Kdr Sh

Kdr Sh

Share

13/09/2025

🗣️ Sammuu kee Leenjisi /Train your mind/
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
✍️ Leenjiin ilma namaatiif waan murteessaadha. Namni waan hin beekne beekuuf yaaluu qaba. Ilmi namaa yoo shaakaluu barachuu dhiise malee wanti inni hin dandeenye hin jiru. Kun kan agarsiisu, ilma namaa keessa dandeettiin addaa jiraachuu agarsiisa.

Fakkeenya salphaa yoo fudhanne, namni kamiiyyuu yoo hin yaalin ykn yoo shaakalin barreessuu tasuma hin danda'u, konkolaataa oofuu hin danda'u, afaan dubbachuu hin danda'u, shaakala sport adda addaa gochuu hin danda'u...ilmi namaa bu'aa waan leenji'eeti jechuudha. Sammuu leenjisuun waan hunda leenjisuudha! Waaqayyo sammuun keenyaan, hafuuraan akka geggeeffamu godhee ilma namaa uumeera. Kun uumama hundarraa adda nu taasisa. Sammuun waan nuuti leenjisne kamiiyyuu leenji'uuf qophiidha. Waan gaarii, milkii, na danda'a yoo leenjisne waan gaarii bu'aa qabu hojjetee nutti agarsiisa, sodaa, shakkii, dadhabina, hin danda'u yoo deddeebinee itti himne, isuma shaakala bu'aa isas ni argina.

📖 Kutaa qaama keenyaa kan biras akkuma leenjifnu, waan dansaa yaadutti sammuu haa leenjifnuu.

Addunyaan kun garuu, warra sammuun naaffatanii fi warra sammuun hir'uun malee warra qaama miidhamaniin tasumaa hin baddus, hin barbaaddus. Silaa naaffachuun qaamaa milkaa'ina namaatti daangaa osoo godhee Pireezendatiin Ameerikaa 32ffaan, Roosevelt wheelchariirra taa'ee hoogganaa hin ta'u ture.

✍️ Helen Keler isheen ija ittiin libsattu hin qabne akkasumas duudaa taate, barreessituu fi nama siyaasaa cimtuu ifa biiftuu jalaa hin taatu ture. Rakkoon naafummaa sammuu caale hin jiru. Gidiraan sammuun gabroomuu caale hin jiru, hin jiraatus. Rakkoo kana jalaa bahuuf immoo sammuu keenya leenjisu qabna. Sammuun leenji'e burjaajjii irraa nu bilisoomsee yaada keessoo keenyaa akka jiraannuu fi hiika dhalachuu keenyaa akka jiraannu nu taasisa!

Maddi: Kan dubbifne irraa👌

29/07/2025

With Emir Abdu – I just made it onto their weekly engagement list by being one of their top engagers!

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address

St
Addis Ababa
FB