Prophet Moa Terefa
28/03/2026
🔊👉𝗦𝗘𝗘𝗡𝗔𝗔 𝗦𝗔𝗔'𝗢𝗢𝗟 𝗬𝗞𝗡 𝗣𝗛𝗔𝗔𝗪𝗨𝗟𝗢𝗢𝗦.
============================
👇👇👇👇👇👇👇
✍️Mata dureen Kun Hojii Ergamootaa 9:1-18 irratti hundaa‘a.
✍️Lallabbii wangeelaa milkaa‘ee
dhaggeeffachuudhaan geggeesitoota Yihudootaa beekamoo keessaa hidhatee kan ka‘e Saa‘ol nama Tarseesii ture.
✍️Saa‘ol sanyiidhaan 𝐘𝐈𝐇𝐔𝐔𝐃𝐈𝐍 yoo ta‘e illee dhalootaan lammii warra 𝐑𝐎𝐎𝐌𝐀𝐀 ta‘e utuu jiru barsiisaa seeraa beekamaatiin Yerusaalem keessatti barate. ―
✍️sanyii Israa‘eel,gosa Biiniyaamiin keessaan dhaladhe.
✍️𝑨𝑩𝑩𝑨𝑨𝑵 𝑲𝑶𝑶 𝑭𝑰 𝑯𝑨𝑨𝑻𝑰𝑰 𝑲𝑶𝑶 Ibiroota waan ta‘aniif ani Hibiricha makaa hin qabneedha;
✍️karaa seera eeguu immoo ani warra Fariisootaa keessaa tokko.
✍️Seera sanaaf hinaafuu irraan kan ka‘e waldaa mantootaa ari‘achaan ture;
qajeelummaan seericha eeguudhaan in argama utuu ta‘ee ,ani isatti mudaan qabuun ture.
✍️ Barsiisota seeraa biratti amantii durii eeguuf akka dargaggeessa hinnaaffaa fi dandeettii qabuutti kakuu fi abdiin guddaan akka irra ka‘ameetti ilaalamee ture.
✍️Miseensa mana mareetti muudamuun isaa qixa aangoo irra isa teessise.
✍️Dhiphachuu Isxifaanos keessatti mul‘inatti qooda kan fudhate Saa‘ol jabina amantii isaatii fi ragaa argamuu Waaqayyoo yeroo hubate hordoftoota Yesusiin ari‘achuun isaa hinnaaffaa qajeelaatiif akka hin taane shakkutti isa geesse gad fageenyaan sammuu isaatti dhaga‘aamee ture.
👉Dhiphina isaa kana keessatti maal
akka godhu namoota ogummaa fi murtoo sirrii kennuu jedhe amantaa guutuu irratti gate ture sanatti dhi‘eessee.
👉Xumura irratti yaadni Lubootaa fi bulchiitootaa , Isxiifaanoos arrabsituu akka ta‘ee fi Kiristoos, kan inni utuu waa‘ee isaa lallabuu ajjeefame kunis dogoogoorsiituu fi fakkeesiituu dha,warri iddoo hojii
qulqullaa‘aa ta‘e kana keessa hojjetan immoo sirriidha yaadni jedhu isa amansiise.
👉Saa‘ool utuu qormaata cimaa keessaa hin darbiin xumura akkasii irra hin geenye. 👉Garu xumura irratti , barnootni fi sanyuummaan isaa, barsiisoota isaa duraan turaniif kabaji inni qabu, beekamtii hawwaasa keessatti qabuun boonuuttii
hirkachuun, sagalee Waaqayyoo fi ayyaana isaa irraatti akka ka‘u isa taasiise.
👉Guutuu guutummaattii Lubootni fi
Saaduqootni sirrii dha murtoo jedhu irra ga‘e.
👉Saa‘ool barsiisa macaafa qulquulluu bartootni barsiisaa jiran sadarkaa caalmaattii hadheeffate mormuu irra ga‘e.
🚻𝗗𝗔𝗔𝗥𝗔𝗦𝗢𝗢𝗧𝗔 𝗪𝗔𝗔𝗤𝗔 𝗗𝗢𝗥𝗦𝗜𝗦𝗨𝗨 𝗜𝗦𝗔𝗔
============================
👉Qulquulloota kan ta‘an dhiiraaf dhalaan akka isaan mana murtii addaatti geeffaman gochuu, kaan akka hidhaman,
kaan ammoo akka ajjeefaman gochiisiisuu keessaatti Sababa ta‘e;sababii amantii Yesuusiitti qaban qofaaf.
