Singer Dawit Tesfaye Mendi

Singer Dawit Tesfaye Mendi

Share

27/04/2026

Minister Melka Alemu



‎========KUTAA 650"FFAA......................


‎✅1"ffaa:_Abbaan amantootaa waaqayyo abbaa moo yesusidha?.. abbaa keenya jechuu ni dandeenyaa?.(yeroo baay'ee Namoonni(amantoonni ) eenyuun abbaakoo jedhanii waamu fi macaafni qulqulluunoo eenyutu abbaa hafuuraa amantootaati jedha?

‎ :_Yeroo baay'ee amantoonni yesusitti amananii fayyanii ijoollota waaqayyoo ta'an hundumtuu yeroo Yesusiin akka abbaatti waaman,galateeffatan,waaqeffatanii fi kadhatan argina; kunimmoo ija macaafa qulqulluutiin yeroo ilaalamu dogoggora guddaa fi burjaaja'insadha jechuudha... ,eenyutu abbaa Jedhamee waamamuu qabaree⁉️
‎🤌Waaqayyoo fi abbaa gooftaa keenya yesustu abbaa malee yesus abbaa keenya miti.

‎✍️Deebii:_Waaqayyoo fi abbaa gooftaa keenya yesus kristoostu abbaa keenya malee waaqayyo ilmaan ykn yesus kristoos abbaa keenya ta'uu hin danda'u….. inni ta’uu hin dandeenye waan inni waaqayyoof uumaa keenya hin taaneef utuu hin taane ga’ee sadan waaqayyummaa keessatti qaama abbaatu akka abbaa ta’uuf kaa’amee jira malee ilmaaf hafuura qulqulluu miti.
‎☝️Yesus ragaa dubbii isaatiin yeroo cimsu Akkas jedhe:_
‎✓“Yesus immoo, "Ana hin qabin! Ani amma iyyuu gara abbaatti ol hin baane; gara obboloota koo dhaqii, 'Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessanitti ol nan ba'a' jedhii isaanitti anaaf himi!" jedhee ishee abboome.”
‎ — Yoh. 20:17
‎☝️Kana jechuun maal jechuudha; Waaqayyo abbaa qofatu abbaa yesus fi amantoota warra ilmasaatti ykn yesusitti amananii fayyanii akka ta'e dubbata jechuudha.

‎ Jireenya maatii Waaqummaa isaa keessatti yeroo hariiroo abbaa fi ilmaan isaa gidduu jiru ijaaru qaama abbaa akka abbaa hafuraatti,qaama ilmaa ykn ilmasaa Isa tokkicha ammoo karaa namummaa isaatiin akka obboleessa angafaa Isa obboloota baay'eedhaaf angafa ta'etti dursee kaa'ee ture.
~ ²⁹ Warra duraan dursee beekumsa isaatiin fo'ate, fakkaattii ilma isaa isa obboloota baay'eedhaaf angafa ta'uuf jiru, akka ta'aniif yaadaan isaan qabe{rom 8:29}.

‎ Waaqayyo abbaan "abbaa hafuuraa" ta'e karaa yesus ilmasaa Isa tokkichaan ijoollota baay'ee qabaachuuf jedhee karaa Hafuura isaa fi sanyii dubbii isaarraa lammaffaa dhalachiisuudhaani(dhalchudhaani).
‎((Ibr 2:10_12,,1 pex 1:3_5,,1 pex 1:23,,w.yoh 3:3_6,,Yoh 1:12_13))).

‎📌inni kan biraa yesus waaqayyo abbaa isaa Isa Isa erge malee nama ykn qaama biraatiin akka abbaa hin jenne bartoota isaa akeekkachiseera.
‎✓“Lafa irratti nama akka abbaatti hin waammatinaa! Abbaan keessanoo tokko, innis isa waaqa irraa ti.”
‎ — Mat. 23:9
‎✓“Akkasumas immoo, '" Ani abbaa isiniif nan ta'a, isinis ilmaan koo intaloota koos in taatu' jedha gooftaan inni hundumaa danda'u" jedhameera.”
‎ — 2Qor. 6:18

‎🤌 HUBACHIISA:_Namni Yesusiin abbaa jedhee waamu baay'ee dogoggora guddaa keessa waan jiruuf;yaada isaa sirreeffachuu qaba;yesus waan hundumaa dha garuu abbaa hafuuraa gonkumaa ta'uu hin danda'u.
‎✓Bakki Abbaa hafuuraa ykn abbaa amantootaa kan waaqayyo abbaati malee kan yesus miti jechuudha.
🤌 ³ Waaqayyoof, abbaa gooftaa, keenyaa Yesus Kristos isa karaa Kristos eebba hafuuraa hundumaan, waan waaqa irraatiinis nu eebbiseef galanni haa ta'u(ef 1:3)).

