Kebor Multimedia
07/05/2026
Baankiin Hijiraa Konkolaattota Elektiriika Liqiin Majlisaaf Dhiyeesse
******
Keebor Media May 07/2026
***
Baankiin Hijiraa Mana Maree Walii-gala Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa waliin waliigaltee kanaan dura mallatteessan gara hojiitti hiikuun, sochii hojii Mana Marichaa deeggaruuf konkolaattota elektiriikaa liqiidhaan dhiyeessuu isaa beeksiseera.
***
Sirna harka fuudhinsaa har'a raawwatame irratti akka ibsametti, Baankichi konkolaattota kana dhiyeessuu kan danda’e sirna maallaqaa yeroo dheeraa keessatti kaffalamee dhumu hordofuun akka ta’e Hoji-geessisaan Olaanaa Baankichaa Obbo Daawwit Qannoo dubbataniiru.
***
Hoji-geessisaan Olaanaa kun akka jedhanitti, Baankiin Hijiraa deeggarsa maallaqaa akkasii caasaalee Mana Marichaa kanneen naannolee fi godinaalee keessatti argamaniifis gara fuulduraatti bal'inaan itti fufsiisuuf akka karoorfate ibsaniiru.
***
Baankiin Hijiraa dhimma konkolaattotaa qofa osoo hin taane, meeshaalee sochii hojii biroof barbaachisan biroos dhiyeessuun Mana Maree Walii-gala Dhimmoota Islaamummaa cinaa akka dhaabbatu beeksisaniiru.
***
Pirezidaantiin Mana Maree Walii-gala Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheek Hajii Ibraahim Tufaa gama isaaniitiin, Baankiin Hijiraa sochii hawaasummaa fi dhaabbatummaa Mana Marichaa keessatti gumaacha guddaa gochaa jiraachuu isaaf galateeffatanii, konkolaattotni kun tajaajila si’ataa fi amanamaa kennuuf akka gargaaran dubbataniiru.
Waliigalteen kun kanaan dura Mana Marichaa fi Baankii Hijiraa gidduutti kan mallatteeffame yoo ta'u, hojiin har'aa kun bu'aa waliigaltee sanaa isa jalqabaa akka ta'e Pirezidaantichi yaadachiisaniiru.
Sirna harka fuudhinsaa kana irratti hoggantoonni olaanoo Mana Maree Walii-gala Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa fi hoggantoonni olaanoo Baankii Hijiraa argamaniiru.
***
Nuhordofaa
👇👇👇
Facebook. To connect with Facebook
👇👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=100090463585308
👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=61585458022947
YouTube
??👇👇
https://www.youtube.com/
Telegram
👇👇👇
https://t.me/KeborMedia
TikTok
👇👇👇
tick.com/.multimedia
WhatsApp
👇👇👇
https://whatsapp.com/channel/0029VbBfT6L1dAw7mnQ4l52f
06/05/2026
Haati waggaa 12 booda daa’imman shan yeroo tokkotti Dahuun Gabaafame.
****
Keebor Media May 06/2026
***
Hospitaalaa Ispeeshaalaayizdii Hiyiwoot Faanaa Magaalaa Haramayaatti Haati Takka Waggaa 12 Booda yeroo tokkoti daa’imman 5 nagaan oofkalteerti.
***
Jiraattuu Magaalaa Harar aanaa Soofii ganda Qiilee kan taate Aadde Badiriyaa Adam turtii waggoota 12 booda kaleessa halkan daa’immaan 5 yeroo tokkotti oofkalte.
***
Aadde Badiriyaa Adam waggoota 12’f daa’ima dahuu barbaadanis osoo hin milkaa’in turuun xinsammuu isheerratti miidhaa olaanaa qaqqabsiisuu yaadachuun, amma garuu miira gammachuu addaa keessa jiraachuu dubbatti.
***
Daa’immaan kunneeniif kunuunsi barbaachisu taasifamaafii jiraachuu Ispeeshaalistiin yaala Gadameessaa fi Ulfaa Dooktar Obsaa Hasan ibsaniiru.
***
Yeroo ammaa kanas daa’immanis ta’ee haati haala gaariirratti kan argaman ta’uu dubbatan.
***
Nuhordofaa
👇👇👇
Facebook. To connect with Facebook
👇👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=100090463585308
👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=61585458022947
YouTube
??👇👇
https://www.youtube.com/
Telegram
👇👇👇
https://t.me/KeborMedia
TikTok
👇👇👇
tick.com/.multimedia
WhatsApp
👇👇👇
https://whatsapp.com/channel/0029VbBfT6L1dAw7mnQ4l52f
04/05/2026
Sirni Geggeessaa Awwaalcha Dr Muhammad Dawaanoo Magaalaa Asaasaatti Raawwate.
***
Keebor Media May 04/2026
***
Sirni Geggeessaa Awwaalcha Dr Muhammad Dawaanoo fi Hiriyoota Isaan Waliin Aakiraman 4 Magaalaa Asaasaatti Geggeeffame.
***
Dr Muhammad Jireenya Isaanii Keessatti Hawaasaaf Kan Jiraataa Turan Yoo Tahu Barnoota Isaanii Fayyaadhaan Baratanii Mana Yaalaa Giddugala Dawaa Jedhu Magaalaa Asaasaatti Ijaaruudhaan Hawaasa Tajaajilaa Turaniiru.
***
Dr Muhammad Dawaanoo Haafiza Qur'aanaa Nama Tokkummaa Ummataa Jalaatanii fi Leenjii Garagaraa Kennuudhaan Hawaasa Isaanii Leenjisaa Turaniiru.
