ABDI SABAA

ABDI SABAA

Share

04/07/2025

Miidiyaa walabaa tokkicha qabnu OMN kallattii dandeenyuun jabeeffachuu qabnaa jedhan dhalattoonni Oromoo biyyoota garaagaraa jiraatan.

Dhalattoonni Oromoo biyyoota Baha Giddugaleessaa, Ameerikaa Kaabaa fi Awuroppaa jiraatan yaada isaanii kennan OMN gartuu siyaasaa kami irraayyuu walaba ta'ee akkaataan aantummaa uummataa giddugala godhatee hojjataa itti jiru akka amantaa irraa qabaannu nu taasisee jira jedhan.

Rakkoo uummata biyya keessa jiru mudatu darbees lammiilee biyyoota garaagaraatti haala hamtuu keessa jiran duuka bu'uun uummataaf sagalee ta'aa kan jiru OMN akka ta'e eeraniiti jiru.

Miidiyaa walabummaan nu tajaajila jiru kana jabeeffachuu qabnaa jedhan.

Oromoon bakka jiruu Youtube OMN sabiskiraab gochuu, miseensa dhaabbataa tumsitoota OMN ta'uun galmaa'uun hanga humna ofii gumaachuufii fa'aatiin tumsuu akka qabu himaniiru.

Miidiyaa sa'atii 24 guutuu uummata tajaajilaa jiru kana uummanni jabeeffachuu akka qabus hubachiisaniiru.

Want your business to be the top-listed Media Company in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Address

Ethiopia
Addis Ababa
1000