✍️ISA 9:6;;noo maal jechuu barbaade akka ati naan jettu nan beeka??
👉Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira; maqaan isaa, "Gorsaa, dinqii, Waaqayyo-jabaa, abbaa bara baraa, angafa nagaa" in jedhama((Isa 9:6))
✍️abbaan bara barummaa mucichaa ykn yesus maal ibsuu barbaaderee? Tasgabbidhaan dubbisi kunooti deebiinsaa 👇
~jechi abbaa barabaraa jedhu afaan hibrootaan ‘’abiyad ykn abiad jechuudha;’’ab-abbaa jechuu yoo ta’u; ‘Ad’ jechuun ammoo barabaraa jechuudha;kanaaf abbummaan kun kan ibsu abbummaa maatii waaqayyoo utuu hin taane abbummaa barabaraa ibsa.
ykn abbummaan barabaraa maal ibsa? Innis yesus amala waaqummaa isaatiin jalqaba waan hundaa ta’uusaa,abbaa ka’umsaaf xumura waan hundumaa ta’uu isaa fi uumaa uumama hunduma ta’uu isaa ibsa…. abbaan bara barummaa yesus akka ilma waaqayyoo isa roga amala waaqayyummaa agarsiisuutti malee akka abbaa hafuuraa isa amantoota isatti amananiif abbaa ta’uutti miti…. ’ee sadan tokkummaa waaqayyoo keessatti mataan,abbaan fi abbaan hafuuraa amantoota uumama haaraa fi ijoollota kakuu haaraa waaqayyo abbaadha malee ilma miti;; ilmi waan waaqayyo ta’eef abbaa ta’uu danda’a ta’ee;hafuurri qulqulluunis waaqayyo waan ta’eef abbaa ta’uu danda’a ture;;garuu abbaan amantoota kakuu haaraa waaqayyo abbaadha;;ilmi inni kristos,masihii fi amaanu’eel ta’ee fi namummaa isaatiin ammoo yesus ta’e;roga waaqummaa isaatiin bara baraa jedhamuun isaa;jalqaba barabaraa;durdurii barabaraa dura turuusaa kan ibsudha,akkasumas sagalee waan hunda dura turee fi abbummaan isaa uumama hundumaa irratti uumaa ta’uu isaa kan argisiisudha(yoh 1:1-3,isa 9:6 fi qol 1:15_16)).
yesus utuu hin taane abbaaf waaqayyo gooftaa keenya yesus kristoos tu abbaa keenya tokkicha (luqqisiin armaan gadii hundi waaqayyo abbaan ykn waaqayyoof abbaan gooftaa keenya yesus qofti akka abbaa keenya ta’e kan ibsudha malee yesus miti.
~yoh 20:17,ef 1:3,mat 23:9, ‎ — 2Qor. 6:18,1 pex 1:2-3,yaq 1:17 fi 27,ibr 12:9,ibr 2:11,film 1:3,tit 1:4,2 xim 4:8 ,2 tas 2:16,1 tas 3:13,1 tas 1:3,qol 3:17;filp 2:11,,ef 6:23


‎✅2"ffaa:_Yesus obboleessa keenya angafaati yeroo jennu waaqummaa isaatiin moo Namummaa isaatiini?

