Ifaa Adaamaa

Ifaa Adaamaa

Share

Photos from Ifaa Adaamaa's post 07/12/2024

28/03/2017
Gabrummaa Olaanaan Wallaalummaadha...!!
⨳⨳⨳⨳//⨳⨳⨳
Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa Aanaa lafa qonna jallisii rakkoo nageenyaa fi suphamuu dhabuu kaanaaliitiin yeroo dheeraaf addaan citee ture suphuu fi iddoo hin geenye biraan gahuun bakka hoggansi magaalaa, kutaa magaalaa, fi Aanichaa argamanitti qamadii bonee faca'eera.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee jiruuf jireenya ummataa jijjiiruuf karoora imala badhaadhina bocee bu'aawwan gurguddaa galmeessaa jiraachuu ibsanii aanaalee daangaa magaalaa jiran misoomsuun omishaaf omishtummaa guddisuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf nageenya keenya tikfachaa aadaa hojii fi qusannaa cimsuun tokkummaa fi obbolummaadhaan hojjennee badhaadhina yaadame dhugoomsuu akka qabnu dhaamaniiru.

I/G Waajjira Qonnaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Alamuu Qilxuu bara kana jallisii boneetiin lafa hektaara kuma 30 irraa callaa kunt. Mil.1.2 ol sassaabuuf hojjetamaa jiraachuu ibsanii zooniin kun sababoota gara garaatiin omisha omishuu qbu osoo hin argatin ture yeroo ammaa Kaanaalii bishaanii manca'e suphuun hawaasni qamadii fi kuduraaf muduraa adda addaa omishee wabii nyaataa mirkaneeffachuu akka danda'utti hojjechaa jirra jedhaniiru.

Want your business to be the top-listed Media Company in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Address


Cameroon
Addis Ababa