Yaadataa Hambisaa
Karaan dhugaan jireenyi yesuus kiristoos qofa
Yesuus kiristoos Daandii gara waaqayyo Abbaatti gara jireenya bara baraatti geessu
Yesuus kiristoos Fayyisaadha
Yoh. 10
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹¹ Yesus, "Tikseen gaariin ana, tikseen gaariin lubbuu isaa hoolotaaf in kenna.
¹² Tiksee dhugaa utuu hin ta'in bitamee kan eegu, hoolonnis kan isaa kan hin ta'in, yeeyyiin hoolotatti dhufuu yommuu argu, hoolota dhiisee in baqata; yeeyyiinis hoolota butatee, warra hafan in bittimsa.
¹³ Namichi sun bitamee waan eeguuf, hoolotaaf hin dhimmu.
¹⁴ Tikseen gaariin ana, ani hoolota koo beeka, hoolonni koos ana beeku.
¹⁵ Abbaan akkuma ana beeku, anis akkuman abbaa beeku, anii fi hoolonni koo wal beekna; lubbuu koos hoolotaaf nan kenna.
Click here to claim your Sponsored Listing.