‎✍️Deebii:_Jireenya maatii Waaqayyoo ykn waaqayyummaa maatii Waaqayyoo keessatti ",waaqayyo abbaan "Abbaa hafuuraa amantootaati,,"waaqayyo ilmaan Namummaa isaa yesus jedhamuun ammoo obboleessa angafaa amantootaati.
‎👇Kanaaf kristoos inni dhufee Namummaadhaan dhalate Isa "obboloota hafuuraa baay'eedhaaf warra waaqayyo abbaarraa lammaffaa dhalataniif "obboleessa angafaa " haa ta'uuf karoorfamedha.
‎✓“Warra duraan dursee beekumsa isaatiin fo'ate, fakkaattii ilma isaa isa obboloota baay'eedhaaf angafa ta'uuf jiru, akka ta'aniif yaadaan isaan qabe.”
‎ — Rom. 8:29
‎✓Ibr. 2
‎¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
‎¹⁰ Waaqayyo inni wanti hundinuu maqaa isaaf, isaanis jiraatu, ilmaan baay'ee gara ulfinaatti geessuudhaaf akeekeera; kanaafis isa fayyina isaaniitiif sababii ta'eef sana, dhiphinaan, geggeessaa waan hundumaa fiixaan baasuu gochuun hojii isaa ture.
‎¹¹ Egaa inni qulqulleessu warri qulqulleeffamanis hundinuu kanuma abbaa tokkoo ti; sababii kanaaf inni qulqulleessu sun "Obboloota koo" jedhee isaan waamuu hin yeella'u.
‎¹² Inni "Obbooloota kootti maqaa kee nan beeksisa, waldaa keessattis sin faarfadha" jedheera.
‎☝️Kanaaf Jireenya maatii Waaqayyoo keessatti;yesus obboleessa angafaa ijoollota waaqayyoo warra abbaarraa karaa Hafuura qulqulluu fi bishaan sagalee waaqayyoo irraa lammaffaa dhalatan hundumaati.


‎✅3"ffaa:_Garaagarummaan nuuf kadhachuu yesusii fi nuuf kadhachuu Hafuura qulqulluu gidduu jiru maayinni?

‎✍️Deebii:_Tajaajila araarsummaa Hafuura Qulqulluu fi yesuus Kiristoos ilaalchisee qulqulloota biratti burjaajiin(Burjaaja'insi )guddaan jira.🤷
‎ Qulqulluu yommuu qorannu boqonnaa wal fakkaataa Roomaa boqonnaa 8 keessatti kutaaleen Waaqummaa lachuu akka nuuf kadhatan dubbata............ 8, lakk. 26_27"tt Hafuurri qulqulluun nuuf kadhata jedha fi Roomaa 8, lakk 34 irratti ammoo yesus nuuf kadhata(araarsa) jedha .
‎ ,Tajaajilli araarsummaa kun 2'n maal fakkaata?

‎📌 tajaajila araarsummaa(nuuf kadhachuu ) lamaan isaanii gidduu jiru maali?.... bifa armaan gadiitiin Wal bira qabuudhaan wantoota muraasa ragaa Macaafa Qulqulluu waliin haa ilaallu💁

‎👉1:_Gama iddootiin Hafuurri Qulqulluun jireenya amantootaa keessa ta'ee biyyaa lafa irratti ni kadhataaf (Rom. 8:27), .

‎📌 Yesuus garuu mana qulqullummaa harkaan hin hojjatamne samii 3"ffaa Iddoo qulqulluu qulqulluu keessa taa'ee nuuf kadhata(araarsa)(Rom. 8:34, Ibr. 8:1-2).

‎👉2:_Sababni Hafuurri Qulqulluun nuuf kadhatuuf dadhabina amantootaa wajjin kan wal qabatu yoo ta’u, kunis rakkoo daangeffama uumamaatiin dhufuun nu mudatan keessatti humna nuuf ta'uuf(Roomaa 26).

‎📌 Yesuus garuu kan nuuf kadhatuuf waan barbaachisaa ta'eef fayyinni amanaa isa malee guutuu ta'uu hin danda'u Waan ta'eef(Rom. 5:10, Ibr. 7:24_25).

‎👉3:_Araarsummaan Hafuura Qulqulluu kadhannaa wajjin kan wal qabate yoo ta'u, "akkamitti kadhachuu akka qabnu" fi "yeroo kadhannu akka fedha Waaqayyootti akka kadhannuu" fi akkasumas gargaarsa kennuudhaan nu deeggaruufi .(Rom. 8:26-27),

‎📌 Araarsummaan Yesuus garuu, abukaatoo keenya ta’uun, ayyaana samii irraa nu barbaachisu akka argannu nu gargaaruu fi akkasumas yeroo cubbuutti kufnu dadhabina keenya keessatti fuula waaqayyootti nuuf argamudhaan mudaa keenya dhoksuu fi irra daddarbaa keenyaaf araara nu argachiisuuf.... . 2:17-18, 4:14-16,1Yohaannis 2:1-2

‎👉4:_ Araarsummaan Hafuura Qulqulluu garaa amanichaa(amantootaa) keessatti "boo'icha( himannaa ) dubbatamuu hin dandeenyeen" fuula Waaqayyotti kan dhiyaatudha.(Rom. 8:26-27), .

‎📌 Garuu Macaafni Qulqulluun araarsummaan Yesuus kallattiin Abbaa dura akka dhaabbatu nutti hima. (Ibr. 9:24. 8:2).