👉Waldaa reefuu hundooftu irrattii gaddaaf dukkana fiduun baayyootni iddoo baqaa akka barbaaddaatan taasise.
👉Ari‘annaa kanaan warrii Yeruusaaleem keessaa duguugamanii ba‘an kun, ― bakka hundumaatti dubbicha lallaban. H/Erg.8:4.
👉Magaaloota isaan deemaan keessaa
Damaasqoon iddoo namootni baayyinaan amantii itti fudhatan turte.
👉Lubootnii fi bulchiitootni barsiisi haaraan kan isaan akka barsiisa sobaattii ilaalaan kana cimanii eeguu fi ari‘aannaadhaan hacuucamee hafuu danda‘aa jedhanii abdatani turan.
👉kanaaf Ammas barsiisa wal fakkaataa bakka biraatti jalqabame kana dhaabsiisuuf tarkaaanfii𝗻 Yeruusaaleem keessatti fudhatamee turee sun akka irra deebi‘uuf murtoo godhan.
👉Hojii addaa Damaasqoo keessaatti isaan hojjechuu barbaadaaniif
Saa‘ool itti gafatamuummaa isaa fudhate.
👉 bartota gooftaa sodaachiisuu ,qaluudhaafis banbanaa karaa isaa irra bu‘e.
―👉gara angafa lubootaa dhaqee warra daandii wangeelaa irra adeeman yoo argee, dhiirotas ta‘u dubartootas ta‘u hidhee gara Yeruusaaleemitti fiduudhaaf,
barbaade.
👉Kanaafis ajajaa manneen sagadaa Damaasqootti akka isaf caafuuf angafa lubootaa gaafate.
👉Aboodhaa fi ajaja luboota warra angafoota biraa fudhadhe .H/Erg. 26:12.
👉Dogoggora qabuun gubachaa, imala seena qabeessa (hin dagatamne) adeemuuf daandii eegale,
👉taateen hin baratamin kunis jireenya isaa kaleessaa guutuu guutummaattii kan jijjiiruu ta‘e argame.
👉Deemsa guyyaa xumuraattii, ― walakkeessaa guyyaattuu ykn
𝘎𝘶𝘺𝘺𝘢𝘢 𝘚𝘢𝘢𝘧𝘢𝘢𝘵𝘵𝘪 deemsa dadhabsiisaa deemee Daamaasqoottii akkuma dhi‘aateen, dirree walqixxaataa
fi bal‘aa lafti isaa baayyee gabbataa ta‘e, qalbii namaa hawwatu, kan biqiloota ija namaahawwataniin miidhage,fi iddoo biqilaan itti guddatuu bishaan tulluu
naannoosaa keessaa burquun kan qabbanaa‘e dha.
🙏🚻𝗜𝗝𝗜𝗜 𝗜𝗦𝗔𝗔 𝗤𝗔𝗕𝗔𝗔𝗠𝗨 𝗜𝗦𝗔𝗔
👉Saa‘ool utuu hiriyoota isaa waliin jiru, While Saul, with his companions, gazed with admiration on the fruitful
plain and the fair city below, ―
👉 dingatas karaa irratti , yaa mootii ifni ifa aduu irra caalu waaqa irraa naannoo koottii fi naannoo warra ana wajjiin adeemaniitti utuu ibsuun arge. H/Erg. 26:13 ,ifni ilaalamuu hin dandeenye ture.
👉 Arguu dandhabee gara itti goruus wallaalee, Saa‘ool kufee lafattii gombifame.
👉 Ifni sun utuma naannoo isaatti
ifee jiru, Saa‘ool sagalee akkas isaan jedhu tokko dhaga‘e, ―
🙊𝗦𝗔𝗚𝗔𝗟𝗘𝗘𝗡 𝗦𝗨𝗡 𝗔𝗙𝗔𝗔𝗡 𝗛𝗜𝗕𝗜𝗜𝗥𝗢𝗢𝗧𝗔𝗔𝗧𝗜𝗜𝗡 𝗧𝗨𝗥𝗘 .
𝘈𝘒𝘒𝘈𝘚 𝘑𝘌𝘋𝘏𝘌𝘌𝘕 ,Saa‘ool , Saa‘ool maaliif na‘aarittaa? Innis akkas jedhe
,Ati eenyuu yaa gooftaa?, gooftaaniis akk𝘢𝘴 𝘫𝘦𝘥𝘩𝘦 𝘈𝘯, Yesuus kan ati ari‘aattu: billaa(shukkaa) qaramaa irraa
yoo ejjette sittti hammaata. ittiin jedhe. H/Erg. 26:14.
