Mifta Awel
03/06/2026
Adeemsi Filannoo Itiyoophiyaa naga-qabeessaafi sirnaawaa ta’uu, Durata’aan Gamtaa Afrikaa Mahmuud Alii Yusuuf jajan.
Gamtaa Afrikaatti Bakka Buutuun Dhaabbii Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Lemlem Fissahaa xalayaa muudamaa isaanii Durata’aa Gamtaa Afrikaa Mahmuud Alii Yusuufitti kennatan.
Adeemsi filannoo Itiyoophiyaa naga-qabeessaafi sirnaawaa ta’uu kan ibsan Durata’aan Gamtaa Afrikaa Mahmuud Alii Yusuuf, Ambaasaaddar Lemlemis muuxannoofi gaggeessummaa isaan qaban hariiroo Itiyoophiyaafi Gamtaa Afriikaa caalmaatti jabeessuuf caalmaatti akka waliin hojjennu utuba jedhan.
Itiyoophiyaanis ta’e Gamtaan Afrikaa lachuu misooma naannawaafi addunyaa xiinxaluu dabalatee dhimmoota ijoo Afrikaarratti xiyyeeffatanii akka hojjetan mari’achuusaanii ragaan Gamtaa Afrikaarraa arganne ni mul’isa.
27/05/2026
Boordichi guyyaa filannoo lammiileen sochii akka daangeffatan waamicha dhiyeesse.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa filannoon Waliigalaa marsaa 7'ffaa Caamsaa 24, 2018 akka gaggeeffamu beeksisuun, guyyaa sagaleen kennamutti dhaabbileen mootummaa, dhuunfaafi miti-mootummaa hojii isaanii akka cufan waamicha dhiyeesseera.
Boordichi ibsa har’a baaseen, filattoonni galmaa’an hundi sagalee isaanii bilisaan akka kennatanii fi adeemsi filannoo rakkoo nageenyaa tokko malee akka raawwatamuuf murtoon kun mootummaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan kan fudhatame ta’uu ibsee, labsii galmeefi Naamusa Paartilee Siyaasaa fi filannoo lakkoofsa 1162 muraa 2011 keewwata 161 irratti hundaa’uun, dhaabbileen mootummaa federaalaa fi mootummaa naannoo akkasumas dhaabbileen dhuunfaa fi miti-mootummaa guyyaa filannoo hojii isaanii akka dhaaban murtaa'uun ibsameera.
Haa ta’u malee, tajaajiloonni bu’uuraa fi yeroo hunda barbaachisan kanneen akka geejjibaa, hospitaalota, tajaajila balaa tasaa, manneen nyaataafi hoteelonni guyyaa sanatti hojii isaanii akka itti fufan eerameera.
Dhumarrattis, Boordichi mootummaa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi adeemsa filannoo milkeessuuf tumsa barbaachisu akka taassisan waamicha dhiyeessee, lammiileen guyyaa sana sagalee isaanii kennuurratti xiyyeeffatanii, sochiiwwan barbaachisummaa hin qabne irraa akka of qusatanis boordichi hubachiiseera.
, ,
25/05/2026
Itiyoophiyaan biyyoota Iboolaan itti argame waliin daangaa qooddachuu baattus tarkaanfii of eeggannoo fudhachaa jirti.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) Caamsaa 9, 2018, Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo fi naannoo Bundibugyo Yugaandaa keessatti weerarri dhibee vaayirasii Iboolaa mudachuu isaa beeksise.
Hanga kaleessa Caamsaa 16, 2018tti biyyoota kanneen keessatti walumaa galatti namoonni 101 ol laabraatooriidhaan vaayirasichaan qabamuun mirkanaa'ee fi namoota 900 ol tuttuqqiin shakkaman hordoffii fayyaa jala jiru.
Iboolaan dhukkuba baay’ee daddarbaa fi lubbuu namaa galaafatu yoo ta’u, salphaatti nama irraa namatti daddarbuudha. Hanga ammaatti biyya keenyatti dhibee vaayirasii Iboolaatiin shakkamee ykn mirkanaa'e tokkollee hin jiru.
Biyyoota dhibeen kun itti argame waliin kallattiin walitti dhufeenya daangaa qabaachuu baannus, Ministeerri Fayyaa erga weerara vaayirasichaa beeksisee kaasee Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun tarkaanfiiwwan of eeggannoo raawwachaa tureera.
Haaluma kanaan iddoowwan seensaa fi ba’iinsa lafa idil-addunyaa hundatti sakatta’iinsa cimsuu bira darbee buufata xiyyaaraa idil-addunyaa irrattis hordoffiin cimaan taasifamaa jira.
Dhaabbilee fayyaa qopheessuu, dandeettii laabraatoorii guddisuu, fi dhiyeessii yaalaa barbaachisoo ta’an dhiyeessuuf tarkaanfiiwwan of eeggannoo cimaa taasisaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.
02/05/2026
.....
Itoophiyaa Gara Biyya Fakkeenyummaatti!
Sosochiin Duula na filadhaa Paartii Badhaadhinaa Aanaa Geeraatti gaggeeffame.
Paartiin Badhaadhinaa Qormaatilee alaaf keessaa biyyattii muudatan hunda gara carraatti jijjiiruun misooma ariifataa fiduu Paartii danda'eedha.
Paartii qormaata battalaaf utuu hin jilbeeffatin har'a irra ce'ee fageessee ilaaluu fi mul'ata akeekuun hojjetuudha.
Badhaadhina Filadhaa!
Mallattoon keenya Nadoo/Bissii Qamadiiti.
01/05/2026
Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Suufiyaan Amaan Haamidee, Sano Gudda, Aga Shibiru, Abrahim Ruduwaan, Ibsaa Karramiilee, Booniikaa Wallaggaa, Lammii Ifaa Tolaa, Jafar Taju, Kokobe Ababiya Kokobe Ababiya, Jamal Usmail, Mamad Awaal Ra
01/05/2026
!
Jala Bultii Ebila 24 Sagantaa Duula na filadhaa Paartii Badhaadhinaa Aanaa Geeraa....
Click here to claim your Sponsored Listing.