‎👉5:_. Hafuurri Qulqulluun Abbaa duratti Angafa Lubaa fi Abukaatoo hin jedhamu, .

‎📌 Yesuus garuu Abbaa duratti Angafa Lubaa fi Abukaatoo jedhama (Ibr. 4:14, 1Yoh. 2:1-2).

‎👉6:_Araarsummaan Hafuura Qulqulluu hanga amanichi(kristaanonni) biyya lafaa irra jirutti/jiraatanitti qofaa itti fufa (Roomaa 8:26-27), .

‎📌Hojiin araarsummaa Yesuus garuu kan bara baraan itti fufee jiraatudha. ✓Inni waaqeffannaa keenya karaa angafa lubummaa isaatiin geggeessa, akkuma Macaafni Qulqulluun “Ati bara baraan luba” (Ibr. 5:6) jedhu. Mul'ata 14:1-3


‎✅ 4"ffaa:_Amantoonni yeroo fooniin dadhaban ykn dogoggoran waaqayyo isaan dheekkama moo isaan adaba?... barabaraa moo adabbii foonii itti Kenna?

‎✍️Deebii:_Waaqayyo warra ilmasaa yesusitti hin amanne dheekkamsa barabaraan isaan dheekkama;warra amanan garuu yeroo isaan dogoggoran akka ijoollee isaatti isaan gorsuuf,sirreessuuf,qajeelchuuf Isaan ifata,adaba malee isaan hin dheekkamu.
‎✓Yoh. 3
‎¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
‎³⁶ Namni ilma Waaqayyootti amanu, jireenya bara baraa qaba; ilma Waaqayyoof kan hin abboomamne garuu jireenya hin argatu, dheekkamsa Waaqayyootu isa irratti hafa malee" jedhe.

‎✅ :_Waaqayyo_ijoollota_isaa_yoo_isaan_dogoggoran akka ijoollota isaatti adabee isaan sirreessa malee hin dheekkamu; dheekkamsi firdii warra amananii hin fayyineeti.
‎✓7_“Isinis barsiifamuudhaaf adaba kana obsaan danda'aa! Waaqayyo wanta ilmaaniif godhamuun ta'u, isiniif in godha; ilmi abbaan isaa barsiisuuf hin adabne immoo isa kam ree?”
‎8_ “Adaba hundinuu barsiifamuudhaaf argatan keessaa, utuu hin argatin yoo haftan garuu isin ilmaan abbaa hin beekamneettii dhalattan malee, dhuguma ilmaan isaa hin taatan.”
‎ — Ibr. 12:7_8
‎(1 qor 11:32,,Ibr 12:5))


‎✅5’’ffaa:-amanaan yeroo dogoggoru ykn cubbuutti kufu hafuurri qulqulluun isa dhiisee deema moo in gargaara?

‎❤️ :_Gonkumaa dhiisee hin deemu dadhabina isaan keessaa baasuuf Isa gargaara malee.
‎✓Rom. 8
‎¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
‎²⁶ Hafuurichis immoo akkuma kanatti dadhabbii keenyatti nu gargaara; nuyi maal kadhachuun akka nuuf barbaachisu akka ta'utti hin beeknu; hafuurichi garuu aaduu isaatiin karaa namni dubbiidhaan mul'isuu hin dandeenyeen nuuf in kadhata.
‎²⁷ Hafuurichi akka jaalala Waaqayyootti warra isaaf qulqullaa'aniif in kadhata; Waaqayyo inni garaa namaa fonqolchu immoo, yaada hafuurichaa in beeka.
’inaan liinkii kanaan seenaatii dubbisaa👇https://www.facebook.com/share/p/14i7Xt8FtML/?mibextid=wwXIfr


‎✅6"ffaa:_Garaagarummaan Hafuura qulqulluu arrabsuu fi gaddisiisuu gidduu jiru maaloodha?

