Rayyan HD

Rayyan HD

Share

23/04/2026

Sallu Alaa
󰤥 1k 󰤦 1k 󰤧 1k [SAW] ❣

23/04/2026

Salaatni Furmaata waa hundaati!
ﷺ yeroo wanni tokko isaan Yaachise gara Salaataati ariifatan.
💚💙🩵
💚💚💚ﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺ
®Rayyan HD Follow godhaa

23/04/2026

Odoo postii Takka qofa barreeysi san qoftiin akka si boodatti haftu godhi eegana barreessuu dhaabii fuula fb keetiis gadhiisii ba’i naan jedhanii;
Waa Lamaan barreeysuu filadha:

1. Wallahi, Billahi, Tallahi! Osoo wanni nu dabaraa duniyuma qofa tahe Waanti addunyaa kanarraa nu dabre jannee sheenooynu huma Tokko hin jiru,.
Waanti nu jalaa dabruu isaatiif nu sheeneeysuu inni guddaan: Baay’isanii Qur’aana qara’uu, zikrii heddumeessuu, istigfaara gochuu, du’aa’ii baay’isuu, Nabiyyii irratti (Sallallaahu Alayhi Wasallam) salawaata buusuu fi hojiiwwan gaggaarii gara Rabbitti nu dhiyeessan sinqeeyfachuudha.
Nabiyyiin (Sallallaahu Alayhi Wasallam) dhimma addunyaa ilaalchisee akkas jedhan:

"Otoo addunyaan kun Rabbitti baallee bookee takka ni qixxooyti ta’ee, Rabbiin kaafira bishaan dhugaatii xiqqollee hin obaasu ture."

2. Rakkoo si mudatteef hin gaddiin, waan si jalaa dabreefiis hin seenayiin.
• Inni si mudate sun otoo samii fi dachiin hin uumamiin dura Rabbiin sirratti barreessee jira.
Nabiyyiin (Sallallaahu Alayhi Wasallam) akkas jedhan: "Rabbiin otoo samii fi dachii hin uuminiin waggaa kuma shantama dura murtii (qadara) uumamaa hunda barreesse."

• Wanti si jala dabree fi addunyaan tun guutuun ishee, bakka alangaa Jannata keessaa tokkotti hin qixxaa’u.
Nabiyyiin (Sallallaahu Alayhi Wasallam) akkas jedhan: "Bakki alangaa Tokkoo keessanii ta jannata keessa jirtuutu, addunyaa fi waan ishee keessa jiru hunda irra caala."
Eega akkas taate, maaliif gaddita ?!
Maaliif waa hundarratti sheenawaa jiraatta?
Waan Rabbii bira jiruutu siif caala, siif hafa, akkasumas guddaa fi ulfaataadha.

Dr. Abdul’aziz Ash-Shaayi’
Abdumaalik
Yaser Jabir Abu Hezam.

23/04/2026

Jedhaa Dabraa
Abu Hezam Yaser Jabir

23/04/2026

Musiibaa Hamtuu
Rabbi Sirraa Haa Qabu
Abu Hezam Yaser Jabir

23/04/2026

"Tolina Islaaminnaa gurbaatirraahi waan isa hin fayyanne Lakkisuun." Hadiisa Nabii keenyaati ﷺ

22/04/2026

“Inni sababa qaba ta’a, ati garuu ni komatta "

Nama irratti daftee murteessuuf hin ariifatin… callisni hundi dadhabbii miti, fagachuun hundi dogoggora miti.
Imam Maalik (Rabbiin isa haa rahamatu) yeroo tokko namoota irraa of fageesse; Jum’aa fi jama’atti hin hirmaanne, dhukkubsataa hin gaafanne, awwaalcha hin deemne… yeroo gaafatan akkana jedhe:
👉 “Namni hundi sababa isaa ibsachuu hin danda’u.”
Kana jechuun: yeroo baay’ee namni sababa dhokataa qaba, ati garuu hin argitu"
Namni “Maaliif akkas hin goone siin jedha?”
garuu yeroo baay’ee siif furmaata hin qabu, si gargaarus hin danda’u—ilaalcha qofa qaba.
💭 Namni baay’een waan alaa qofa arga; waan keessa jiru hin beeku.
Namoota irratti hin ariifatin itti murteessuf.