👉Sodaadhaan guutamee, humna ifaa sanaan jaamuummaattii utuu jiruu, hiriyootni warri isa faana jiran sagalicha dhaga‘aniiru, garuu nama hin argine.
👉Saa‘ool garuu sagalee isatti dubbataa ture sana , ilma Waaqayyoo ta‘uu isaa sirriitti hubate.
🥱Ifa ulfina qabeessa sana keessaan isa cubbuu biyyaa lafaatiif fannifame
Yesuusiin arge.
👉 Godaannisni madaa inni Yihuudootni
lubbuu isaa irraan ga‘an sun bara baraan kan fuula isaa duraa hin badne ta‘ee isatti mul‘ate.( Upon the soul of the
stricken Jew the image of the Saviour's countenance was imprinted forever.)
🗣️Sagaleen isatti dubbachaa ture mana rukutee humna nama rifaasiisuun onnee isaa keessa seene.
🗣️ Kutaa sammuu isaa dukkanaan guutamee keessa ifni samii
dhangala‘uudhaan , waan inni kaleessa jireenya isaa keessatti irra taree(ce‘ee) fi dogoogore isatti mul‘isee,
akkasumas jireenya isaa har‘aaf kan isa barbaachiisu Hafuurrii qulqulluun isaaf ibse.
✍️Saa‘ol duuka buutota Kiristoos ari‘achuun isaa , ifaa ifattii hojii Seexanaa
hojjechaa akka jiru, of arge.
🎤Kallattii sirridha jedhe qabatee jiru , waan ofi sirridha jedhee yaade fi hojii seera irratti hundaa‘ee kan lubootnii fi bulchiitootni isatti himan irratti ija jabaate deemaa akka jiru of arge.
✍️Seenaan du‘aa ka‘uu Kiristoos gocha kalaqaa kan bartootni isaa uumanidha jedhanii kan lubootnii fi bulchiitootni isatti himan akka dhugaa ta‘e itti amanee
ture.
🙏🙏 Amma yesuus ofii isaatii dhaabbate isatti qaamaan mul‘ate,kan bartootni dubbatan dhugaa ta‘uun Saa‘oolin
amansiise.
🗣️Yeroo ifni samii Saa‘ol irratti b𝘶‘e gochaa sirreefamuu qabuu gochuuf sammuun isaa baayyee arifate.
👉Raajotni kan dubbatan caaffata qulqulla‘aa isa galmaa‘ee jiru hubachuuf sammuun isaa banaa ta‘e.
👉 Isa Yihuudootni isa tuffatan, fannifamuu isaa, du‘aa ka‘uu , gara samiitti ol
ba‘uu isaa, fi isa raajootni waa‘ee isaaf dubbatan Masiihii isa abdachiifame akka ta‘e mirkaneefate.
👉🙏 Lallaba Isxifaanos isa gaafa du‘a isaa lallabe ; ―ulfina Waaqayyoo bantiwwaan Waaqaa banamanii ilmi namaa utuu inni mirga Waaqayyoo dhaabbatun argee‖ jechaa du‘ee suun sammuu Saa‘ool keessa humnaan seene.
Hojii Erg. 7:55-56.
👉 Jecha isaa kanaan lubootni Waaqa
arrabsa ittiin jedhan amma garuu dhugaa ta‘u isaa Saa‘ool hubateera.
👉 Guutummaan mull‘atichaa nama
ari‘ataa kanaaf maal ture? Inni abdachiifame masihiin Yesuus nama Naaziireeti isa gara biyya lafaa kana dhufe;
warruma fayyiisuudhaaf dhufeen kan tufatamee fi kan ajjeefame akka ta‘e Saa‘ool hubate.
👉Akkasumas fayyiisaan mo‘ichaan awwaala keessa akka ka‘ee fi samiitti akka ol ba‘es in beeke.
👉🥱 Saa‘ol mull‘ata sodaachiisaa sana keessa ta‘ee du‘a Isxifaanoos isa
waa‘ee du‘uu fi du‘aa ka‘u Kiristoos dhugaa ba‘aa jiru ajjeesu keessa qooda qabaachuu isaaf yaadaatee naasuudhaan hollachaa ; boodas duuka buutoota isaa
warrii ta‘an ari‘annaa gara jabeenyaatiin du‘uun akka isaan eeggatu hubate.
