TV Sagalee Dhugaa

TV Sagalee Dhugaa

Share

05/06/2026

Sinoodisii dhaabaataaan abboota kiristaanota Godiina Arsii Bahaatti miidhaan irra ga'ee gadda keessatti kufan bakka sanaa deemuun akka jajjabeessaniif abboota phaaphaasotaa garas deeman ramade.

TV Sagalee Dhugaa, Caamsaa 28/2018(WDB)

Miseensonni Sinoodosii dhaabbii guyyaa har'aa Godiina Arsii Bahaa aanolee Asakoo, Shirkaa fi Honqolloo Waabeetti ajjechaa suukanneessaa kiristaanota Ortodoksiirra qaqqabe hordofuun guyyaa har'aa walgahii idilee gaggaeesseen sababa rakkoo kanaan lammiilee buqqa'aniif deegarsi akka taasifamuufiif jiilli mana kiristaanaa abboota phaaphaasotaan hogganamu bakka rakkoon kun uumametti imaluun miidhamtoota akka jajjabessaniif akkasumas deggarsi yeroo akka taasifamuufiif murteesseera.

Sinoodosiin dhaabbii kun qindeessummaa koree karaa mana lubummaa walii galaa hundaa'uun koreen rakkoo uumame kanaan mana kiristaanaa qul/Gabri'eelii Xalataa gubate deebisee akka ijaaramu, lammilee qe'eesaaniirraa buqqa'an dhaabbiin gara qe'eesaanitti akka deebi'an akasumas rakkoon kana fakkaatu biyya lallabichaa keessatti lammata akka hin uumamane taasisu waraqaa qorannoo yaada furmaataa waliin qoratee dhiheesu atattamaan hundaa'ee gara hojiitti akka seenus murteeseera.

Photos from TV Sagalee Dhugaa's post 05/06/2026

'Miidhaa uumametti hedduu gaddineerra, gama mootummaatiin atattamaan gareen dhimmicha qoratu hundaa'ee bakka sanatti ergameera, gaabaasa gareen dhimma kana qulqulleessu dhiheessu irratti hundoofnee tarkaanfii barbaachisaa ni fudhanna.'

Obbo Mahaammad Indiris
Ministira Ministeera Nagaa

'Rakkoo naannichatti uumame to'achuu fi miidhaa dabalataa qaqqabuuf ture ittisuu kan dandeessisu qabsoo ol aanaa gochuun, yeroo ammaa kana garee dhimmicha qoratu garasitti erguusaa fi bu'aa qorannoo gareen kun dhiheessurratti hundaa'uun hojiin qaamolee gocha kana keessatti hirmaatan seeratti dhiheessuu jabaatee itti fufa.'

Hoggantoota ol aanoo Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Jiilli abboota mana kiristaanaa keenyaa hoji gaggeessaa mana lubummaa walii galaa Eebbifamoo Abbaa Saawiroosii fi barreessaa qul/Sinoodosii Eebbifamoo Abbaa Diyoosqooroosiin hogganamu ministeera Nagaa fi hoji gaggeessoo ol aanoo bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa waliin mari'atan.

TV Sagalee Dhugaa, Caamsaa 28/2018(WDB)

Manni kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa, kutaa biyya lallaba Arsii Bahaa aanolee tokko tokko keessatti miidhaa qaamoleen hidhatan raawwataniin, Lubbuun darbuu kiristaanota Ortodoksii fi gubachuu manneen kiristaanaan gadda guddaa itti dhagaa'ame karaa paatiriyaarkii mana kiristaanaa keenyaa Eebbifamoo fi qulqullummaasaanii Abbaa Maatiyaasiin erga ibsattee booda, Sinoodosiin dhaabbii dhimmicharratti marii jabaa taasisuun murtoo dabarsan hordofanii, Eebbifamoo Abbaa Saawiroos hoji gaggeessaa mana lubummaa walii galaa akkasumas hangafa phaaphasii kutaa biyya lallabaa M/Shaggarii fi Shawaaa Kibba Lixaa akkasumas Eebbifamoo Abbaa Diyoosqooroos barreessaa Ol aaanaa qul/Sinoodosii fi hanga phaaphaasii kutaa biyya lallabaa Raayyaan kan hogganame jiilli Ol aanaa abboota mana kiristaanaa keenyaa Ministira Ministeera Nagaa Obbo Mahaammad Indirisii fi Ministir Deetaa Ministeera Nagaa Heeraddiin Tazarraa(Dr.) akkasumas aanga'oota Ol aanoo mana hojii Ministeerichaa waliin mari'ataniiru.

Wayituma kana Eebbifamoo Abbaa Saawiroos fi Eebbifamoo Abbaa Diyoosqooroos Godiina Arsii Bahaa aanolee Asakoo, Shirkaa fi Honqolloo Waabeetti miidhaa lubbuu kiristaanota Ortodoksiirra ga'ee fi gubaatii mana kiristaanaa seena qabeessa ta'erra ga'eef gaddi guddaan kan itti dhagaa'ame ta'uu ibsanii, mootummaan madda rakkoo kanaa qulqulleessuun furmaata waaraa akka barbaadu akkasumas naannoo sanatti nageenyi amansiisaan akka uumamu jala muranii gaafataniiru.

Achumaanis lammillee yeroo ammaa sababa rakkoo kanaan buqqa'an gara qe'eesaaniitti akka deebi'an akkasumas hojiin lammilee kana dandamachiisuu akka hojjatamu yakka kana kan raawwatanis seeratti dhihaachuun adabbii akka argatan gaafataniiru.

Maricharratti kan argaman hangafi phaaphaasii kutaa biyya lallaba Arsii Bahaa fi Jijjigaa Eebbifamoo Abbaa Elsaa'i, rakkoo biyya lallabasaaniitti uumame ilaalchisuun gabaasa ragaa lakkoofsaan deeggarame dhiheessaniiru.

Ministirri Ministeera Nageenyaa Obbo Mhaammad Indirisis, rakkoo uumamaetti hedduu gadduun, gama mootummaatiin atattamaan gareen dhimmicha qoratu hundaa'ee bakka sanatti ergameera erga jedhanii booda gaabaasa gareen dhimma kana qulqulleessu dhiheessu irratti hundoofnee tarkaanfii barbaachisaa ni fudhanna jedhaniiru.

Dhimmuma kanaan wal qabatee Eebbifamoonni abbootii phaaphaasotaa, Waajjira Pirezidaantii Bulchiinsa Naannoo Oromiyaatti hoggantoota Ol aanoo fi hoggantoota waajjira paartii badhaadhinaa waliin mari'ataniiru.

Maricharratti hoggantoonni ol aanoo naannichaa akka ibsanitti mootummaan rakkoo naannichatti uumame to'achuu fi miidhaa dabalataa qaqqabuuf ture ittisuu kan dandeessisu qabsoo ol aanaa gochuun, yeroo ammaa kana garee dhimmicha qoratu garasitti erguusaa fi bu'aa qorannoo gareen kun dhiheessurratti hundaa'uun hojiin qaamolee gocha kana keessatti hirmaatan seeratti dhiheessuu jabaatee akka itti fufu eeruun, manni kiristaanaa amantoota gaddan jajjabeessuu fi deggarsa taasisuuf yaalii gootu hundumaaf mootummaan naannichaa deeggarsa barbaachisaa ta'e akka taasisuuf ibsaniiru.

Want your business to be the top-listed Media Company in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Address

Keelloo Masqalaa
Addis Ababa
1000