Namni guutuun hin jiru… hundi keenya fedhii, dadhabbii fi dogoggora qabna.
👉 Dhugaa keenya fudhachuu jechuun nama ta’uu keenya fudhachuudha.
Suuta deemun rabbirrayi
Jarjaruun sheyxaanarraayi…..!

Murtiif hin ariifatin.
Rayyan HD
Galma Sara

22/04/2026

Dorgommii Qur'aanaa Sadarkaa Federaalaa 🇪🇹 (Juz 30) kan magaalaa Finfinneetti gaggeeffameen Rabiikaa Hassan sadarkaa tokkoffaan injifatteetti❣️🎓

Mana Barumsaa Qorrahey Qabridahare irraa Naannoo Somaalee 🇸🇴 bakka bu’uun kan hirmaatte Raabiikaan dandeettii fi Qur'aanaaf of kennuun injifannoo guddaa agarsiistee jirti ❣️🎓
Maashaa Allaah Rabbi irraa haa jaalatu Daa’ima Xiqqoo Tana Maashaa Allaah Osoo irraa hin janne Osoo Share hin goone hin dabrinaa ilmaan Keessan Hunda rabbi Diinirrati Qur'aanarratti Tan Afaan bartee irratti guddattu isiniif haa godhu
Toltu Multimedia Production
Yaser Jabir Add godhaa
Rayyan HD Follow godhaa.

22/04/2026

Kennaan Kennaa Olii Fayyaadha Alhamdulillaah Rabbi fayyaa sin dhoorkin.
:Abu Sufyan Follow godhaa Rayyan HD

22/04/2026

“Salaata booda hin ariifatin… yeroo xiqqoo Rabbii kee wajjin dabarsii.”

🔹️ Salaanni qaamaa ibaadaati, Zikriin Ati Salaama boodan gootu Ruuhii salaata saniiti.

🔹 Ummanni nu dura darban Salaata fixanii erga salaama baafatanii booda, yeruma sana Rabbi araarama kadhatu (istighfaar); godhan Nabi Muhammaditti ﷺ fakkaachuuf, akka hojii isaanii Rabbiin irraa fudhu kadhatu.
🔹 Zikriiwwan dhufanitti ni cichu:
“Astaghfirullaah” yeroo sadii
“Allahumma anta salaam wa minka salaam…”
SubhaanaAllah, Alhamdulillah, Allahu Akbar (33/33/34)
🔹 Iddoo salaata isaanii keessatti ni taa’u; hin ariifatan ka’uuf.
🔹 Akkasumas, zikrii salaata booda akka waan hir’ina salaataa guututti ilaalu; sababni isaas salaanni hir’ina qabaachuu danda’a, zikriin immoo ni guuta.
• Abdallaah ibnu Umar
Salaata booda zikrii baay’ee godha, tasgabbaa'e taa’ee Rabbi yaadata.
• Abu Hurayran Nama zikrii baay’ee jaallatu fi yeroo hunda Rabbi yaadatu ture.
• Hasan Al-Basrin Namoota zikrii salaata booda godhan jajjabeessaa ture.
• Muhammad binu Siirin
Salaata booda hin ariifatu, taa’ee zikrii godha.
• Sa’id ibn al-Musayyib
Salaata fajrii booda bakka isaa taa’ee hanga aduun baatutti zikrii godha ture.
✨ Ati hoo… salaata booda ni ariifattaa moo daqiiqaa muraasa Rabbii kee wajjin dabarsita?
Galma Sara
:Abu Sufyan

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address


Harar
Addis Ababa