ODUU DAWAA

ODUU DAWAA

Share

17/05/2026

Odeeffannoo Kennuuf

Photos from ODUU DAWAA's post 10/05/2026

Dhukkubni Hantaavayiras(Hanta Virus) jedhamu Maali?
Dhukkubni Hantaavayiras (Hantavirus) jedhamu kun dhukkuba vaayirasiin daddarbu yoo ta'u, akka waan haaraatti yeroo tokko tokko ni odeeffama. Haa ta’u malee dhukkubni kun dhukkuba waggoota dheeraaf beekamudha. Vaayirasiin kun baay'ee kan sodaatamu yoo ta'u, hantuuta irraa gara namaatti daddarba.
Waa'ee dhukkuba kanaa qabxiiwwan gurguddoo armaan gadii beekuun barbaachisadha:
1. Akkaataa Itti Daddarbu
Vaayirasiin kun karaa kanaan gara namaatti darba:
• Vaayirasiin kun fincaanii fi faltii hantuutaa keessa jiraata. Yeroo faltiin hantuutaa kun gogee bifa awwaaraan/dhukkeen qilleensa keessa socho’u gara sirna hargansuu namaa seenuun nama faaluu danda’a
• Wantoota vaayirasichaan faalaman tuquun, achiis afaan, funyaan ykn ija ofii tuquun daddarba.
• Hantuuta vaayirasicha baatuun ciniinamuun daddarbuu danda'a.
Hubachiisa: Hantaavayirasiin akka koronaavayirasii (COVID-19) namaa gara namatti salphaatti hin daddarbu.
2. Mallattoolee Isaa
Mallattoon dhukkubichaa jalqaba irratti dhukkuba utalloo (flu) fakkaata.
• Ho'a qaamaa
• Dhukkubbii maashaalee (keessumaa mudhii, sarbaa fi gateettii)
• Dadhabbiin namatti dhaga'amuu
• Mata dhukkubbii, lafaan nama maruu fi dhukkubbii garaa
Yoo dhukkubichi hammaate (Hantavirus Pulmonary Syndrome):
• Hafuura kutuu: Somba keessatti dhangala'aan waan kuufamuuf hargansuun baay'ee ulfaata.
• Qufaa cimaa.
3. Of-eeggannoo fi Wal'aansa
• Bakka hantuunni jiru qulqulleessuu, manatti akka hin galle ittisuu.
• Bakka hantuunni jiru qulqulleessuuf yoo kaatan 'mask' fi 'gloves' (kaalsii harkaa) fayyadamuun dhukkee isaa irraa of eeguun dirqamadha.

4. Wal'aansa:
Dhukkuba kanaaf amma yoonaatti qorichi vaayirasicha qulqulleessee balleessu ykn talaalliin hin jiru. Garuu, namni tokko mallattoon kun itti mul'annaan hatattamaan gara mana yaalaa deemuu qaba. Mana yaalaatti gargaarsa oksijiinii fi deeggarsa fayyaa biroo gochuun lubbuu oolchuun ni danda'ama.

Want your practice to be the top-listed Clinic in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Website

Address

Addis Ababa