Tokkummaan Humna

Tokkummaan Humna

Share

Fana Media Corporation S.C. (FMC) (@fanatelevision) on X 13/11/2025

Guyyaa 4/3/2018
Humni Qilleensaa birmadummaa biyyaa kabachiisuun seenaa boonsaa qaba - Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa

Humni Qilleensaa birmadummaa biyyaa kabachiisuun seenaa boonsaa qaba jedhan Ajaja Olaanaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan.

Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan kabaja guyyaa hundeeffama Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa waggaa 90ffaa ilaalchisuun jiraattoota Magaalaa Adaamaa waliin marii gaggeessaniiru.

Wayita kanatti Letenaal Jeneraal Yilmaan haasawa taasisaniin, Humni Qilleensaa gootota hedduu kan horate dhaabbata Aveeyshinii guddaadha jedhan.

Dhaabbatichi birmadummaa biyyaa kabachiisuu keessatti seenaa boonsaa hojjechuu eeruun, qophaa’ummaa Humna qilleensichaa ummanni akka beekuu fi dandeettii isaa akka cimsatuuf guyyaan hundeeffamaa ni kabajama jedhan.

Haaluma kanaan hawaasni guyyicha waloon akka kabajuuf waamicha dhiyeessaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee gamasaaniin, Raayyaan Ittisa Biyyaa wabii nageenya biyya kanaati jedhan.

Guyyaan hundeeffama Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa waggaa 90ffaan agarsiisa aveeyshinii, marii paanaalii fi sagantaalee garaagaraan ni kabajama.

Maddii Oduu:
FMC
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Fana Media Corporation S.C. (FMC) (@fanatelevision) on X Website: https://t.co/7JaH4QD1v9 Telegram: https://t.co/kOm5fBOos1 Bluesky Social: https://t.co/vqJ2mDC9ik

Photos from FMC Afaan Oromoo's post 18/10/2024
Photos from Oromia President Office's post 21/09/2024

Kana fakkkaata qa'een warra keenya!

Want your business to be the top-listed Business in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Address

Addis Ababa

Opening Hours

02:00 - 05:00