TEM Lamaa Group

TEM Lamaa Group

Share

17/12/2023

Siyaasa biyya keenyaa keessaa wanti fokkisaan tokko namoonni/ murnoonni gaafa waldhaban maatii walii kan miidhaniidha. Nuti warri qabsoo/siyaasa hojii godhannee filanne aarsaafi wareegama dhuunfaan dhufuu malu beekneeti itti seenne. Garuu ammoo haati, abbaan, adaadaan, haati warraa, obbolaanfi daa’imman keenya murtii kana keessatti hirmaannaa hin qaban. Badii uumamuufis wanti itti gaafatamaniif hin jiru. Taayyee Danda’aas tooraafi tooftaa siyaasaa filateen aarsaa itti dhufe kafalus, maatii isaa miidhuun garuu fafa. Yeroma mana itti kireeffatanis osoo hin kenniniif daa’imman isaa mana jireenyaa keessaa ari’uun cubbuudha.

Gochi akkanaa qaroowwan siyaasaa (political elites) jiddutti gadoo dhuunfaa hammeessuun, bor gaafa yeroon jijjiramte walitti fayyuu rakkisaa godha. Siyaasni haaloo ( revenge politics) ammoo biyya balleessa.

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address

00251975084356
Addis Ababa