Nursingpage

Nursingpage

Share

10/06/2026

🔔 Novaex AI | Why are more and more people beginning to rethink NEX?

Most tokens derive their value from market trading

But in the AI ​​era, more and more people are starting to wonder:

If a token can participate in the ecosystem's operation will its value logic change?

✅ Novaex AI is exploring the integration of AI and the crypto ecosystem

📈 In the future, in addition to its circulation attributes NEX will gradually integrate into AI ecosystem applications and staking scenarios

26/05/2025

TAAYIFOODI - Typhoid Fever
*****************************
Taayifoodiin baakteriyoota "Salmonella Typhi" fi "Salmonella Paratyphi" jedhamuun dhufa. Dhukkubni kun biyyoota guddataa jiran keessatti bal'innaan kan mul'atu fi cinqaa ta'uyyuu, biyyoota guddatan keessatti hedduu hin muldhatu.
---
---
Taayifoodiin yeroo baay'ee nyaata qulqullinna hin qabne fayyadamuun, bishaan qulqulluu hin taane dhuguudhaan, fuduraaf kuduraa dheedhii naannoo bobbaa itti bahanitti biqile nyaachuun, akkasumas nama dhukkuba san qabu wojjiin hariiroo/wolitti dhiheenya dhihoo qabaachuudhan daddarba. Dandeettiin dhibee ittisuu qaamaa gadi bu'uun, akkasumas dhukkuboonni ykn qorichoonni aasidii garaachaa hirdhisan carraa dhukkuba kanaan qabamuu ol kaasu.
---
---
Mallatooleen dhukkuba kanaas erga wontoota dhukkuba kana namatti fidaniif saaxilamanii booda torbaan tokkoo hanga sadihii keessatti mul'atu malu.
---
---
Mallatooleen isaas:
* Hoo'a qaamaa guyyaa gara guyyaatti dabalaa dhufu/Hoo'a ol'aanaa
* Bowwoo /dhukkubbii mataa
* Nama dadhabsiisu
* Nama dafqisiisuu, hollachisuu, ykn Sheengarsiisuu
* Fedhiin nyaata hirdhachuu ykn dhabamuu
* Nama lolloojjessuu ykn haqqisiisuu
* Garaa nama gogsuu ykn nama baasuu
* Maashalee harkaafi lukaatti dhukkubbiin namatti dhagahamu
* Garaan nama muruu/dhukkubii garaa
* Shifiniinii xixiqqoo gogaa garaa, laphee fi qomaa irratti mul'atan

Hub: Mallatooleen armaan olii hundi yeroo tokkotti/wol faana mul'achuu dhabuu danda'u.
---
---
Rakkinnoolee Taayifoodiin darbee darbee (keessattuu yoo otoo hin yaalamin hafe) qaama keenya irratti fiduu danda'u:
▪︎Mar'umaan keenya quunca'e akka dhiiguufi urame akka qaawula bahu gochuu danda'a
▪︎Darbee darbee Infeekshinii Kalee, Afuuffe fincaanii, Maashaa onnee, Somba, Rajiiji, Tiruu, Manjalloo, Nama suursuu/waan dhukkuba akka qalbii fa'a fiduu danda'a.
---
---
Maal haa goonu?
• Qulqullina nyaata kenyaa eeguu.
• Bishaan qulqullu fayyadamuu
• Mana fincanitti fayyadamuu
• Mana fincaniiti yoo baanu harka keenya samunaan dhiqachu

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Jimma?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Address

Jimma