👉Fayyisaan Isxiifaanosiitti gargaaramuudhaan , Sababa ga‘aa wall‘aansoo hin qabneen Saa‘olitti dubbateeture.
👉Inni ajjeefame Isxiifaanoos akka fuula Ergamaa fuula isaa irraa Ulfinii
Kiristoos utuu ifuu Yihuudotni arganiiru. Hojii Erg.6:15 .
👉Obsaa fi dhiifamni Isxiifanoos diinoota isaaf taasisee isaaf dhuga baatuudha.
👉Akkasumas Jabinaa fi garaamuummaan inni warra isa dhiphisan, gidirsaniif
qabaatees isaaf dhuga baatuudha.
💪Amanti 𝘪𝘴𝘢𝘢𝘯𝘪𝘧 𝘫𝘦𝘤𝘩𝘢𝘢 lubbuu isaani gammachuun kan kennanis argeera.
😄Isaan kun hundumtuu amanuu Saa‘oliif sagalee isaanii olfuudhanii irra deddeebi‘anii iyyuudhaan Yesuus
Masiihii isa abdachiifame ta‘uu isaaf Saa‘ool duratti iyyata isaanii dhageesiisan. 👍Haala akkasii keessa ta‘uudhaan halkan guutuu wanta isa amansiisuu danda‘an
kana wajjin wal‘aansoo qabaa bula , dhimma kana irrattii xumii wall‘aansoo isaa yeroohunda amantii duraan
qabuu isa Kiristoos Masihii miti hordooftootni isaas warra fiixeetti ba‘anii dhumarratti badaniidha jedhu
jabeessuudhaan xumura ture.
🙏𝗞𝗜𝗥𝗜𝗦𝗧𝗢𝗢𝗦 𝗠𝗔𝗔𝗟 𝗝𝗘𝗗𝗛𝗘𝗘𝗡?
=================
🙏👉Amma Kiristoostu sagalee
ofii isaan ―Saa‘ool , Saa‘ool maaliif na‘ariattaa?
―gaafatees yaa gooftaa ati eenyuudhaa?‖ deebiisees ― ani Yesuus isatti ari‘achaa jirtuudha.
🙏 Bakka kanatti Kiristoos saba isaa wajjin of beeksise.
🙏 Saa‘ool duuka buutoota Yesuus ari‘achuun kallattiidhaan gooftaa isa
samii ari‘atee argame.
🙏Himata sobaa fi raga sobaan isaan
irrattii ka‘uun , fayyisaa Biyya lafaa isa sobaan himatamee fi irratti ragoome irratti akka ka‘uu isa taasise.
🙏Namni isa waliin dubbachaa jiru kun Kiristoos ,Masihii isa abdii fi furii Isiraa‘eel isa isaan eeggachaa turan ta‘uun isaa sammuu Phaawuuloos keessa hin turre.
🙏Naasuudhaan , dinqiifachaa goofataa isaa akkas jedhee gaafate, gooftaa maal akkan godhu feetaa? Gooftaaniis
akkas isaan jedhe ka‘i gara mandaraa dhaqi achittis waan ati gootu sitti ni himama.
👉 Ulfinni naannoo isaa ture yeroo isarraa fagaatetti, Saa‘ool akka ifa arguu hin
dandeenyee of arge.
🥱 Ifti ulfina Kiristoos inni agartuu isaa
foonii irraattii ifee turee sun yeroo isarraa sokkee mul‘atni isaa dukkana ulfaataan marfamee.
👉 Jaamummaan ija isaa sababa inni duuka buutota Kiristoos kanta‘aan
arii‘ateef kan isattii dhufe adaba ta‘u isaa amane.
👍𝗚𝗔𝗥𝗔 𝗗𝗔𝗠𝗔𝗔𝗦𝗤𝗢𝗢𝗧𝗧𝗜 𝗗𝗘𝗘𝗠𝗨 𝑰𝑺𝑨𝑨
==================
👉Dukkana naasiisaa sana keessa, hordooftota isa kan ta‘anis sodaa sanaan dinqifachaa, nama isa qabee turee
sanaan tirfamee gara Damaasqoottii geeffame.
👉 Saa‘ool taatee ganamaa sanattii miira ofitti amanamummaa( miira mataa ofiitti quufuu) isa duraan angafa Lubootaa
irraa isattii himamee sammuu isaa keessatti qabatee gara
Damaasqootti imale(socho‘e).
