Regasa Biftu
NUTUU WALIIF FURMAATA !!!!!
Qomootu waliif furmaata
Nutu waliif qooda
Lammiitu lammii isaatiif
Dhiigee waliif hadooda
Rakkinatti kan wal dhiisu
Firri akkasii jiraaree..?
Qomoo ofiitti kan jabaatu
Diina male firaaree..?
Yoo waliif hin dhimmamne
Waliif ta'ee qabbana
Lammiidhaa guggubatuu
Nyaatee teenyaan mana
Kansaas jiruu ta'aaree
Lammiisaatii gubatuu..?
Fira jechuun fira
Rakkoo walii hubatuu..!
Waliif ha barmannu dafnee
Walirraa ha qooddannu eelaa
Beekna waliin beekna
Jabduudha dubbiin beelaa
Kaan nyaataa bulee
Tokko utuu agabuu
Akkamiin akkas rakkata lammiin
Miiliyoona hangana qabu
Kanaaf....
Dhabni qomoo tokko
Cabus faana walii okkolaa
Birmannee ha owwaannu
Waamicha obbolaa
Wal ha utubnu dafnee
Nutu waliif nafaa
Waanuma qabnurraa
Wal ha kaafnu lafaa
Ka'aa wal kakaasaa
Gargaarsatti dafaa
✍🏼️..
Hin darba kunis
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Website
Address
Addis Ababa
REGASABIFTU.COM