One Love

One Love

Share

Photos from ‎Hamiltan TV قناة هملتن‎'s post 25/05/2026
Photos from One Love's post 09/05/2026

Manni marichaa imala hajjii marsaa jalqabaa eegalchiise.

Caamsaa 1/2018 Finfinnee

Manni maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itoophiyyaa keessummoota Al-rahmaan bara hajjii 1447 Itoophiyaa irraa imalan marsaa jalqabaa ifatti eegalchiiseera.

Manni marichaa daandii xiyyaara Itoophiyaa waliin ta'uudhaan imala ibaadaa kana guyyaa har'aa ifatti jalqabsiisuu beeksiseera.

Garee daandii xiyyaara Itoophiyaatti itti gaafatamaa damee daldalaa kan ta'an obbo Lammaa Yaadechaa daandiin xiyyaarichaa Imaltoota hajjii geejjibsiisuu irratti seenaa waggoota 79 akka qabu himan.

Daandiin xiyyaarichaa erga hundeeffamee bar waggaa 80ffaa isaa kabajaa kan jiru yoo ta'u hundeeffamee waggaa tokko booda hujjaajota Itopphiyaa irraa gara Sa'uudii Arabiyaatti geejjibsiisuu akka eegale yaadachiisaniiru.

Itti dabaluunis imaltoonni hajjii biyya keenyaa yeroo ibaadaa gaarii akka qabaatan hawwaniiru.

Pireesdaantiin mana maree waliigalaa dhimmoota islaamummaa Itoophiyaa Dr Kabajaa Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa sagantaa kana irratti argamuudhaan haasaa taasisaniin, majliisni erga filannoo gaggeeffatee of haaromsee hajjiin baranaa kan jalqabaa ta'uu eeruun galmee irraa eegalee hanga deemanii deebi'anitti fooyya'iinsi taasifamuu dubbataniiru.

Kana males daandii xiyyaara Itoophiyaa irratti gaafii hawaasni musliimaa kaasu deebisuudhaaf dhaabbaticha wajjiin walitti dhiheenyaan hojjachaa jiraachuu ibsaniiru.

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address

Oromia
Addis Ababa
0000