🙏 Kun isaaf itti
gafatamummaa hanga du‘aatti eegamuu dha.
🙏 Amantii Yihuudoota keessa lixee sakatta‘uu,xiinxaluu fi amantii
haaraa biyyaa Damaasqoo keessaa tatamsa‘an to‘achuun
akka ergama isatti kennameetti ilaalaa ture.
🙏Ergama isaa kanas haalaan milkaa‘uun immoo gonfoo na argachiisa
jedhee baayyee abdatee ture.
🙏Garuu akki inni itti gara magaalaa sanaa seene akkaataa itti abdate hin turre, qaqqabachaa jaamuummaadhaan nama gargaasa hin qabne ta‘ee, adabni fuulduraa walitti naaf qabamee jiru
maal ta‘iinna laata yaaddoo jedhuun dhiphachaa utuu jiruu gara mana bartuu Yuudaas jedhamu nama kadhata irra jiruu bira dhaquuf carraa argate.
🤦𝗚𝗨𝗬𝗬𝗔𝗔 𝗠𝗘𝗤𝗔𝗔𝗙 𝗜𝗝𝗜𝗜 𝗜𝗦𝗔𝗔 𝗝𝗔𝗔𝗠𝗘?
===================
😫Guyyaa sadii guutuu ifa utuu hin argin nyaatas ta‘e utuu bishaan hin dhugin
ture.
😫Guyyootni dhiphiinaa kun sadan Saa‘ooliitti dhiphina akka dhiphina waggaa tokko ture.
🧔𝗠𝗔𝗔𝗟 𝗬𝗔𝗔𝗗𝗔𝗧𝗘 𝗬𝗘𝗥𝗢𝗢 𝗦𝗔𝗡?
=============
👉 Ajjeefamuu Isxiifaanos keessaa harka qabaachuun isaaf immoo hafuurri akka ammaa amma sammuu isaattii
dhaga‘aamuu gochuudhaan isa dhiphisa ture.
👉Lubootaa fi bulchiitoota biyyaa wajjiin isatti qoosuu, yeroo ifni samii fuula Isxiifaanoos irra calaqqise illee utuu hin hafin cubbuu isarratti hojjetame keessaattii eyyamamaa ta‘uu isaaf naasuu guddaatu isa qabate.
🧔 Gaddaa fi hafuura cabaadhaan ija fi gurra isaa cuunfate ,isa duuka buutoota
Kiristoos nama Naazireet mullinaan ari‘ate sana meeqa irra deebi‘ee lakkaa‘uu eegale.
😫👉Guyyaan dunuunfaannaadhaan of qoruu fi gad of deebiisuu kun bakka calliisaa keessatti ture.
👉😫Sa‘aatii dheeraa kan ijaaf gurraa isaa cufachuudhaan Waaqayyoo wajjiin dabarse sana keessatti ,heertuu macaafa
qulquulluu kan waa‘ee dhufati Kiristoos isa jalqaba dubbatan seenaa baayyee sammuu isaattii yaadate.
🧔Jijirama sammuu isaa keessatti argateen raajii caafame jiru salphaattii yaadachuu fi sirriitti hiikuuf sammuu
qaroo ta‘e qabaachuu danda‘e.
👉Akkuma raajii irraa isatti mul‘achuu eegaleen, hubannaa dhabuu fi jaamuummaa Yihuudotaa isa akka walii galaatti kanaan dura keessa
turan , isa gantummaa Masiihiitti isaan geesse sana dinqiisifate.
😃 Ifa mul‘ataan isaf keenname kanaan amma wan hundumtuu isaaf ifa ta‘ee jira. 👉oftuulmaa fi amantii dhabinni isaa hubannoo hafuura isaa akka duraa
dukkaneessee ,akkasumas Yesuus Masiihii isa raajiin dubbatame akka hin fudhannee akka isa taasise bare .
🚻Saa‘ol humna Hafuura qulquulluu isa nama jijiiru irrattii hirkachuu akkuma eegalee,dogoggora jireenya isaa
keessa jiru arguu fi daangaan seera Waaqayyoo fagoo ta‘u isaa hubate.
👉Fariisii oftuulaa inni ture,hojii mataa
isaan qajeelaa ta‘uuf namni ija jabeessi, amma gad-of deebisuudhaan akka daa‘ima xiqootti fuula Waaqayyoo
duratti gad jechuudhaan,badii isaattii gaabbuudhaan fayyisaa isa fannifame du‘ee du‘aa ka‘e biraa araara argachuuf garasaatti iyyate.
