AMO AMAAN
Dhiifama 🙏 Dhiifama 🙏
“Kabajamtoota Musiliimaa fi Kiristaanaa hundaaf, ani jechoota yeroo darbe social media koo irratti barreesse hunda sirriitti ilaalee guutummaatti balleesseera. Dogoggora koo hubadhee irraa baradheera. Jechoonni ani barreesse nama miidhuu fi walitti bu’iinsa fiduu waan danda’uuf, kanaaf garaa guutuudhaan dhiifama isin gaafadha. Fuulduratti waan akkasii irra deebi’ee hin barreessu; nagaa, jaalalaa fi kabajaan waliin jiraachuuf nan tattaafadha. 🙏”
Dhiifama… Dhiifama… Dhiifama… 🙏
Uummata Kiristaanaa fi Musiliimaa hundaaf,
Kabajamtoota hundaaf,
Ani waggaa tokkoo oliif waa’ee amantii Kiristaanaa fi Musiliimaa irratti jechoota nama miidhan dubbachaa ture. Yeroo sana keessatti dogoggora guddaa hojjedhaa ture jechuun amma hubadheera. Jechoonni ani dubbadhe namoota hedduu mufachiisuu fi miidhuu isaanii amma qalbiidhaan hubadhee baay’ee gaabbii keessa jira.
Nama kamiyyuu arrabsuun, mootummaa amantii irratti wal qoqqooduun fi wal tuffachuun sirrii akka hin taane bareera. Amantiin hundi nagaa, jaalala, obbolummaa fi wal kabajuu barsiisa. Kanaaf ani waanan dubbadheef uummata Kiristaanaa fi Musiliimaa hunda irraa garaa guutuun dhiifama gaafadha.
Kaayyoon koo nama miidhuu miti ture; garuu dubbii koo fi hojii koo keessatti dogoggorri guddaan akka ture amma hubadheera. Namoonni jechoota koo irraa kan ka’e miidhamtan, mufattan ykn gadditan hundi akka naaf dhiiftan kabajaan isin gaafadha.
Amma irraa eegalee nama hunda kabajuu, jaallachuu, nagaan waliin jiraachuu fi jechoota gaarii dubbachuu irratti of eeggannoo guddaa nan godha. Dogoggora darbe irraas baradhee jireenya koo keessatti jijjiirama gaarii fiduuf nan hojjedha. Postii social media koo irratti ture hundaas kaaseen jira.
Yoo lubbuun jiraadhee waliin wal argina; yoo lubbuun hin jiraanne ta’es mootummaa Rabbii keessatti wal argina.
Dhugumaan naaf dhiisaa. 🤝🕊️
Dhiifama… Dhifama
Kiyuu Jiraa Yesus Seenaa Abba Koo Singer Amanuel Gadisa Ahmed Barsiisaa Hoolotaa Madiinaa Shawittii Awel Kasim Hamza Ibrahim Dawit Gutema Regea
Namoonni biroo sitti amanuu dhiisuu danda'u garuu ati gonkumaa OFIITTI amanuu hin dhiisin!!
━━━━━━━━━━━
14/05/2026
Waantoota nama ajjeesan demman keessaa shanan
=Jechuun:
1. Alkolii 🍺
2. Soogidda baay’ee 🧂
3. Sukkaara 🍬
4. Cooma baay’ee 🥩
5. Sigaaraa fi Shiishaa 🚬💨
Irraa of eeggadhaa, fayyaa keessan tikfadhaa. ❤️💪
Jireenyi keenya mootummaa keenya dha. ✨
13/05/2026
🗣️ Ati isa kam?
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
✅ Abbaan tokko hiikkaa jireenyaa ilma isaa barsiisuuf bishaan qodaa sadiitti naqee ibidda qabsiise.
1. Qodaa jalqabaatti dinnicha.
2. Qodaa lammaffaatti hanqaaquu.
3. Qodaa sadaffaatti buna itti dabalee .
Daqiiqaa muraasa booda bu'aa isaa ilma isaatti agarsiise:
➡️1. Dinnichi: Utuu hin seenin dura jabaa ture, garuu bishaan bulluqaa keessa yeroo darbu, lallaafaa fi laafaa, dadhabaa ta'e.
➡️2. Hanqaaquun: Dadhabaa fi salphaatti kan caccabu yoo ta'u, bishaan bulluqaa keessa yeroo darbu garuu keessi isaa jabaate.
➡️3. [Garuu bunni adda ture]: Bishaan bulluqaa sana (rakkina) jijjiire! Bishaan sun akka mi’aawaa fi urgaawu taasise.
✉️ Ergaan isaa kana:
Jireenyi yeroo hunda "bishaan bulluqaa" (qormaata, rakkoo, oduu, gantummaa) siif dhiheessa. Gaaffiin inni guddaan "Ati eenyu?"
