dabran kanaaf nagaya argatee ture. Garuu torbanoota dabran kana Bordoddee hanga Dirree Dhawaa, Baalee hanga Mooyyaleetti Soomaleefi Oromoo walitti buusuun lubbuun namoota hedduu dabree jira. Ammas walitti bu’iinsa kana daran babal’isuuf yaalamaa akka jiru wantoonni akeekan ni jiru. Dhimma magaalaa Mooyyalees kan qaata furamun itta ture waggoota torbaaf didanii turanii kanaaf yeroo kanatti gadiin bahan.
Yaadadhaa bulchitoota naannolee lamaaniituu Abiyitu kallaattiin ajaja. Hayyamaafi qajeelfama isaatiin alatti tarkaanfileen akkanaa abadan irra deddeebiin hin fudhataman. Kana hubachuun ummanni leenya lamaan shira kana fashalsuun nagaa isaa akka tiikfatu dhaamna.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the public figure
Telephone
Address
Awassa
1000