💪Saa‘ool Abbaaf ilma waliin gara walittii dhufeenya guutuu ta‘etti dhufuu hawwee ,
fedhii isaa kanaaf gargaarsa teessoo ayyaanaa biraa barbaade.
👤Kadhatni Faarisii obsaa qabeessaa kanaas akasumaan hin hafne.
👉yaadni keessa isaa, miirrii dhageettii onnee isaa ayyaana Waaqaatiin jijiiramee, isa keessa inni ture yaadni gaariiin sun Waaqaaf jiraachuuf
walii gale.
👉 Qajeelummaa Kiristoos , qabaachuun
Saa‘ooliif adduunyaa kana guutuummaa qabaachuu caalee argame.
👉Humni Hafuura qulquulluu inni malaalleedhaan Saa‘oliin
rukutee jijiire sun , cubbamaa amansiisuuf akka danda‘uu nuuf dhugoomsa.
👉Saa‘ool Kiristoos biyyaa lafaa kana
kan dhufeef seera Waqayyoo salphiisuu fi seerri faayidaa akka hin qabne bartoota isaa barsiisuu dhufe jedhee
amanaa ture.
👉 Ergaa jijiiramee booda garuu ,kaayyoon Kiristoos garabiyyaa lafaa kanaa dhufeef seera abbaa isaa ibsuu fi qulqulleessuuf akka ta‘e amane.
👉Kiristoos gidduu galeessaa sirna aarsaa Yihuudootaa akka ture amaneera.
👉Fannifamuun Kiristoos gaaddidduusirna aarsaa mana qulquulluummaa kakuu moofaa isa Kiristoos, fayyiisaa
Israa‘el ta‘ee akka dhufuuf raajame sana ta‘u arge.
👉Jijiiramuu Saa‘ool ilaalchiisee qajeelfamni galmaa‘ee jiru kan nuti sammuutti qabachuu qabnutu jira.
👉 Saa‘ool kallattiidhaan iddoo argama Kiristoosiin dhufe.
👉 Inni nama hojii barbaachiisaa ta‘eef Kiristoos yaadaan isa qabe, qodaa warqee isaaf adda ba‘e dha, garuu hojii akka
hojjetuuf isatti kenname kun, yeroo tokko keessatti isatti
hin himamne.
👉Leenjii ofii isaa keessatti isa hidhuudhaan waa‘ee cubbuu isaa ergaa isa amansiise booda, ―
gooftaa maal akkan godhu feetaa? jedhee Saa‘ool gaaffii
gaafate.
👉Kiristoos dhoksaa yaada Yihuudootaa saaxiiluuf waan fedhi Waaqayyoo waa‘ee isaaf dubbate hawwaa jiranii fedhi Waaqayyoo waa‘ee isaa kan inni dubbate isaa
the Saviour placed the inquiring Jew in connection with
His church, there to obtain a knowledge of God's willconcerning him. Ifti dinqiisiisaan dukkana Saa‘ooliin ibsee sun hojii gooftaasaa ture, hojiin karaa bartootaa isaaf hojjetamus garuu tureera.
👉Kiristoos karaa Mul‘ataa fi isa amansiisuun hojii isaa raawwaachuu ni danda‘a , garuu amma akka Saa‘ol warra Waaqayyoo dhugaa isaa akka barsiisaniif dibee ergee irraa obsaan akka inni baratu
godhe.
🎤Saa‘ool bakka calliisaa mana Yuudaas jedhamu
keessatti kadhata itti fufuudhaan gargaarsaaf yeroo iyyachaa jirutti ,
🚻𝗪𝗔𝗔𝗤𝗔𝗬𝗬𝗢𝗢 𝗔𝗡𝗔𝗔𝗡𝗜𝗜'𝗔𝗔 𝗜𝗧𝗧𝗜 𝗘𝗥𝗚𝗨𝗨 𝗜𝗦𝗔𝗔.
================
👍Waaqayyoo mul‘ataan bartuu
Anaanii‘aas jedhamu iddoo Deemaasqootti itti mull‘achuudhaan akkas isaan jedhe ― ka‘i gara karaa sirrii jedhamu dhaqii , nama Biyya Xaarsees maqaan isa Saa‘ool jedhamu tokko manaYuudaasitti iyyaafadhu ;
kunoo inni kadhatatti jira.