‎✍️Deebii:_Hafuura qulqulluu arrabsuu jechuun yesusitti amanuu dhiisuudha;Kunis cubbuu du'a barabaraatti nama geessuu fi dhiifama hin Qabnedha.
‎✓Hafuurri qulqulluun kan gara biyya lafaa Kanaaf dhufeef waayee yesus dhugaa ba'uufi waan ta'eef;dhuga ba'insa inni godhu fudhachuu dhiisuun Isa irratti dubbachuu ykn Isa arrabsuudha;karaa biraatiin ammoo yesusitti amanuu dhiisuudhaan cubbuu firdii du'a barabaraatti nama geessu jalatti hafuu jechuudha.((mat 12:32,, marq 3:29,,1 Yoh 5:16)).
’inaan liinkii kanaan seenaa dubbisaa👇https://www.facebook.com/share/p/1DkAiQWmgA/?mibextid=wwXIfr

qulqulluu gaddisiisuun garuu hafuura waaqayyoo gowwomsuu/sossobuu,qoruu,mormuu,waan inni dubbatu dhaga’uu Diduu fi
-h.erg 5:3,4 fi 9,h.erg 7:51 ,ef 4:30-31.
_Wanti amantoota gooftaa yesus gidduutti kristoosiin hin kabajnee fi waaqayyoon hin ulfeessine hafuura qulqulluu gaddisiisuu jedhama.

:-hafuura qulqulluu arrabsuu ykn irratti mormee kan salphisuu danda’u warra hin amannedha;;hafuura qulqulluu kan gaddisiisuu danda’u ammoo warra amananiif fayyanidha;innis yeroo amantoonni hafuura qulqulluuf abboomamuu didaniif dhaga’uu didan kan raawwatudha .

‎✅7"ffaa:_Qalbii diddiirrannaan amantootaa dhiifamuu cubbuufi moo Haaromsa yaada garaafi(araara gaafachuudhaafi)?

‎‎‎✍️Macaafa qulqulluu keessatti qalbii diddiirrachuu jechuun kallattii(bakka sirrii)tti deebi'uu, jijjiirama yaada sirrii taasisuu(haareffamuu Yaada garaa qabaachuu,sirna jireenyaa haaraa ayyaana gooftaatiin horachuu jechuudha.

‎✍️Qalbii_diddiirrachuu jechuun akkuma manni amantaa baay'een barsiisanii fi namoonni baay'een yaadan,waldaa kiristaanaa keessatti boo'uu miti.... nuuf godhi, nuuf godhi" jechuus osoo hin taane ykn utuu gara yaada Waaqayyootti hin deebi'in, soomaafi kadhannaadhaan of arrabsuu fi of miidhuus miti.🤷

‎ Haaraa keessatti qalbii diddiirrannaa gosa lamatu jira.

‎📌1. -DIDDIIRRANNAA_FAYYINAA_ biyya lafaa( hin amannee)

‎📌.2. -DIDDIIRRANNAA_QULQULLOOTAA ( kristaanaa//kan maatii)

‎✅1"FFA. .
‎ Namootni hin amanne; Namootni amantaa (namootni ilaalcha amanta'aa of keessaa qaban), cubbamoonni, warri Kiristoositti hin amanne; maqaa yesusitti amanuudhaan ykn Yesusiin akka fayyisaa dhuunfaa isaaniitti amanudhaan addunyaa dukkanaa irraa gara addunyaa ifaatti dhufaniidha.

‎✍️ Warri hin amanne adda durummaan rakkoo naamusaa irraa kan ka'e qalbii diddiirrannaa Waan godhan miti..... Rakkoon warra hin amannee inni guddaan Yesusiin akka fayyisaa dhuunfaa isaaniitti fudhachuu/amanuu dhabuu isaaniiti.

‎✍️Yoh. 8
‎¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
‎²⁴ Cubbuu keessaniin akka duutan isinitti himeera; ani eenyu akkan ta'e beektanii yoo amanuu dhaabaattan, cubbuu keessaniin in duutu" isaaniin jedhe.
‎²⁵ Kana irratti isaan, "Egaa eenyu ati?" jedhanii isa gaafatan; Yesus immoo, "Maaliifan waan akkasii isinitti dubbadha ree?

‎🤝“Namni ilma Waaqayyootti amanu, jireenya bara baraa qaba; ilma Waaqayyoof kan hin abboomamne garuu jireenya hin argatu, dheekkamsa Waaqayyootu isa irratti hafa malee" jedhe.”
‎ — Yoh. 3:36

‎✍️ Yoh. 16
‎¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
‎⁸ Inni yommuu dhufu waa'ee cubbuu, waa'ee qajeelummaa, waa'ee firdiis, biyya lafaa in hubachiisa.
‎⁹ Isaan waan anatti hin amanneef, cubbuu isaanii in argisiisa;
‎¹⁰ ani gara abbaa dhaquu kootiin isinis na arguu dhabuudhaan qajeelummaa koo in argisiisa;

‎🤌“Phexros immoo, "Yaada garaa keessanii geddaradhaa; cubbuun keessan akka isiniif dhiifamuuf, tokko tokkon keessan maqaa Yesus Kristositti cuuphamaa; kennaa hafuura qulqulluus in fudhattu.”
‎ — HoE. 2:38

‎✅WARRI BIYYA_LAFAA_YKN_WARRI_HIN_AMANNE_MAALIIF_QALBII_DIDDIIRRATU?

