Mahammed Ahmade

Mahammed Ahmade

Share

26/04/2023

Hattoota irraa of Eegaa !
=============
Akka waan baankii irraa isinii bilbilamee fakkeessuun Herreega namootaa irraa warra hatan irraa of eeguuf, dhimmoota armaan gadii qalbeeffadhaa:- Ergaa gabaaban wayita isinii ergame, tarkaanfii tokko osoo hin fudhatin, gara dameelee keenyaa deemuun ykn bilbila tolaa 951tti bilbiluun qulqulleeffachuu qabdu. Baankiin kallattiin maamilootatti bilbiluun, moobaayil baankingii irratti sirreeffamni taasifamu kan hin jirre ta'uusaa hubadhaa. Bilbilaan odeeffannoo hin kenninaa Moobaayiliin keessan yoo isin jalaa bade, battalumatti gara dameelee keenyaa deemuun tajaajilli moobaayil baankingii akka addaan citu taasisaa.

Photos from Mahammed Ahmade's post 04/07/2022

Dhugaan jiru hin dhokatamu
God/H/Lixaa A/Ancaaritti Bu'uraalen Misooma Bara 2014 kana keessa Hedduun hojjata jira.FKN
1 Pirojectiin Bishaan dhugaatii Anannoo yeroo dheeraa ture amma sadarkaa gaarii irra jira
2 Pirojektiin Bishaan dhugaatii Calalaqas akkasuma
3 Pirojektii Haroo Biyyoo Bajeta idilee bara kanaatin hojjatamee tumuramee jira
4 Networkiin icinnii kan komii Araddoota biras deebisu xumuura irra gahaa jira
5 Pirojektiin Guddichii Aanaa keenyaa Baajata idileetin kan hojjatamu Galmi Bulchiinsaa G+3 ta'e caalbaasin xumuramee Kontiraakta waliin wal harkaa fuudhinsi taasifamee hojiin egalamuuf kan deemu ta'uu isaatii fi kan biroos jiru.kanaaf hojiin hojjatamaa jiru hojii gaarii fi kan jajjabeefamuu qabuudha

Want your organization to be the top-listed Government Service in Asebe Teferi?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address

West Hararghe Chiro Anchar District Cheleleka
Asebe Teferi