BEDIR
04/10/2025
Magaalaa Makaana salaam masjiida Nuuritti imaama masjiidaa dabalatee muslimoonni afur ajjeefanuun ibsameera.
Hamiltan:Fulbaana 23/2018 Finfinnee
Godina walloo kibbaa aanaa booranaa magaalaa Makaana salaam ganda 02 keessatti kan argamu masjiida seena qabeessa Nuur ( masjiida Haaji Nasruu) jedhamutti imaama masjiidaa kan ta'an Sheihk Jamaal Jamaal fi wardiyyaa masjiidichaa Sheihk Yimaamiin dabalatee odeeffannoo hanga ammaatti jiruun muslimoonni afur qaamota hidhataniin ajjeefamuun beekkameera.
Akka maddi odeeffannoo kanaa ibsutti namoota ajjeefamaniin alattis kanneen miidhaman jiraachuun ibsameera.
Galgala edaa salaata Ishaa'ii booda masjiida dhukaasa qaamoleen hidhatan uumaniin namoonni kunniin kan ajjeefaman.
Yeroo qaamoleen hidhatan kunneen masjiida seenaan imaama masjiidichaa kan ta'an Sheihk Jamaal Jamaal azaanaa kan turaniifi, dhukaasa itti banameen osoo azaana hin geeffatin akka ajjeefaman himameera.
Maddi oduu Harun media
Click here to claim your Sponsored Listing.
Contact the public figure
Telephone
Website
Address
Addis Ababa