‎ :_Warri hin amanne du'a bara baraa fi firdii Waaqayyoo jalaa ba'uuf dhiifamuu cubbuu argachuuf qalbii diddiirrachuutu isaan irraa eegama.🤷

‎✓Rom. 10
‎¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
‎⁸ Egaa maal godhi jedha ree? "Dubbichi sitti dhi'oo dha; afaan kee keessa, garaa kee keessas jira" jedha; dubbichis dubbii amantii isa nuyi lallabnuu dha.
‎⁹ Yesus gooftaa akka ta'e afaan keetiin yoo beeksifte, Waaqayyo du'aa akka isa kaase immoo garaa keetti yoo amante fayyina bara baraa in argatta.
‎¹⁰ Namni garaa isaatti amanee qajeelaa ta'a, afaan isaatiinis beeksisee in fayya.

‎✅2"FFAA. (MAATII)

‎✓1Qor. 11
‎¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
‎³¹ Utuu of irratti arginee nuyi of irratti murreerra ta'ee, Waaqayyo nutti hin faradu, ture.
‎³² Yeroo amma nutti faradamu immoo, firdiin bara baraa biyya lafaa wajjin akka nutti hin faradamnetti, gooftichi akkasitti adabee nu qajeelcha.
‎🤌2 Qorontos 7:8-11....1 Yohaannis 2:1... dubbisaa💁

‎✅WALDAAN_KRISTAANAA(KRISTIYAANONNI)_MAALIIF_QALBII-DIDDIIRRATU?

‎☑️1"ffaa:_Qulqulloonni lammaffaa dhalatan ayyaanaa fi araara Waaqayyo biraa argachuuf wanta godhanidha...
‎ 4:14-16

‎☑️2"ffaa:_Gaabbiin Kun kan Qulqulloonni angafa lubootaa isaanii yesus waliin hariiroo isaanii kan itti raawwatanii fi hariiroo isaanii haaromsudhaan kan raawwatamu yoo ta'u, adda durummaan isaa dhuunfaan kan raawwatamudha.

‎☑️3"ffaa:_Akka fedha Waaqayyootti kan qalbii diddiirrachuudhaan of diddiiranidha malee callisanii kan boo'uudhaan fuula waaqayyootti iyyaa oolan miti.

‎☑️4"ffaa:_Abbaa isaanii waliin walitti dhufeenya jaalalaa haaromsuudha.

‎☑️5"ffaa:_Wanti isaan qalbii diddiirratan rakkoo naamusaa amanaa tokkoo irraa kan ka'e ta'uu mala.

‎☑️6"ffaa:_dhuunfaan qalbii diddiirrachuun ni danda'ama.

‎☑️7"ffaa:_Gaabbii kan of keessaa hin qabnedha.... jechuun qalbii diddiirrannaa jechuun Waan godhanitti gaabbuu utuu hin taane;yeroo hundumaa dadhabaa akka ta'an hubachuudhaan.... hundumaa ammoo hafuura ofii haaromsudhaan geeddaramaa deemuudha... yeroo hundumaa kristoos fakkaachuutti haareffamaa,Jijjiiramaa deemuudha malee waan dura dogoggoranitti gaabbaa jiraachuu miti .

‎☑️8"ffaa:_Amanaan tokko amala kiristaanummaa hin taane yoo agarsiise, bakka fedheyyuu haa jiraatu, kallattiidhaan Angafa Lubaa Yesuus waliin xumura.

‎☑️9"ffaa:_Amanaan tokko hojii kiristaanummaa hin taane (eenyummaa durii/moofaa) keessatti of argee hojiinsaa sirrii akka hin taane erga hubatee, akka fedha Waaqayyootti qalbii isaa diddiirrachuun, akka tartiiba jireenya uumama haaraatti itti fufuu akka danda'uuf, fuula waaqayyootti of haaromsuu fi of diddiiruu shaakaluudha.

‎ KRISTOOSITTI AMANAN WAAN HUBACHUU QABAN:_

‎✅1"FFAA:_ Amantoonni murtii du’a bara baraa jalaa ba’uuf qalbii diddiirrannaan isaan godhan akka hin jirre beekuu qabu.