👍 Anaanii‘aan akka gara Saa‘ool dhaquuf waan Ergamaan isattii dubbate calisee
gara hojiitti hiikuuf hin jarjaarre (scarcely ) ,sababiin
isaas Saa‘ool akka inni Yeruusaalem keessaa qulquulloota ari‘achaa fi ajjeesaa ture gabaasni hadhaa‘aan bakka fagoottiis ta‘e dhi‘ootti himameera
waan ta‘eef .
👉Akkas jechuudhaan rakkoo Saa‘ool duraan qabu ol kaasee mul‘isuuf yaalee, ― yaa gooftaa namichi kun Yeruusaaleemitti warra siif qulquulla‘aan attam akka
miidhaa ture, waa‘ee isaa nama baayyee irraa dhaga‘eera.
👉Asittiis warra maqaa kee waammatan hundumaa qabee hidhuudhaaf, luboota warra angafoota biraa haboo argateera. jedhe.
👉Abboommiin(ajaji) garu itti
jabaatee .
👉Gooftichi garuu , ― dhaqii ,inni 𝗠𝗜'𝗔 hojii
kootii isa warra saba Waaqayyoo hin ta‘iin duratti namoota Israa‘eel durattis maqaa koo beeksiisuudhaaf ani fo‘adheedha.
👉Anaanii‘aan sagalee Ergamaa sanaaf
abboomamuudhaan gara,nama yeroo muraasaaan dura maqaa Kiristoos kan waammatn hunda irraan miidhaa
geessisaa ture,amma immoo dhiphina keessa jiruu harkaa isaa mataa isaa irraa kaa‘uudhaan ― obbooleessa koo
Saa‘ool, gooftiichi, Yesuus inni karaa ati irra dhufte irratti sitti mul‘ate, waa‘ee kee anatti himeera; akka agartuun kee siif deebi‘uuf, Hafuura qulquulluudhaan
akka guutamtuufis,gara keettii na‘ergeera. Ittiin jedhe. ―
👉Achumaaniis waan akka 𝗤𝗢𝗟𝗔𝗔 ija isaa lachuu irraa buunaan, agartuun isaa deebi‘e;
🧔inni achumaan ka‘e cuuphame.
🧔Yesuus waldaa isaa kurfooftee
(caaseeffamtee) jirtuuf haboo isheef beekamtii kennee, Saa‘ooliin immoo humna hojii isaa hojjetu godhee
waldaa isaa keessa kaa‘e.
🧔Kan isa bakka buutee jirtu Kiristoos amma waldaa lafa kana irraa qaba.
🧔Hojiin cubbamaa qalbii isaa jiijiirrachuu fedhu karaa gara jireenyaa geessuu argiisiisu isheetti kennameera.
🧔Baayyotni ifa Kiristoos isaaniif baasee keessa jiraachuu dha dirqamni koo jedhanii yaaduudhaan, biyya lafaa
kana irraa hordoftoota tokko iyyuu utuu hin qabaatin qophaa isaanii tarkaanfatu. 🙈Yesuus michuu cubbamootaati; boo‘ichi isaaniis garaa(onnee) isaa tuqa.
🤦Waaqaaf lafarratti haboon hunduumtuu kansaati.
🙈Inni karaa ittiin ifaa fi fayyina Ilmaan namaa ittiin xumuuruuf karoorse in kabaja;cubbamaan gara waldaa isaa akka dhaquuf qajeelcha, isheenis karaa inni ittiin ifa isaa gara adduunyaa kanaatti erguudha.
🙏Saa‘ol oftuulmaa fi jaamummaa dogoggoraa gidduu utuu jiruu,isa ari‘aachaa jiru Kiristoos irraa mul‘atni isaaf kennamuudhaan, ifa biyya lafaa ishee taate waldaa isaa wajjiin kallattiidhaan
haasaa akka taasisuuf qajeelfame.
✍️Dhimma kana keessatti Anaanii‘aas Kiristoosiin, akkasumas hojjetoota
warra isaa qooda isaa ta‘an hojjetan argiisiisa.
✍️𝗔naanii‘aan bakka Kiristoos ta‘ee Saa‘ool akka ifa arguuf ija isaa tuqe.
✍️Bakka Kiristoos ta‘e harka isaa saa‘ool irra kaa‘ee,utuu inni maqaa Kiristoosiin kadhachaa jiru, Saa‘ool Hafuura qulqulluudhaan guutame.