• Akkuma dinnichaa rakkina keessatti abdii kutattee harka kennitaa?
• Akkuma hanqaaquu sababa rakkootiin onnee kee jabeessitee, kan yaaddoftu...
• Moo akkuma bunaa naannoo kee jijjiirta? Rakkoo kana fayyadamtee urgooftuu fi mi'aa haaraa uumtaa?
🤭Yaadadhu: Waan alaan mul'atu utuu hin taane,... Wanti keessa kee jiru dhuma kee murteessa.
✍️ "Bishaan bulluqaa" har'a si mudate akka "bunaa" gara haala gaarii fi mi'aawaa" ta'etti jijjiiri!
Singer Amanuel Gadisa Follow
13/05/2026
UTTU saba kana irraa dhalatee ta’ee yoona Finfinnee keessaa abbaa manaaf 🚘 konkolaataa meeqatii 🏠🔥
Singer Amanuel Gaaddisa (Birmataan) nama ofiif caalaa nama namaaf jiraatudha ❤️🙏
Ani yeroo dheeraa kaasee hiriyyaa isaadha 🤝. Dhugaa, guyyaa isa waliin wal baree kaasee amma ammaatti nama yeroo hunda na gorsuudha 🫂✨. Guyyaa lama dura UAE 🇦🇪 Sharjah keessatti na argee baay’ee na gorsaa ture 💬❤️. Aniis gorsa isaa kanaan waan baay’ee hubadhee jabaachaa jira 💪🧠✨
Finfinnee keessatti yeroo garaagaraa walitti arginaa ture 🏙️, yeroo hunda “waan qabu nyaadhu siin” jedhaa malee 🍽️ “na nyaachisii” siin hin jedhu ture 🙏. Kanaaf har’a garuu post isa kana ilaalee baay’ee natti dhaga’ame 😢❤️. Hadaraa maqaa ilma saba qaalii kanaa hin daldaliinaa 🚫🗣️
Hojii isaa inni gara fuulduraa hojjeetu ittiin dhalootaaf karaa ta’u hin daangessinaa 🚶♂️✨. Amo jechuun nama tokko qofa miti; nama namoota hedduuf karaa ta’eedha 🌍❤️. Ofii beela’ee isa beela’e nama nyaachisuudha 🍞🤲, ofii uffata dhisee isa uffata dhabe nama uffachisuudha 👕❤️. Kanaaf hadaraa warri maqaa isaa dhaloota keessatti xureessitan dhiisaa 🚫⚠️
Amo koo nama hanga har’aatti haala kiyya ilaalee natti hin jijjiiramne obboleessa angafaa dha 🫂❤️. Baay’ee si jaalladha Amo koo ❤️🥺🙏
Singer Amanuel Gadisa Jabaa koo
Waa’ee kanaa barachaa ooluu fakkaata. 😂🔥🙄
06/05/2026
Odeessuuf oduu jibbinee boo
05/05/2026
Handaaqqoo Qooxii guutuu
Kormaa koon keessaa dhabe
Siidaa Artistoota keenyaatii
Kan Eebboon keessaa dhabe!
Sidaawwan har'a Magaalaa Finfinnee keessatti eebbifaman waan baay'ee gaarii fi yaadannoo dhalootati; jalqabbii fi sosochiin jalqabames jajjabeessaa fi kan hamilee namatti horudhas! Kanneen karaa aartii ogummaa fi kennaa gurguddaa qabaniin sabaaf sagalee ta'anidha.
Rakkoo hin qabu nutoollee Haacaaluu Hundeessaafi Dr Alii Birraa keessattuu Eebbisaa argina. Garuu isaan kanneen keessaaa siidaan Artist Eebbisaa Addunyaa dhibuu hin qabu ture; yookaan fuulduratti illee ijaaruudhaaf dhakaa bu'uuraa kaa'uutu illee gaarii ture jedheen yaada.
Eebbisaan yeroo lubbuun jiru waan baay'ee kudhaammateera; akkasis jedhee ture:-
"Osoo funyoon hin jirree
Funyoo dheeraan hin jirree;
Maaltu muka yaabbata?
Damma nyaachuuf abdata?
Osoo seenaan hin jirree;
Silaa Maaltu of yaadata?
Eenyummaasaan dhaadhata?"
"Namni seenaa isaa hin beekne, bishaan gabatee irraati gara argetti jal'ata!" AEA
Artist Eebbisaa Addunyaa Seenaan ke boollaan oli!
03/05/2026
Obboloota koo jaalatamoo ❤️
Nama bara kana irra saroota wayyaa 🐶🙂
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Addis Ababa
94