‎✅2"FFAA:_Hafuurri qulqulluun amantoonni gaafa dadhaban(kufan) akka hin dhiisne beekuu qabu.

‎✅ 3"FFAA:_Jaalalli Waaqayyo Abbaa isaaniif qabu humna isaaniif gaarummaa isaanii wajjin akka hin daballee fi dadhabina ykn kufaatii isaanii wajjinis akka hin hir’anne beekuu qabu.



✍️8’’ffaa:-hafuurri qulqulluun amantoota moo biyya lafaa ceepha’a(waqqasa)?
👉Deebii quubsaa gaaffii 8’’ffaa bal’inaan liinkii gadii kanaan seenaa dubbisaa👇
https://www.facebook.com/share/p/1AwiGESmp9/?mibextid=wwXIfr

‎🤌“Ayyaanni gooftaa Yesus Kristos, jaalalli Waaqayyoo, tokkummaan hafuura qulqulluus hunduma keessanii wajjin haa ta'u!”
‎ — 2Qor. 13:13‎

‎ godhaa
‎ godhaa
‎ 🙏🙏🙏

‎ by Minister Melka Alemu ♥️


27/04/2026

Yesuus siree kee baadhu gali!
Raajii bara kana kottuu Guest house (siree) qabadhu😎🙄
Dawit Maccaa Mendi

27/04/2026

“Gaaf tokko namoonni mandarichaa Elsaa'iidhaan, "Yaa gooftaa, kunoo, akkuma ati argitu, mandarichi illee iddoo ba'eessatti ijaarame; garuu bishaan isaa gadhee waan ta'eef dubartoota irraa ulfaa in baasa" jedhan.”
— 2Mot. 2:19
Ergaa keeti!

Dheebuu baasee achumaan ulfa baasa.
Bishaanichi:-
1. Yoo dhugde dheebuu si baasa, rakkoo dheebuu nama irraa kutuu hin qabu.
2. Yoo ittiin dhiqatte xurii sirraa baasa, nafa kee hin kukkutu qaama keef mijachuu dideee milkita bishaan qaamaaf hin mijannee irratti hin argitu.
Garuu
🤌 Dubartii ulfaa irraa ulfa baasa.
Haadhaa ta'ee ilmoo garaa jirtu garaadhaa darbata.
Maal bishaan hamaan akkasii? Haadha dheebuu baasee achumaan ulfa ishees irraa baasa.
Diinummaan bishaanicha isa ganaa dhalatu ulfaaf hin ta'u malee isa lafa irra jiruuf ni ta'a. Generation gab uumuuf deema. Inni lafa jiru jiraatee darbinaan itti aanee isa dhalachuuf jedhu akka inni as hin baane darbatee gadi baasa.........
Wanti baay'een siif sii ta'ee mullata keef ta'uu dida. Akka ati naaf hin taane hin jenne hamma tokko gaaffii kee deebisa, akka ati naa ta'e hin jenne mul'ata kee gatachiisa.
Dheebu baasaa fakkaatee isa mullata kee gatachiisu gooftaan daangaa itti siif haa gadhu.
(
Milikita sitti toluu ergaa kanaa sher gochuun mul'isi)
Dawit Maccaa Mendi ti

02/02/2025

Maal kun ijoollee Safuudha Abboo

Tiraamp dhiheessii qoricha farra HIV/AIDS dhaabuuf ajajaniiru.
Itoophiyaattimmoo namoonni qoricha kana fudhataa jiran 600,000 ol ta'u. Attam ta'u?
👉 https://bbc.in/4aEg43x

Photos from FMC Afaan Oromoo's post 30/01/2025
Photos from Singer Dawit Tesfaye Mendi's post 29/01/2025

Amma dura caasaan Mootummaa naannoo Oromiyaa hogganu kan gara gadii jiru, rakkoon heddummaataa waan jiruuf Lammaan dhufee haa sirreessu jedhanii Abiyyiin gaafatan. Gaafas ~ Lammaan sammuu isaa keessatti xan’achi waan argameef lubbuunuu hedduu hin turu kanaaf waa’ee isaa irraanfadhaa jedheenii ture.

Tibbana immoo, Lammaan caasaa Oromiyaa keessa keessan narratti ijaaree aangoorraa na kuffisuuf hojjataa jira jechuudhaan himatee, biyya yeroo ammaa jiraatan Xaaliyaanii irraa qabamanii akka kennamaniif Mootummaa Xaaliyaaniitti iyyateera. Mootummaan Xaaliiyaanii garuu iyyata Abiy kuffisuudhaan Lammaa dabarsee akka hin kennine addeesseera.

