Ijoollee IFAA
26/12/2022
The mindset of a kingdom steward, then, is that of an investor and not a spender
Sagantaa s.duraa ganama har'aa konfiraansii keenya irratti kan barsiifame.
Pr. Solomon Benti
“Yeroo sana keessa waldaan amantootaa Yihudaa, Galiilaa, Samaaririyaa hundumaa keessatti nagaa argattee, ijaaramte; sodaa gooftaatti jiraachaa; jajjabina hafuura qulqulluutiinis baay'achaa turte.”
— HoE. 9:31
Fili 2:1-11
TOKKUMMAA HAFUURAA DHUGAA/እውነተኛ መንፈሳዊ አንድነት
Wal wajjin Waaqayyoon waaqessu qofamoo wal beekna?
Tokkummaan Waaqayyo fedhu isa dhugaati.
Nagaan waldaan yeroo ergamootaa ari'atamatu dhibe osoo hin taane nagaa hafuuraa isa dhugaa qabu turan.
Tokkummaan hafuuraa inni guddaan maal irra madda?
1. Gammachuu Kristos irraa madda tokkummaan akkanaa
Biyya keenya keessa qarshii walitti dabalachuu malee yaada walitti dabalachuun hir'uudha. Fili 2:1-2
2. Kabajaaf hubannaa waa'ee obboleessa keenyaaf qabnurraa dhufa.
Walii keenyaaf ilaalcha qabnurra dhufa. Fili 2:3-4
3. Jireenya ulfinaafi kabaja dhuunfaa ofii giddu galeessa godhaterra hiikamu.
Faayidaa dhuunfaa ofii giddu galeessa godhachuu dhiisu. Fili 2:5-6
4.Fakkeenyummaa Kristos hordofuu.
Fili 2:7-8
Fakkeenyummaan inni nuuf dhiise Filp. 2
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁷ Inni ulfina sana gad dhiisee, akka waan, waan tokkotti hin galle of godhe; bifa garbummaa in fudhate; fakkaattii namummaatiin in dhalate, waan hundumaanis nama ta'ee argame.
⁸ Inni gad of deebisee, hamma du'aatti,hamma fannifamee du'utti iyyuu abboomamaa ta'e.
5. Waliif galuu,wal simachuu,wal fudhachuufi wal deggaruudhaan tokkummaan hafuuraa inni dhugaan dhufa.
Filip 4:1-3 Yaada tokkotti waliif galuun barbaachisaadha.
Click here to claim your Sponsored Listing.