✍️Waan hundumtuu maqaa Kiristoosii fi aangoo Kiristoosiinraawwatame.
✍️ Kiristoos madda waan
hundumaati; Waldaan toora ittiin isa qunnamnuudha.
🙏𝗪𝗔𝗟𝗨𝗠𝗔𝗔 𝗚𝗔𝗟𝗔𝗧𝗧𝗜 = galatti seenaa Phaawuloosiin gabaabsinee yoo Ilaalle Phaawuloos jechuun afaan Giriikiitiin 𝐗𝐈𝐍𝐍𝐀𝐀 jechuu yemmuu ta‘u, afaan Ibrootaatiin immoo Saa‘ol jechuun kan 𝑮𝑨𝑨𝑭𝑨𝑻𝑨𝑴𝑬 jechuu dha.
👉Gosa 𝑩𝒆𝒆𝒏𝒊𝒚𝒂𝒂𝒎𝒊𝒊𝒏 keessa keessaa Xarseesitti dhalate.
👉 Garee 𝐅𝐚𝐚𝐫𝐢𝐬𝐨𝐨𝐭𝐚 isa hinaafaa
fi lammummaa Roomaa qabuudha.
👉Ibricha barumsa waa‘ee seeraa barsiisaa seeraa Gamaali‘el jedhamu irraa
baratee dha.
👉Yeroo Isxifaanos dhagaa dhaan rukutame inni uffata eegaa ture. HOE 16:37,18:3,22:26-
28,23:6,7:58, Roomaa11:1,Filiphisiyus 3:5.
👉Erga Anaaniyaas isaaf kadhatee cuuphamee booda saba warra waaqayyoon hin beekiniif ergamaa wangeelaa ta‘e.HOE9:1-19, 22:4-16, 26:9-18.
👉Waldaa kiristaanaa hedduu hundeessee 𝐗𝐀𝐋𝐀𝐘𝐎𝐎𝐓𝐀 13 barreesseera.
Namni kun nama waaqayyo isa filatee dha. Galaatiyaa 1:1.
🙏Gaafa Isxifaanos dhagaa dhaan rukutame yeroo jalqabaatiif Yerusaalemiin alatti isa argina. Hojii ergamootaa 7:58.
🙏Hojii warra Yihuudotaa wajjiniin garaa guutuudhaan itti waliif galee ture.
Hojii Ergamootaa 8:1.
✍️Hoogganaa warra Kiristaanota ari‘atanii ture. Hojii Ergamootaa 8:3.
👉Kiristaanota kan jibbu ture.
Hojii ergamootaa 9:1.
👉Akka fooniittis waan ittiin of jaju ni qaba ture. Filiiphisiyus
3:4-6.
💪Ciminni isaa nama hubannaa fi hinaaffaa qabu ta‘uu isaati. 2 Pheexiros 3:18
✍️ Qormaanni phaawulositti dhufe
karaa inni qajeelcha kennaa tureen dha.Efesoon 6:12.
🙏Dadhabinni isaa sammuu fi yaadasaa keessa kan jiru ture.
2 Qorontor 12:7
𝐄𝐍𝐓𝐔𝐔 𝐀𝐉𝐉𝐄𝐄𝐒𝐄?
🙏Phaawuloos bara ariyannaa mooticha Neeroo
morma isaa irraa murani
𝑴𝒂𝒈𝒂𝒂𝒍𝒂 𝒀𝒆𝒆𝒓𝒖𝒔𝒂𝒂𝒍𝒆𝒎 𝒌𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒕𝒕𝒊 boqote.
22/01/2025
𝐒𝐚𝐧𝐛𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐝𝐢𝐥𝐛𝐚𝐭𝐚 𝐝𝐮𝐫𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚𝐭𝐢
𝐈𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐡𝐢𝐧 𝐡𝐚𝐟𝐢𝐧𝐚
𝐃𝐡𝐢𝐦𝐦𝐚 𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐪𝐚𝐚𝐧𝐨𝐟𝐭𝐞𝐭𝐭𝐢 𝐦𝐢𝐥𝐤𝐨𝐨𝐟𝐭𝐞𝐞 𝐠𝐚𝐥𝐭𝐚.
𝐅𝐚𝐲𝐲𝐢𝐧𝐧𝐢 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐡𝐮𝐧𝐝𝐮𝐦𝐚𝐚𝐟.
Click here to claim your Sponsored Listing.