Kanuma
Keenyas Oluma

28/01/2025

Odeessa!!

Pireezidaantii Donald Trump baqqattoota Lammiilee biyyoota Addunyaa gara garaa Ameerkaa jiraachaa turan 1,450,000 ol gara biyya isaaniitti deeb8suuf murteessanii gara biyya irraa dhufaniitti erguuf deeman keessatti Lammiileen Itoophiyaa 1,713 ta'uun beekkameera! Ameerkaan namoota haaraa waraqaa lamummaa hin argatin raafuuf eegalte jachuudha. Dabalataan Pireezidaantii Donald Trump yeroon White House seene abbootii Alangaa shiraan himata narratti banan hunda Second tokkotti aangoo irraa kaasa jadhe walitti qabee taaytaa irraa ari'ee jira. Akkasumaas Odola guddicha Adduunyaa Green land to'annoo Ameerkaa jalaan galcha jachuun biyyoota Awurooppaaf yaaddoo uume. Odollick7n waggoota 800f qooma biyya Denmark ture. Amma ijoo Addunyaa ta'eera. Pireezidaantii Donald Trump Addunyaaf waggaa 4f qormaata ta'uun isaa hin hafu...🙂

Photos from Singer Dawit Tesfaye Mendi's post 28/01/2025

Oduu Gammachiisa

Abbootiin Gadaa Michillee gadi lakkifamaan
Ummani oromo hundii baga gammadan baga gammane yoo tokkumman akkatti dhabbane waanti gochuu hin dandeenye hin jiru tokkumman jaa ciimtu hattuun haa kuftu dhugaan haa dhuftu!!!!!

27/01/2025

Gaafa Guraandhala 28, 2025 Meerkuriin pilaanetota biroo jaha kan duraanuu mul'taa jiranitti makamuun pilaanetota torba tarree galanii arguuf jirra jedhu qorattoonni hawaa.

Pilaaneetonni jaha: Veenusii, Maarsii, Juuppitarii, Saatarnii, Yuraanusiifi Neeptuun yeroo ammaa samiirratti mul'ataa jira. Ji'a Guraandhalaa keessa ammoo Meerkuriin itti makamtee halkan keessa pilaaneetota torba wal-cinatti arguuf deemtu jedhu qorattoonni.
Singer Dawit Tesfaye Mendi

Photos from Singer Dawit Tesfaye Mendi's post 27/01/2025

Bilisummaa fi dimookiraasiin dhugaa naannoo Tigraayi jira! Ani Wayyaanee hin deggeru. Gochaa isheen ganna 27 Oromoo gootes hin irraanfadhu. Garuu aangoo irraa geggeeffamuu ishee hordofee, waraana kaabaa uumameen booda haalli naannichaa hedduu jijjiirameera!

Wal morkii finxaaleyyii TPLF keessatti uumameen ibsootni adda addaa, murteewwan gara garaa fi yaadonni hedduun ka'aa turuun ni beekama.

Kanumaan wal qabatee garee Geetaachoo fi Dabratsiyoon jedhamanii wal qooduun gamaa fi gamanaa walitti duulaa jiru.
Guyyoota muraasaan dura garee Dabratsiyoon deggeruun uummatni gariin hiriira bahee garee Geetaachoo balaaleffatee gale. Guyyaa har'aa ammoo faallaa isaa garee Geetaachoo yookiin bulchiinsa yeroo Tigraayi deggeruun uummatni magaalota naannottii keessa jiru hiriira mormii Dabratsiyoon bahaa jira!

Gareen siyaasaa hanga kana walitti duulanis,hanga kana wal balaaleffatanis fedhii uummataa daangessuu hin dandeenye. Abbaan fedhe bahee kan mormu mormee kan deggeru deggeree nagaan qe'eetti galaa jira!

Taateen dimookiraasii akkanaa biyyoota guddatan malee jira natti hin fakkaatu. Abiyyi Ahmad fi gareen isaa utuu namni bahee isaan mormee maal akka godhan namuu quba qaba. Namni yaada isabsachuu qofaaf hidhaatti dararu. Inumaayyuu ilaalcha juntaa, faannoo fi shanee qabda jedhamee ajjeefamuu dandaa'a.

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address

Addis Ababa
BOLESUBCITY