***
Haatahuu Malee Guyyaa Kaleessaa Balaa Konkolaataa Tasa Isaan Irra Gaheen Isaanii fi Hiriyoonni Isaanii Namoonni 4 Gara Fuula Rabbii Isaanii Deemaniiru.
***
Guyyaa Har'aa Magaalaa Asaasaatti Bakka Ulamaa'onni, Jama'aan Ilmii Baratan Hedduun Akkasuma Maatii fi Hawaasni Bal'aan Isaan Jaalatan Argamanitti Araarama Kadhatanii fi Irratti Salaatuun Geggeessaniiru.
***
Akka Keebor Media tti Nama Miidiyaa Kana Jajjabeessaa Turan Tahuu Ibsuun Gaddi Guddaan Nutti Dhagahamus Rabbiin Isaaniif Haa Araaramu Maatii fi Hawaasa Bal'aa Rabbiin Isin Haa Obsisiisuun Ergaa Keenya.
***
✍ Ukaashaa Sheek Abdulqaadir
Nuhordofaa
👇👇👇
Facebook. To connect with Facebook
👇👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=100090463585308
👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=61585458022947
YouTube
??👇👇
https://www.youtube.com/
Telegram
👇👇👇
https://t.me/KeborMedia
TikTok
👇👇👇
tick.com/.multimedia
WhatsApp
👇👇👇
https://whatsapp.com/channel/0029VbBfT6L1dAw7mnQ4l52f
03/05/2026
Preezdaantiin Majlisa Itiyoophiyaa dhaabbileen amantaa biroo sarbama mirgaa Muslimoota Aksum irratti raawwatamaa jiru furuuf akka tumsan waamicha dhiyeessaniiru!
********
Keebor Media mey 03/2026
***
Dhiittaan mirgaa Muslimoota Aksum irratti raawwatamaa jiru dhaabuuf gargaarsi fi tumsi dhaabbilee amantaa biroo barbaachisaa ta’uu Pireezidaantiin Mana Maree Ol’aanaa Dhimma Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheek Haaji Ibraahim Tufaa ibsaniiru.
***
Pireezidaantichi ergaa eebba sirnaa kaawnsilii Dargaggoota Musliima Kibba Itoophiyaa magaalaa Arbaa Minchitti geggeeffame irratti dabarsaniin, Manni Maree Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa fi Manni Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Majlisa waliin ta’uun gara iddoo sanaa deemuun sarbama mirgaa Muslimoota magaalaa Aksuum irratti raawwatamaa jiru furuuf tattaaffii akka godhan waamicha dhiyeessaniiru.
***
Ummanni Abisiiniyaa durii kaasee keessummeessituu fi haqa qabeessa ta’uu kan kaasan Pireezidaantichi akka jedhanitti; Haalli amma Aksuum keessa jiru gatii seenaa sana kan hin calaqqisiifne ta’uu fi dhimmichi hatattamaan furmaata argachuu akka qabu cimsanii dubbataniiru.
***
✍ Ukaashaa Sheek Abdulqaadir
Nuhordofaa
👇👇👇
Facebook. To connect with Facebook
👇👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=100090463585308
👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=61585458022947
YouTube
??👇👇
https://www.youtube.com/
Telegram
👇👇👇
https://t.me/KeborMedia
TikTok
👇👇👇
tick.com/.multimedia
WhatsApp
👇👇👇
https://whatsapp.com/channel/0029VbBfT6L1dAw7mnQ4l52f
03/05/2026
Innaa Lilliiaahi wa innaa ileyhi raaji'uun
Gadab Asaasaa Nama Guddaa Dhabde
Balaa Konkolaataa isaan Mudateen Gara Fuula rabbii Isaanii deemaniiru
Rabbiin Isaaniif Haa Araaramu, Maatii fi Hawwaasa Hundaaf Jajjabina Haakennu
Balaa Tasaa Nu haatiksu
02/05/2026
Sirna Eebba kaawnsilii Dargaggoota Musliima Naannoo Kibbaa Boru geggaaffamuuf Jilli Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa Durfamu Magaalaa Arbaa Mincii gale.
**
Keebor Media May 02/2026
***
Sagantaan eebba Biiroo kaawnsilii Dargaggoota Musliima Naannoo Kibbaa Itiyoophiyaa guyyaa boruu magaalaa Arbaa Minciitti ni gaggeeffama.
***
Eebba seena qabeessa kana Irratti Argamuuf Kabajamoo Pireezidaantii Mana Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa, Pirezedaantiin kaawnsilii Dargaggoota Musliima Itiyoophiyaa, Ustaaz Haayidar Kadirii, fi hoggantoonni olaanoo biroo har’a magaalaa Arba Mincii galaniiru.
***
Jilli kun yeroo buufata xiyyaaraa Arbaa Mincii gahu hoggantoota olaanoo Majlisa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa, qondaaltota mootummaa, fi jiraattota Musliima magaalattii hedduun simannaa ho’aa taasifamuun simatamaniiru.
***
Maddi:- Harun Media
Nuhordofaa
👇👇👇
Facebook. To connect with Facebook
👇👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=100090463585308
👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=61585458022947
YouTube
??👇👇
https://www.youtube.com/
Telegram
👇👇👇
https://t.me/KeborMedia
TikTok
👇👇👇
tick.com/.multimedia
WhatsApp
👇👇👇
https://whatsapp.com/channel/0029VbBfT6L1dAw7mnQ4l52f
Click here to claim your Sponsored Listing.